Guyyaa alaabaa caalmaa yaadaatti amanaa haa kabajnu

Gaazexaan Bariisaa maxxansasaa torban darbeetiin waa’ee halluu alaabaaAbbaa Gadaarratti  gurraachi Oromoon gurraacha Waaqnis gurraacha, diimaan dhiigaafi foon Oromoo, adiin ammoo lafee Oromoo ykn nageenya kan agarsiisu ta’uu dubbisiisee ture. Alaabaan kun hiika kanneen qabaatee mallattoo ayyaana Irreechaafi sirna Gadaa ta’ee tajaajilaa jira.

Ammaan tana akka biyya keenyaattis namni alaabaa halluu diimaa, aadiifi gurraacha jidduusaatti odaa qabu arge dafee kan yaadatu Oromiyaadha. Kan naannolee biroos alaabaadhuma isaaniitiin salphaatti beekuufi adda baasuun ni danda’ama.

Alaabaan abbaa Gadaas ta’e Oromiyaa darbees kan naannolee tokko isa biraarraa adda baasuuf kan tajaajilu yoo ta’u, yaadrimee kana gara sadarkaalee ardiifi addunyaa ol kaasnee yoo ilaalle hunda caalaa biyyi tokko kan bakka buutee mul’atu alaabaadhaani.

Alaabaawwan naannawa Gamtaa Afrikaatti tallisaa oolan yoo fudhanne alaabaadhuma ilaallee kan biyya kamii akka ta’an addaan baafachuu dandeenya. Kanarraa kan hubannu alaabaan mallattoo biyya tokkoo ta’uusaati.

Biyyi keenyas ammaan tana alaabaa sadarkaa ardiifi addunyaatti ittiin bakka of buustufi beekamtuun, kan heera biyyattii hojiirra jiruun beekamtii argatte, eegumsiifi kabanji taasifamuufii mala. Alaabaan Mootummaa RFDI kun halluuwwan magarsiisa, keelloofi diimaa akkasumas jidduusaarraa mallattoo urjii halluu cuquliisaa kan qabuudha.

Alaabaa mallattoo biyyaa ta’e kanaaf hiikni eenyummaafi birmadummaa akkasumas, abdii egeree biyyattiin qabdu akkasumas walqixxummaa sabootaa, sablammootaafi ummatootaa mirkaneessu jedhamu kennameeraaf.

Guyyaa alaabaa biyyaalessaa marsaa 12fa mataduree “Alaabaa keenya bu’aa waliigalaa heddumminaafi utubaa tokkummaa keenyaati” jedhuun iftaan kabajamu irratti rakkoolee alaabaa wajjin walqabatanii mul’ataa jiranirratti hubannoo uumuun akkasumas qajeelfamootaafi hiikkoo alaabaarratti iftoomina uumuun imala jijjiiramaa jalqabame itti fufsiisuun barbaachisaadha.

Guyyaa alaabaa baranaaduudhaalee nageenya biyyattii caalaatti mirkaneessuuf bu’uura ta’aniif beekamtii kennaa, tokkummaa dhugaa mirga, duudhaafi aadaalee ummatootaa cimsaa, caalmaa yaadaatti amanaa fuulduratti haa arreednu.

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *