“Roodmaappichi aangoo naannolee heeraan kennameef kan faalleessuudha” -Doktar Firdisaa Jabeessaa

“Barnoota sadarkaa tokkooffaa kan murteeffatu naannolee waan ta’eef wanti nama yaaddessu hinjiru”

  • Doktra Tolaa Bariisoo

Finfinnee: Ministeerri Barnootaa, Roobii darbe wixinee caasaa barnootaa haaraa iftoomsuunsaa ni yaadatama. Caasaan haaraa kunis 6-2-4 jedhuun kan fooyya’e yoo ta’u, kunis waggaan ja’a sadarkaa tokkoffaa marsaa tokkoffaa, waggaan lama sadarkaa tokkoffaa marsaa lammaffaaffi waggaan afur ammoo kan sadarkaa lammaffaa ta’uudha ministeerichi kan mul’ise.

Bu’uura caaseffama haaraa kanaan barattoonni yemmuu kutaa 6fa xumuran qormaata naannoo, kutaa saddeettaffaatti ammoo qormaata biyyaalessaa qoramu. Qormaanni biyyaalessaa kutaa 10fa kanaan dura kennamaa ture ni hafa. Qormaanni kutaa 12fa ammoo qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanaa ta’a.

Kana malees, barattoonni sadarkaa tokkoffaatti afaan dhalootaasaaniitti dabalee afaan biyyoolessaa tokko akkasumas, kutaa sadaffaarraa eegaleemmoo afaanota biyyattii baay’inaan dubbataman keessaa tokko ni baratu jedha.

Dhimmi kun garuu namoota hedduu biratti komii uumeera. Keessummaa yaadni qormaataa kutaa saddeettaffaa sadarkaa biyyaalessaatti qophaa’aa jedhu kan aangoo heerri naannoleef kenne kan tuquudha. Akkasumas, afaan dhalootaatiin barachuun kutaa ja’affaatti dhaabbata taanaan mirga daa’imman barnoota gulantaa tokkoffaa afaansaaniitiin barachuu kan faallessu ta’uufi kkf ni kaasu.

Qabxiilee irranatti eeramaniifi kanneen biroo wayita kallattii barnootaarratti hayyoonni mariisifaman ibsaniis akkuma jirutti ba’uunsaa sirrii akka hintaaneefi yaadni hayyootaa akka hinfudhatamne Gaazexaa Bariisaaf kan ibsan Yunvarsiitii Finfinneetti, Ogeessa Qo’annoofi Qorannoo akkasumas Barsiisaa Doktar Firdisaa Jabeessaati.

Qorannoo adeemsifameef biyyoonni filatamanii muuxannoon irraa fudhatame kanneen akka Veetinaamiifi Maalesiyaa falaasama siyaasaa Itoophiyaa wajjin kan wal hinfakkaanne ta’uu kaasanii, erga ta’ee inni fooyya’eera jedhame immoo heera biyyattii bu’uura godhachuu qabaayyu jedhu.

Akka fakkeenyaattis heerri aangoo barnoota gulantaa guutummaatti naannoof kenna. Biyyittiin biyya federaalizimiidhaan bultuu waan taateef dhimmoota aadaa, duudhaafi qabiyyee barnootaa akkasumas, qormaata qopheessuufi madaaluu kan qabu naannolee ta’uu ibsu.

Kana malees naannoon afaan barnoota sadarkaa tokkoffaa afaasaatiin barsiifachuun utuu irra jiruu, kutaa ja’affaatti gadi bu’uun fudhatama kan hinqabneefi heera kan faallessu waan ta’eef wixineen kun ammas yaada hayyootaafi ummataa irra deebiin ilaaluu qaba jedhu. Mootummoonni naannolees kanarratti ejennoo duubatti hindeebine qabaachuu akka qaban kaasu.

Kanarratti yaadonni lama jiraachuu eeranii, kunneenis kutaa ja’a booda ingiliffaan baratama kan jedhuufi afaanuma dhalootaatiin ittifufee qormaata kutaa saddatteeffaaf mootummaan federaalaa  ‘fireemworkii’ qopheessuun naannoleef kennee, isaan hiikanii qopheeffatu kan jedhu ta’u addeessu. Yaadonni lamaanuu mirga naannoof kennametti waan bu’aniifi darbees amanamummaa naannoon qabu shakkii keessa kan galchu waan ta’eef gamanumaa sirrachuu akka qabu dubbatu.

Afaan dabalataa barachuun walqabatee akka Doktar Firdisaan jedhanitti, ijoolleen sadarkaa gadjallaa jiran sammuunsaanii afaan lama caalaa barachuu hindanda’u. Sababnisaas afaan baruu (‘language accusation’)fi afaan barachuu (‘language learning’) addadda. Baruun al idilee waan ta’eef afaan lamaa sadii barachuun rakkoo hinqabu. Barachuun garuu idilee waan ta’eef ijoolleetti burjaajii uuma.

Kanaaf haaluma amma jiruun deemee daa’imman gaafa kutaa shanaffaa ga’an utuu afaan biyyattii keessaa isa baay’inaan dubbatamu baratanii gaarii waan ta’eef kunis yaadni ifaan taa’uufii akka qabu addeessu.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo gamasaanii akka nuuf ibsanitti, caasefamni haaraan gama hedduun faayidaa waan qabuuf fudhatamummaa kan qabuudha. Barnoota idilee duraan walqabatee kallattiin kanaan dura tajaajila kana argataa kan ture warra magaalaafi kanfalanii barchuu danda’u qofa waan tureef ilmaan qonnaan bulaafi baadiyyaa dorgomaa ta’uu hindandeenye; kanaaf waan gaariidha.

“Caaseffama sadarkaa tokkoffaafi lammaffaammoo sababoota lamaan fudhatamummaa qaba. Inni duraa barnoonni silaa yunvarsiitiiwwan keessatti baratamuu qabu sadarkaa qophaa’inaatti baratamuu sirrii waan hintaaneefi.

Inni biraammoo barnoota gulantaa lammaffaa waggaa lama lamatti qooduun ijoolleetti ulfaachuunsaa waan mirkanaa’eefi. Kunneen immoo barattoonni barnoota xiinsammuufi dandeettiisaanii ol akka baratan taasisaa waan tureef qulqullina barnootaa gadi buusaa tureera. Kanaaf gulantaan kun sirreeffamuunsaa fudhatamummaa kan qabuudha” jedhu.

Fooyya’insa caasaa gulantaa tokkoffaatiin wal qabate burjaajiin jiraachuu kaasanii, kunis qormaata kutaa saddeettaffaa sadarkaa biyyalessaatiin akka qophaa’uufi kutaa ja’a booda afaan Oromootiin barachuu akka dhaabbatutti ilaalamuu ta’uu dubbatu. Ta’us, barnoota sadarkaa tokkoffaa kan murteeffatu naannolee waan ta’eef waan nama yaaddessuu akka hinqabne ibsu.

Federaalli kan baasuu qormaata osoo hintaane fireemworkiisaa ta’uu eeranii, kana jechuun fakkeenyaaf akaakuu barnootaa herregaarratti, kalkulasii, hammana, yaaddiddama hammanaafi kkf jedhanii naannoleef kennuu malee qormaanni baasaniis, kan hiikamuus akka hinjirre addeessu.

Akka Doktar Tolaan jedhanitti, kutaa sadaffaadhaa eegalee daa’imman afaan dabalataa akka baratan isa jedhuun walqabates ibsi barbaade yoo kenname kan murteeffatu naannoleedha. Roodmaappichi afaan dhalootaa, afaan biyyoolessaatti dabalee afaan naannoleen barbaadan barachuu danda’u jedha malee kana sana hinjedhu.

“Kanaaf Oromiyaattis kutaa shanaffaarraa eegalee Amaariffaan barachuun kan ittifufudha. Yoo garuu afaanota fuulduratti afaan fedeeraalaa ta’uuf carraa ni qabu jedhaman barsiifachuun yoo barbaadame murtoo caffeetiin qofa jijjiiruun  nidanda’ama” jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *