Holqi Soof Umar ji’a ittaanu ‘UNESCO’tti galmaa’uu danda’a jedhame

Finfinnee: Godina Baaleetti kan argamu Holqi Soof Umar ji’a ittaanu hambaa addunyaa ta’ee galmee ‘UNESCO’ irratti galmaa’uu akka danda’u  Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa  Obbo Admaasuu Waaqgaarii ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, qabeenyawwan tuurizimii Oromiyaan qabdu keessaa Holqa Soof Umar ‘UNESCO’dhaan galmeessisuuf sadarkaa naannoofi federaalaatti pirofaayiliin holqichaa hundi hojjetamee xumuramuu himaniiru.

Holqi Soof Umar  garee ogeessotaa ‘UNESCO’ irraa ergamaniin ilaalamaa jiraachuus eeranii, holqichi yaa’ii dhaabbatichaa ji’a dhufu adeemsifamurratti murtii xumuraa argachuun hambaa addunyaa ta’ee galmaa’uu  danda’a jedhaniiru.

Hambaaleen Godina Baaleetti argaman Holqi Soof Umar,  Dirreen Sheek Huseeniifi Godina Shawaa Kibba Lixaatti kan argamu bakki argama Lafee Durii (Malkaa Qunxurree)  galmee yeroo ‘UNESCO’ irratti erga galmaa’anii yoo xiqqaate waggoota torba lakkoofsisuusaaniis himanii, waggoota duraa xiyyeeffannaan kennameefii irratti hojjetamaa kan hinturreefi Malkaa Qunxurree bara dhufu galmeessisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *