Finfinnee giddugala ispoortii taasisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Dhalli namaa erga uumamee kaasee wal’aansoo jiruufi jireenyasaa guyyuu mo’achuuf sochii taasisu keessatti fayyummaafi cimina qaamaasaa beekees ta’e osoo hinbeekiin eeggachuusaa seenaan jalqabbii ispoortii ni ibsa.

Sochiin  ispoortii jaarrawwan hedduun dura akka feeteen jalqabame kun yeroo har’aa bifa qiindaa’efi jaallatamummaa ummataa gonfateen hordofamaa jira. Akkasumas, haala kabajaafi ulfina biyyaa eegeen gaggeeffamuun erga jalqabamee as garuu sadarkaa idil addunyaatti mallattoo eenyummaa biyya tokkoo ta’uun nageenya, jabiinaafi tokkummaa ummata addunyaa ibsuun ga’ee oolaanaa taphachaa jira.

Akka Itoophiyaattis ta’e akka Oromiyaatti, yaadrimee addunyaan ispoortii qabdu kana fudhachuun madda ispoorteessitootaa kan taate magaalaan Finfinnee irratti hojjechuun erga jalqabame oolee buleera; bu’aaleen argamanis olaanaadha.

Kanuma bu’uureeffachuudhaan sochii ispoortii magaalaa Finfinnee ilaalchisuun Komishinariin Komishinii Ispoortii magaalattii Obbo Yoonaas Aragaawii ibsa Roobii darbe gaazeexaa Bariisaaf kennaniin akka muli’sanitti, Finfinnee giddugaleessa Ispoortiiwwan biyyaa gochuuf sochii olaanaan taasifamaa jira jedhu.

Finfinneen giddugala ispoortii ta’uusheetiin kilabonni ciccimoo akaakuuwwan ispoortii ammayyaa addadddaa durirraa kaasanii magaalattiitti gurmaa’uun biyyattii sadarkaa biyyooleessaatti waamsisaa turusaaniif ragaa hin barbaachisu jedhu.

Keessumaa Itoophiyaan olompikiiwwan ammayyaa, shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa, taphawwan guutuu Afrikaafi shaampiyoonaawwan atileetiksii Afrikaarratti hirmaachuun qabxiiwwan boonsaa galmeesisuu kaasu.

Bulchiinsi magaalaa Finfinneefi Komishiniin ispoortii magaalattis kun akka hinlaafneef jecha walta’uun bu’uuraalee ispoortii babal’isuun bara 2012 aanaalee kutaawwan magaalaa kurnan keessatti waliin ga’uuf hojiin isaa hatattamaan gaggeeffamaa  jiraachuusaa ibsu.

Dhaabbanni Ispoortii  Jaan Meedaa, Wiirtuun Leenjiifi Barnoota Ispoortii Araat kiiloo, Wiirtuu Leenjii Ispoortii Raas Haayiluu ,Istaadiyoomiin Abbabaa Biqilaafi kkftti iddoowwan oolmaa ispoortii ijaaraafi haareessaa jiraachuu himu. 

Komishinarichi akka jedhanitti, bakkeewwan ispoortii aanaalee 117n magaalaa Finfinnee keessatti haaromsuuf karoorfame keessaa 61 hojiin isaanii xumuramee bara dhufu tajaajila ni kennu. Keessumaa kanneen waggaa lamatti ni xumuramu jedhamanii bara 2006 jalqabamaniifi qarshii miliyoonni 56 itti dhangala’e keessaa, Wiirtuun Leenjii Ispoortii Raas Haayiluu waggaa torba lakkoofsisuusaatiin, qajeelfamni itti kennamuu saffiisaan xumuramaa jira.

Wiirtuun Leenjiifi Barnoota Ispoortii Araat kiiloo ammoo ergamasaa ba’aachuu dhabuun mana siree taasifamuu isaatiin hojjettoota yakka kana uumanirratti tarkaanfii fudhachuun ittigaafatamummaasaa akka ba’aatu godhameera jedhu. Dhaabbanni ispoortii Jaan Meedaas dirree ispoortii ta’u dhiisee bakka daldalaa ta’uun suqiiwwaniin marfamaa jiraachusaatiin, hatatamaan diigamanii bakka isaatti akka deebi’uuf komishinichi hojii olaanaa taasisaa jiraachuusaas ni himu.

Bu’uuraalee ispoortii kanneen babal’isuuf dhaabbileen ispoortii, abbootiin qabeenyaafi ummanni deggarsa olaanaa taasisuun hirmaachaa jiraachuusaanii eeru.

Ummata fayya qabeessaa horachuuf bu’uurri Ispoortiidha kan jedhan Obbo Yoonaas, ispoortii waloof xiyyeeffannaa kennuun ummanni magaalaa Finfinneefi naannawashee ji’atti al tokko bakka jiraatu, hojjetuufi oluutti sochii ispoortii akka taasisu godhamuu kaasanii, haaluma kanaan Qaam’ee 3 bara 2011 sagantaa adda addaatti ‘’Guyyaa Sabboonummaa Biyyaaleessaa’’ jedhame akka kabajamuufi  ummanni kuma 200 saganticharratti ni hirmaatu jedhamee akka eegamu ibsu.

Guyyaa kanas Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa dabalate naannoolee biyyattii saglaniif bakki kennamuun aadaasaanii akka agarsiisan waamichi taasifamus  dabalanii addeessu. Akka ibsa Komishinarichaarraa hubanneetti boru daa’imman guddattoonni kuma 15 ta’an Addababa’ii Masqalaatti ispoortii Waloo irratti ni hirmaatu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *