Kabaja Irreecha Finfinneefi Bishooftuu: Oromoo cabsuun yeroo dhumaatiif awwaalameera

Finfinnee: Waggoota 150 dura Oromoon Hora Finfinneetti  irreeffataa ture. Warreen waa’een Oromoo hinliqimfamneefi yeroo mara ija shakkiitiin isa ilaalan garuu humna qaban fayyadamuun bakka irreeffannaasaarra qofa osoo hintaane bakka jireenyaasaarraallee dhiibanii baasan.

Irreechi Hora Finfinnee Sanbata, kan harsadee Dilbata mudaa tokko malee kan xumurame yoo ta’u, kan Finfinneerratti namoonni miliyoona sagalii ol, kan Bishooftuurratti ammoo miliyoona ja’aa ol yaadaafi qalbiin tokko ta’anii kabajaniiru.

Kunis Oromoof seenaa guddaafi Oromoo cabsuun yeroo dhumaatiif kan itti awwaalame ta’uu kan agarsiisuu ta’uudha Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti (BATO) Qorataan Hambaalee Aadaa, Obbo Sintaayyoo Tolaa kan himan.

Akka isaan jedhanitti, ummata hammana baay’atu  yeroo tokkotti kaayyoo tokkoof sochoosuu jechuun dandeettii guddaadha. Ummanni socho’e kun amantiifi ilaalchawwan addaddaa kan qabu, sabootaafi sablammoota garagaraarraa kan walitti dhufe yoo ta’u, walta’iinsaan kabajuunsaa Irreechi irree tokkoomsuu cimaa akka qabu kan mirkaneesseedha.

“Keessuma haalli Irreechi Hora Finfinnee itti kabajamee xumurame guddinni aadaafi seenaa Oromoo maalumaanuu dhaabachuu akka hindandeenye kan agarsiiseedha. Godaannisi ummata Oromoo  waggoota 150f ture kan itti wal’aanameedhas” jedhu.

Akkasumas, maalummaan Irreechaa ummatoota hunda biratti darbees, addunyaatti kan itti hubatame ta’uu kan himan Obbo Sintaayyoon, warri ‘baa’id amliko’dha jedhanii yaadanis deebii kan itti argatan akkasumas, kanneen aadaafi seenaa Oromoo gadi qabuu barbaadan kan itti mo’amaniifi cabaniidha. Kunimmoo Oromoofis ta’e saboota eenyummaansaanii dhiitamaa tureef injifannoo guddaadha jechuun ibsan.

Kana malees, ayyaanichi nagaadhaan akka xumuramuuf abbootiin Gadaa, qeerroofi qarreen, hawaasniifi qaamoleen nageenyaa qindoominaan socho’uu eeranii, kun immoo nageenya biyyaa mirkaneessuuf hirmaannaan ummataa murteessaa ta’uunsaa ife kan itti mul’ateedha jedhan.

Gama dinagdeetiinis yoo ilaalame ummanni hirmaate geejjiba, nyaataafi uffannaaf giddugaleessaan qarshii kuma tokkollee yoo baase bu’aa olaanaadha. Kunimmoo bakka tokkotti kan kuufamu osoo hintaane lammiilee hojii garagaraarratti hirmaatan kan fayyaduudha. Waliigala hiiknisaa gama hundaan olaanaa ta’uu qorataan kun ni himu.

Hogganaa Ittaanaan BATO Obbo Admaasuu Waaqgaarii ayyaanichi haala kanaan xumuramuunsaa guddummaa Oromoo kan agarsiise ta’uu eeranii, utuu yeroo bal’aan irratti fudhatamee caalaatti qophaa’ameera ta’ee waantonni hedduun akka irraa argaman dubbatu.

Muuxannoofi galtee argame fudhachuun fuulduratti Irreecha haala turistii caalaatti hawatee sharafa alaa guddaa argamsiisuun kan hojjetamu ta’a. Irreecha galmee ‘UNESCO’ irratti galmeesisuun caalaatti beeksisuuf gamanumaa hojii bal’aan eegalameera jedhan.

Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoofi walittiqabaan koree qophii ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Harsadee Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaas gamasaaniin Irreechi baranaa tokkummaa Oromoo kan calaqqisiise ta’uusaatiin hiika olaanaa qaba. Warra kanaan dura ummatichi walii hingalu, nagaan kabajee hingalu jedhanii sodaafi holola afarsaa turanis kan mataa gadi qabachiiseedhas jedhan.

Walumaagalatti milkaa’inni Irreecha baranaa qaama tokko qofaan kan argame osoo hintaane hunduu abbummaadhaan waan socho’eef milkaa’uusaafi  keessumaa ga’een miidiyaalee kan dinqisiifatamu ta’uu namoonni haasofsisne kunneen eeraniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *