Irreecha Horaa Finfinnee

Kutaa xumuraa

Kutaawwan darban lamaanitti seenaa Irreecha Hora Finfinnee ka’umsasaarraa eegalle isinii dhiheessaa turuun keenya ni yaadatama. Kutaa  xumuraa kanaanis seenaa hafe isini dhiheessina, dubbisa gaarii.

Mootiin Minilik dura akaakayyuunsaa Saahilasillaaseen abbaa biyyaa gosa Eekkaa kan ture Araddoo waliin wal waraanaa ture. Booda gaafa  Araddoon du’u, ilmasaa Tufaa wajjin wal waraanaa turan. Abbaan biyyaa, Tufaa Araddoon ofirraa   lolee Caacaa as bakka Mandiidaa jedhanitti Gaarii Duufaa waliin Saahilasillaasee   mo’atee ari’e.

Haa mo’atan malee, hanga dhumaatti faana bu’anii akka inni lammata itti hindeebinetti adabuu hindandeenye. Sababnisaas, akka aadaa Oromootti gosti Oromoo tokko daangaa alagaattis ta’e kan gosa Oromoo biraa cabsee akka hinwaraanne seera Gadaatiin dhorkama waan ta’eefi.

Araddoos Daangaa Eekkaa ce’ee gosa Gumbichuu warra  abbaa biyyaa Tufaa Araddootiin bulanitti ce’ee hanga dhumaatti waraana Miniilik faccisuu hindandeenye. Haaluma walfakkaatuun Oromoon Arsii yommuu  waraana Miniiliik si’a hedduu mo’atu yoo inni daangaa Tuulamaafi Arsii gidduu jiru laga Awaash yoo inni ce’u biraa dacha’an.

Kun immoo akka waraanni Miniiliik tooftaafi humna jabeeffataa, itti deebi’aa Oromoo weeraru taasisee jira. Ta’us, Miniiliik humnaan Abbaa Biyyaa Tufaa Araddoo mo’atee gabbarsiifachuu  hindandeenye. Tooftaadhaan karaa Goobanaa Daacceetiin Jaarsummaa itti ergatee. Akka Aadaa Oromootti Jaarsummaan kabaja waan ta’eef hindidamu. Namni Jaarsummaa dide hawaasa keessaa baafamee muukeffama. Booda Firummaan akka cimuuf ilma Tufaa Araddoo Habeebee Miniiliikiif akka kennuufi Mootiin Miniiliik akka Kirstinnaa kaasee guddifatu jaarsoonni gaafatan. Miniiliik akka Abeebee fudhatuuf kan haala mijeesse Goobanaafi Birruu Naga’ooti.

Tufaanis tole jedhee ilma isaa hangafaa Habeebee Mootii Miniliik Kiristinnaa kaasee akka guddifatu kenneef. Abbaa Biyyaa Tufaa Araddoo ijoollee kudhan qaba ture. Isaanis: Habeebee, Birraa, Malkaa, Daadhii, Gabraamlaak, Odaa, Bayyanaa, Mooruu, Qarshii, Gurmuufi Garjii Tufaa turan.

Yeroo ammaa maqaa namoota kanaan Finfinnee keessatti lafti waamamu ni jira fakkeenyaaf, Garjii kaasuun ni dandaa’ama. Kanaa alaa iddoon seenaan jara kanaa itti mul’atu hinjiru.  Erga Jaarsummaan amansiisaniin booda, Mootiin Miniiliik ilmaan isaa keessaa ilma hangafaa Tufaa Araddoo, Habeebee Tufaa umrii isaa waggaa torbatti Mootiin Miniiliik Kiristinnaa kaasee Abbaa Kiristinnaa ta’eef.  Masaraa Miniiliik Tulluu Xuuxxoo (Dildilaa) irratti guddise. Yeroo sana Abbaan Biyyaa Tufaa Araddoo Naannoo Hora Finfinneetti kara bahaa laga Qabbanaa gama kan jiraatu yoo ta’uu, qabiiyyeen lafaa bulchiinsasaa jalatti  jiran naannawaa akka Qabbannaa, Eekkaa Daallee, Eekkaa Madaroo, Eekkaa Oborii, Eekkaa Gawwaasaafi Eekkaa Xaafootti ture.

Habeebeen Tulluu Dildilaa gubbaatti Mootii Miniiliik wajjiin jiraata turan. Tulluun Xuuxxoo ykn Baddaa Qorraa akkuma maqaasaa baay’ee waan  dilalla’uuf haadhaa warraa Miniiliik Xaayituun miilashii dhukkubsattee bishaan ho’aa dhiqachuuf Habeebee wajjiin gara Hora Finfinnee tulluu irraa gadi buute dhiqachuu jalqabde. Boodaa Xaayituu miillishii itti woyyoofnaan, Habeebeen Abbaa isaa Tufaa bira dhaqee,  akka Duulaa Dharra’ee lafa naannawaa Hora Finfinneetti akka  Xaayituuf kennee mana irratti ijaarratte yeroo hunda bishaan ho’aa Finfinnee akka fayyadamtuu kadhateef.  Abbaan Biyyaa Tufaa Araddoos takka erga dideen booda Xaayituudhaaf lafa kennisiseef.  Haaluma kanaan osoo jiran Tufaa Araddoo ni du’e.  Habeebee Tufaa bakka Abbaa isaa bu’ee Abbaa Biyyaa Eekkaa torbanii ta’e.  Akka Aadaa Oromootti Abbaan yoo Gadamoojjii ta’eefi du’ee barcumaa, kallachaa, halangeefi lafa abbaa jalqaba kan dhaalu ilmaa hangafaati.

Haaluma kanaan Habeebeenis ilma hangafaa Tufaa Araddoo waan ta’eef lafaa abbaan isaa bulchaa ture innis itti darbee bulche. Habeebeen Gootaafi nama cimaa ture. Malkanyaan (Bulchitootni araddaa) Habeebee Tufaa jala turan kan akka Daallee, Galaan, Wobarii, Boolee, Gawwaasa, Hanqorcaafi Madaroo turan. Habeebeen lafa abbaasaa waantaa tokkorraa hambifatee kan hafe akkuma jiruun Abbaa Kiristinnaasaa kan ta’ee Mootii Miniiliikiif Warra Duulaa Dharra’ee irraa kaasuun mootichi irraa fudhate himama. Kana boodaa Xaayituun qarqara Hora Finfinneetti mana ijaarratte. Mana kanas kan ijaareef loltoota Tufaa Araddoo kan turaniifi Malkanyaa mootii Miniiliikidha. Miniiliik gara Harargee deemee yoo deebi’u, Tulluurraa gadi ilaale. Manichi hora Finfinnee wajjiin yoo wal biratti ilaalamu itti tolee “yih immaa iwunatim Addis Abeba new’’ jedhee maqaa Xaayituun baaste mirkaneesse. Haaluma Kanaan akkumaa Manni ijaaramaa magaalaan babal’attuun maqaa ‘Addis Ababaa” jedhamuun waamamuu jalqabde.  Yeroo  kana mormii maqaa kanaa  Oromoon  naannawichaa Shaggar ykn Shaggituu jedhuun moggaase. Boodaa maqaan ‘Addis Ababaa’ jedhuufi Shaggar jedhu, hanga bara 1993tti wal maddii Finfinneen ittiin waamamaa turte.

Mootiin Miniliik Habeebe Kiristinnaa kaasee waan guddiseef Habeebeenis akka abbaatti waan isa amanuuf, waan miniiliik ajaje ni raawwata. Haaluma kanaan Mootiin Miniiliik  Habeebeen akka Siisoo ba’u ajaje.  Siisoon Lafa biyya biraatti fkn Kafaafi Arsii akka bulchu ajaje. Innis ajaja isaa kabajee gara Kafaa deemee. Mootiin Miniiliik qabiyyee warrasaa waantaa diigdama tooftaan dhuunfatee loltuu isaatiif hire. Kanaaf warri Tufaa Araddoo jaarsummaaf amanamanii biyya kana ijaaruu keessaatti ilmaa hanga lafaatti kennaniiru. 

Fitawuraarii Habeebee Tufaa Araddoo, duulaa Aduwaarraatti hirmaachuun hojii jabduu hojjatee dannabaan gale. Innis lola sanarratti hogganaa loltoota Xaaliyaanii qabee mormarraa kutee kan gara Miniiliik fidee dhufe Habeebee Tufaati. Seenaa Itoophiyaan Addunyaarratti ittiin beekamtuufi dhaaddattu  waa’ee injiffannoo Aduwaa keessatti maqaan nama kanaa waamamee hinbeeku. Fitawuuraarii Habeebeen baruma bulchiinsa Miniiliik kanatti bulchaa godinoota akka Kafaafi Wallaggaa, keessaa gara Horroo Guduruu, Sibuu Sireefaa turan.  Booda gara Arsii  Arbaa Guugutti ergan. Kun kan agarsiisuu  Mootiin Miniiliikifi loltoonnisaa, Habeebee lafa qabiyyee abbaasaa duraan waraanaan qabachuu dadhaban Finfinneerraa tooftaadhaan gara kutaa biyyaa kan biraatti erganii Finfinnee dhuunfatan. Lafa amma Imbaasiin Ingiliiz irra jiru eeyyama Fitaawuraarii Habeebeen akka kennamedha. Sababni lafichi kan isaa waan tureef.

Yeroo ammaa kanas Taaksiin magaalaa Finfinnee naannoo Imbaasii Ingilizii ol Abeebee Suuq bakki jedhamu jira. Garuu Abeebeen kun eenyuu? yoo jettan Guraaagee tokko ture jedhu. Miniiliik gaafa du’aaf ka’u dhaamsa dhaaltummaa teessoo mootummaasaa Iyyaasuu akka ta’u dhaammate ture. Namni kana mormes “dhalli inni dhalchu saree gurraattii haa dhaltu” jedhee abaareera.Yeroo kanatti Habta Giyoorgis Dinagdee (Abbaan Malaa) namoota mana mootiitti dhiyoofi gorsaa cimaa turan. Garuu Iyyaasuun mootii akka ta’u hinbarbaadan ture.Yoo Tafarii Mokonniin ta’e malee. Fitawuraarii Abeebeen immoo  dhaammannoo Miniiliik jal’isuu jechuun cubbuu akka ta’etti  nama ilaaluudha. Kanaaf baayyee mormaa ture. Kunis jalqabumaa kaasee amanamummaa, garalaafummaa warra Fitawuraarii Habeebeefi Oromoo  kan agarsiisuudha. Haa ta’u malee, Abbaan Malaa tooftaan jara kana karaarraa maqsuudha. Haaluma kanaanis Fitaawuraarii Habeebee obbolewwan isaafi loltoota isaa waliin bulchaa Arsii ta’ee akka ergamu ta’eera. Kunis naannawaa masaraarraa akka fagaatuufidha. Fitawuraarii Habtagiyoorgis  kana kan godhe mallattoo Xaayituu fakkeessuun mallatteesseeti. Lola saglee Mootii Walloo Mikaa’eeliifi Habtagiyoorgis gidduutti bara 1916tti godhame irratti Habtagiyoorgis mo’amuusaa waan beekeef warri Walloo biyya diigaa jiru dafii na qaqqabi jedhee dhaamsa Fitaawuraarii Habeebeetti dhaammatee.

Lola kanaa boodas Iyyaasuun Siree Miniiliik dhaalee mootii ta’e. Iyyaasuun yeroo muraasaaf biyyaa haa bulchuu malee, bara bulchiinsasaa keessa hamma tokko namoota osoo sanyiifi amantiin addaan hinqoodiin walqixxuummaan bulchaa ture.

Kunimmoo warra olaantummaa sanyiifi amantiisaanii barbaadaniif waan hinliqiimfamneef Iyyaasuu aangoorraa buusuuf shiraafi daba addaddaa qopheessan. Haaluma kanaan Tafarii (H/Sillaaseen) bulchaa Sidaamaa ta’ee akka waan deemuu fakkeessanii. Habeebeen immoo gara Arsiitti deema jechuun ajaja Xaayituu fakkeessuun Abbaan Malaa mala malanii Tafariin laga Gafarsaa ga’ee deebi’e gara Finfinneetti gale yaa ta’uti waan sodaataniifi ofirraa fageessuuf Fitaawuraarii Habeebee Arsii keessaa bakka amma Arba Guuguu jedhamee beekamuutti ergan. Achittis bataskaana Diimaa Giyoorgis jedhamu ijaaranii turan. Bataskaanichi har’as jira. Arsii deemuun Habeebee kan barbaadame Mootii ta’uu Tafarii ykn H/sillaasee waan  mormee dhaamsa Mootii Miniiliik bakkaan gahuuf waadaa isaa waan eegeef jedhu.

Obbo Alamaayyoo Haayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee
seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *