Buna siyaasa hinqabne

Akkamiifi attamitti jirtu? Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa? Ani nagaadha. Nagaa ta’uu keessanitti guddaan gammada. Sabnikoo fuula ifee garaan quufee kolfee yommuu taphatu akkamitti akkan gammadu isinitti himuu hindanda’u.

Torban kanammoo gammachuun kiyya gammachuu laayyoo hinturre. Maal argattee maaliin gammadda jettanii nagaafachuun keessan waan hinoolleef anis isinitti himuuf waanin isin dhoksu waanin hinqabneef haasa’aatuma deemna.

Torbanoota darban keessa wantoota nagammachiisan keessaa tokko shirri guddaan tokko fashalaa’uusaati. Innis maali isinitti fakkaate? Mootummaafi warra amantii Islaamaa hordofan walitti buusuuf yaadamee durfamee furmaata argachuusaati. Ani kan jedhu maaluma yoo jedhan Arafaan yommuu dhihaatu masgiida diiguuf yaadamaa?

Guyyaa Arafaatti mormii guddaa kaasisanii sana booda qaama mootummaafi amantoota adddaan fageessanii bu’aa siyaasaa irraa argachuufi? Haatee durba jennaan durkaa jedhe jedhanii maraatichi? Osoo bara duriitii tarii milkaa’uu danda’a ta’a. Bara kana garuu shirri akkanaa waan milkaa’uu danda’uu miti. Maaliif jennaan hundumtuu dadammaqiisa guddaadhaan ofiifi naannawasaa eega kaa.

Kana caalaa wanti nama gammachiisu jiraa? Silaa osoo wanti isaan yaadanii turan sun milkaa’eefii turee yoona badii baay’eetu raawwatama ture mitii? Waanalleefuu Ashuu kaa kantiibaa koo! (‘biravo my mayor!’) jedheeniira. Kan laaqanaaf isa qopheessatin ciree affeere.

Waan hunda caalaa yeroo ammaa wantoota na aarsaa jiran keessaa tokko obsa guddaa mootummaan warra yakka raawwataniif qabuuchuusaati. Tokko tokko ifumaan ifatti yakkoota guguddoo osoo hojjetuufi hojjechiisuu callisaan ilaalamu.

Waraani ajjeesi, abbaa irrummaakee deeffadhu… agabuu bulaa qawwee bitadhuu boraafadhu nama jedhee saba kakaasu wajjin akkuma hoolaa gurguramuu diddee walkeessa yaa’aa oolla. Garuumee yaa Gaashe mootummaa hamma yoomitti obsitaa? Gaaffii tokkon siif qaba. Hamma yoomiitti balballi baroota baay’eef cufamee ture sun banaatti dhiifamaa? Balballi kun banaa turuunsaa sirruma qilleensi ukkaaamfamaan bahee akka itti qilleensa’uuf gargaara.

Garuummoo banaadhumatti hafuunsaas rakkoo baay’eef manicha sana saaxila. Yaa Gaashee mootummaa adaraa balbala banaa jirutti bineensi galee hora waan ta’eef kana hubadhu. Balballi banaan manichaas abbaa dhabamsiisuu danda’a waan ta’eef ofeeggachaa sirbuu qabda natti fakkaata.

Ani garuu gama kootiin balbala manakoo kan banaatti dhiisi jettee na abboomte cufachunn qaba jedhee waanin itti amaneef osoo hindukkanaa’in cufachuufin dirqama waan ta’eef adaraa osoo hindimimmisaa’in nattimi… ajajakee kabajumaaf jechan akkas siin jedha malee manakoo osoon hincufin hinbulchu.

Mee maalumaafuu ati kan maakiyaatoo dhugaa dubbisaa jirtu kun maakiyaatoonkee osoo sijalaa hinqorrin mee kokorsiitii irraa unadhu. Atoo kan farsoo Oromoo dhugaa jirtu… mee al tokko irraa habbuqqadhu.

Farsoo Oromoo meeqa keessantu beeka laata? Wayyoo yaa farsoo sanii akkuma daabbootti ciffatamaa bar. Kan mi’aa isaarra yommuu deeffatan kan fuunyaan keessatti nama waraanuufi nama gammachiisu ta’uusaatu waan ajaa’ibaati. Maalumaafuu inni qorreefi qabbanaa’ee hinqabu waan ta’eef takka turtees habbuuqqachuu dandeessa waan ta’eef abshiir.

Ati garuu inni buna jabanaa ajajattee dhugaa jirtu bunatti qoosuu hinjaaladhu waan ta’eef adaraa bunatti hinqoosin. Buna jabanaa kana akkan ani itti jaaladhu! Guyyaatti yoo xiqqaate buna jabanaa sinii shanan tokko nan dhuga. Sanuu bar kanin manatti dhugee bahuun alatti jechuu kootii.

Buna jabanaa kana iddoodhuman deeme hundatti dhugu malee bira hindarbu. Kana yommuun isiniin jedhu guyyaa baay’ees osuma natti urgaa’aa nadharraasisuu guyyaan itti dhiisee bira darbe, guyyaan ani osoon hinargin naaf buufamee yommuun ilaalu waan jibbu tokko argee dhiisee herreega isaa kafalee biraa deemu jira.

Yeroon immoo akkan nama anaa wajjin jiru hinmuufachiisneef jedheee osuman hawwuu shaayii hammas mara hin jaalanne ajajadhee dhugee biraa deemu jira. Garuu maaliif isinitti fakkaata? Yommuun buna dhuuguuf qophaa’u sababan bunan daabboof buddeena caalaa jaaladhu san jibbeef isinitti hinfakkaatin. Waanin meeshaa bunni itti buufamu jibbuufi.

Bunni ani daa’imummaa kootii dhugaa guddadhe buna siyaasa hinqabne, buna amantiis hinqabne. Buna yoofeenu aannaniin yoofenummoo ashaboodhaan yommoo barbaanne shukkaaraan abooliisaa shinii ykn quluu ykn kubbaayyaa shan akka barbaannetti haasa’aa dhugnu sani malee buna shinii irratti halluu adda addaa dibanii warra du’an ittiin faarsaa warra jiran ittiin aarsanii miti.

Sanuu baay’inaan kan dallansiisanii warra haallicha hinjaalanne, warra argama bunaa ta’anii buna dhuguu mitii haaluma bunni itti danfuufi itti dhihaatu dinqisiifachaa jiraatan, warra akkakoo nyaata yeroo bunni dhihaatu nyaannu ‘qursii bunaa’tiif jecha buna jalqabanii buna dhugan malee manaa baanaan guyyaa guutuu of nyaachaa oolan kanammoo wanta hunda caalaa kan gammachiisu bunayyuu osoo hinta’in haalluu shinii bunni itti buufamu sani.

Kan naaf hingalle tokko jarri shinii bunaa irratti haalluu alaabaa bara durii sanuu kan bara leenci irra jiruu irratti maxxansanii horii kiyyaan bunicha bitadhee akkan dhuguuf barbaadan kun gowwootuma akkamiitii? Ani osoon isaan ta’ee nama eenyummaasaa jibbu horiisaa hinbarbaadu. Eeyyee. Dhuguma jarri kun jaalala biyyaa qabaataniit waan akkasii godhanii jennee osoo gaafanne deebii isaa shiniidhuma san ilaallee deebisuu dandeenya.

Osoo jaalala biyyaa qabaatanii waan akkasii kan raawwatan ta’ee silaa haalluu alaabaa biyyattii kan asxaa walqixxummaa sabaafi sablammoota ofirraa qabu san shinicharratti dibanii ittiin dhugaa jedhanii nuuf dhiheessu ture.

Torban torban hoosee isiniif haata’u jechaa mee maaloo yaada qabdan garaa email kiyyaa kelbemeg@gmail.com naaf barreessitanii naan gahuu dandeessu. Dhimmootan ani akka xuxxuquuf barbaaddanis yoojiraate akkasuma gurra nabuusaa.

Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi
Piroodiwusarii diraamaati.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *