Qeerroon har’ammoo dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruu qaba jedhame

  • Tajaajila lammummaatiin biqiltuuwwan 4500 dhaabaman

Duukam: Qarreefi qarreen kaleessa lubbuu arjoomee biyya ijaare har’a dhiiga arjoomee lubbuu baraaruu akka qabu dargaggoonni Magaalaa Duukam ibsan. Tajaajila lammummaa dubartootaatiin biqiltuuwwan 4500 dhaabaman.

Sagantaa tajaajila lammummaa kaleessa akka Oromiyaatti Magaalaa Duukamirratti dubartootaan geggeeffamerratti dhiiga arjoomuun kan hirmaatan qeerroowwan magaalattii Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, dargaggoonni akkuma kaleessa lubbuusaanii wareeguun biyya ijaaran har’as hojiilee tola ooltummaarratti keessumaa dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruu akka qaban dubbatu.

Qeerroowwan dhiiga arjooman keessaa Dargaggoo Caalaa Mallasaafi Dargaggoo Taammiraat Dheeressaa akka jedhanitti, qeerroofi qarreen duula tajaajila tola ooltummaa dubartootaan adeemsifamaa jirurratti dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruu qabu.

Qarreefi qeerroon utubaa lammii ta’uus eeranii, dargaggoonni akkuma kaleessa jaalala lammiif qaban kubbuusaa wareeguun agarsiisan tajaajila tola ooltummaa saplhaarratti dhiiga arjoomuun hirmaachuunsaanii kan isaan gammachiise ta’uu eeraniiru. Dargaggoonni biroonis tola ooltummaa haalota adda addaatiin ibsamanirratti hirmaachuu adeeffatanii aantummaa lammiif qaban agarsiisaa lubbuu baraaruu qabu jedhaniiru.

Tajaajilli loltummaa kaleessarraa eegalee guutummaa Oromiyaatti dubartoota miliyoona jaha tahan hirmaachisuun geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, sagantaa kaleessaatiin biqiltuuleen kuma 4500 dubartoota kuma 1okkoofi 200n dhaabamaniiru.

Waasihun Takleetiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *