Osuma mortuun mortuu hortuun horti

Tibba tokko qonnaan bultootni lama qe’eerraa fagaatanii  lafa gammoojjii midhaan facaasuu deeman. Inni Tokko Obbo Kilkilee jedhama. Kilkileen gurrisaa duudaadha. Inni biraammoo Abbaa Shaggee jedhama, Gurrisaa ni dhagaha. Guyyaa hojii qonnaarra oolanii dadhabanii akkuma rafaniin sagaleen leencaa dhagahame. Leenci kun baroodaa isaanitti dhiyaachaa dhufe.

Wayita kana Abbaan Shaggee bakka seenu dhabee fincaan kofa isa guutee watwaachuu jalqaba. Leencichis sagalee nama sodaachisuun baroodaa lafa sochoosaa kan rafe dammaqsaa lagicha boreesaa jira.

Sagalichi daran sodaachisaa ta’uurraa kan ka’e  Abbaan Shaggee akka ta’u dhabee sagalee laafeen Kilkilee, isa duudaa kurruufaa rafuun “Kilkilee, Kilkilee, Kilkilee” jedhee waamus inni gurrisaa duudaa waan ta’eef jalaa qabuu hindandenye. Nafasaa hojiidhaan butute boqachiisaa jira.

Yoo harkaan tuqee dammaqse wareeree ka’ee wayita iyyu leencichi dhufee akka isaan nyaatu waan beekuuf Abbaan Shaggee akkasaa wallaalee waaqaafi lafaan nafudhu nanyaadhu jedha.

Sagaleen leencichaa daran itti dhiyaachaa wayita dhufu Kilkilee yeroo sagaltama waamus jalaa qabuu didee rafa. Yoo kana Abbaan Shaggee filannoo dhabnaan “Maaloo Ya Waaqi akkuma Kilkilee  har’aaf  gurrakoo duuchii bor naa bani” jedhee waaqa kadhate jedhama.

Abbaan Shaggee har’aaf na duuchii bor naa bani jedhee kadhachuunsaa sagalee leencaa nama sodaachisu kana jalaa baraaramuuf malee duudee hafuu barbaadee miti.

Dhimmi kun maaf ka’e jechuun hinoolu. Badhaasa Noobeelii Nageenyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa, Doktar Abiyyi Ahmad tibbana injifatanitti inni kaan gammachuun lafa dhiita kaan immoo akkuma Abbaa Shaggee maal ta’a har’aaf naduuchitee bor naa bante kan jedhus hindhabamu. Hunduu calaqqee keessasaa gadi baasee agarsiisus kan garaatti dhukkubsatus hindhabamu.

“Mortuufi goomattuu ollaarraa hindhaban” jedhe Oromoon. Badhaafamuu Ministira Muummee Doktar Abiyyiif miidiyaaleen addunyaa, qondaaltonni mootummoota gamtoomanii, biyya keessaafi ala jiran ergaa baga gammaddanii Itoophiyaanotaaf dabarsanis harcaatuun jaalala biyyaa hinqabanemmoo sagalee kana dhagahuurra duuduu fedhanis ni jiru.

Egaa kiniiniin osuma hadhaa’uu bishaaniin yoo liqimsan akkuma dhukkubarraa nama fayyisu gammachuu Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi biyya waliin dhandhamuunis warraaqsa Itoophiyaa haaraa ijaaruuf taasifamu kan si’eessu waan ta’eef hafuura jibbaa keessaa bahuun barbaachisaadha.

Ormi yoo ministira muummichaa jaju kaan as deebi’ee isaan jaji’a, kunimmoo calaqqee gomiifi ofittummaa Itoophiyaanummaa faallessu waan ta’eef of qulleessuun dirqama.

Abbichuun badhaafamuunsaa bu’aa warraaqsa hadhaa’aa dhiigaafi lubbuu  ilmaan cunqurfamootiin argame waan ta’eef abbaan qabsoo golee afraniin walitti babbahee sagalee misiraachoo kanaaf gammachuusaa ibsachaa tureera; badhaasichi seenaa Itoophiyaa keessatti isa jalqabaafi ijoo waan ta’eef.

Ministirri muummeen Itoophiyaa shira harcaatotaan afarfamu ilaalchisee ergaa dabarsaniin, “Warri nudeeggaratan ammas nu wajjin tarkaanfadhaa, gomattoonni ammoo qalbii diddiirradhaa. Nuti kana booda riivaanii malee abdii hinkunnu” jechuun hinaaftonni abdii akka kutatan taasisaniiru.

Eeyyee Doktar Abiyyi qondaaltota akka addunyaatti yaada tarkaanfataa diriirsuun hojiitti hiikan keessaa tokko ta’anii filatamaniiru. Ilaalcha harcaatotaafi booddeetti harkistootaatiin osoo hingufatiin Itoophiyaa haaraa ijaaruun riivaanii jijjiiramaa kutaa abdii haaraa hidhachaa fuulduratti arreedaa jiru.

Ilmaan cunqurfamoo Itoophiyaa sirna tarkaanfachiisaafi haaromsaa kana lafa qabsiisan ejjennoo jijjiiramaa duubatti hindeebine qabachuun qabatanii Doktar Abiyyii wajjin imalaa kan jiran yoo ta’u, faallaasaanii harcaatonni balaa sirnichaa ta’anis buddeena abjuu afaan walkaa’aa rakkoo nageenyaa otoo ta’anii mul’atu.

Bilchina yaadaatiin caalanii argamuun osoo jiruu hiyyuma yaadaatiin of ijaaranii guddina namaaf biyya ofiitti gufuu ta’uun yoomiyyuu fagoo nama hindeemsisu.

Gahumsaafi caalmaa yaadaatiin alatti maqumaaf ‘Itoophiyaaf natu beeka’ jedhanii afaaniin of leellisuun yoomiyyuu kan hinjajjabeeffamne yoo ta’u, humnoota misoomaafi haaromsaa waliin hiriiranii biyya ijaaruun dirqama.

Kun ta’us ilaalcha inaaffaa akkoofi akaakayyuu isaaniirraa dhaalan qabachuun shira hamminaa xaxuun bu’aa qabsoo saboota cunqurfamoo booddeetti harkisuuf yaaliin taasifamu dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti.

Gahumsi Doktar Abiyyi hojiitti hiikamee waan mul’ateef badhaasni Noobeelii Nageenyaa kennamuufii kan danda’e ta’uu Koreen Badhaasa Noobeelii Nageenyaa Noorweyirraa ragaa baheera.

Abiyyi qondaalota olaanaa nageenya buusuuf tattaafataa jiran keessaa isaan tokko yoo ta’an, kan adda isaan taasisu waadaa gaafa aangoo qabatan galan hojiitti hiikuuf  tattaaffii cimaa taasisaniin kan milkaa’ina argate isaan qofa ta’uun dhimma lammii boonseefi gamnmachiiseedha.

Pirezidaantiin Ameerikaa, Doonaaldi Tiruumpi gama kanaan hariiroo Kooriyaa Kaabaafi Ameerikaa mijataa taasisuuf tattaaffii taasisanis akka Ministira Muummee Itoophiyaatti kutannoo siyaasaatiin milkaa’ina argachuu hindandeenye. Xiinxaltoonni siyaasaa gara garaallee dhimma kana kaasuun badhaasni Doktar Abiyyiif kenname sirrii ta’uu afaan guutanii ragaa bahaniiru.

Keessumattuu hariiroo Itoophiyaafi Eertiriyaa waggoota 20f addaan citee ture yeroo gabaabaa keessatti furuun biyyoonni lameen dinagdeedhaan, hawaasummaan, siyaasaan waliin hojjechuuf kutannoofi murtee siyaasaa Doktar Abiyyi fudhatan akka fakkeenyaatti kan eeramuufi kan isaan badhaasise keessaa isa tokko.

Kana malees waldhabdeen biyyoota Afrikaa Bahaa Jibuutiifi Eertiriyaa, Keeniyaafi Somaaliyaa akkasumas Sudaanitti mul’ataa ture karaa nagaa ta’een akka furamuuf yaalii taasisaniin bu’aan galmaa’e jajjabeessaafi akka agarsiistuutti kan fudhatamuudha.

Yaata’uutii hinaaftuun fagoorraa hindhuftu akkuma jedhamu qondaala cimaa kan dubbate hojiitti hiikuu fi addunyaan ragaa bahuufii kana faallessuuf dandeettiifi hamilee harcaatonni qaban madaallii kan kaasu ta’ee hinmula’tu.

Humnoonni kunniin hiyyuma yaadaa isaan mudaterraa bilisoomuuf yaada bilchina qabuun of ijaaruu osoo malanii jijjiirama mootummaan Itoophiyaa galmeessisaa jiru booddeetti harkisuuf wixxirfannaan taasisan kan isaan komachiisu ta’uu beekuu qabu.

Jecha ‘jaalala biyyaa qabna’ jedhuun harqoota gabrummaafi doofummaa sabaafi sablammoota cunqurfamoo biyyattiirratti fe’uuf yaaliin taasifamu ittigaafatamummaa jalaa kan isaan hinbaasne yoo ta’u, dargaggoonnii utubduu mootummaa haaromsaa ta’an sirnicha fuulduratti tarkaanfachiisuuf cimani dhaabachuun barbaachisaadha.

Egaa akkuma, “Osuma mortuun mortuu hortuun horti” jedhamu Ministirri Muummee Itoophiyaa bu’aa qabsoo saboota cunqurfamoo ta’an faana tarkaanfachuun abdii haaraa horaa, riivaanii jijjiiramaa kutaa gomattuu garaa gubaa Itoophiyaa haaraa ijaaruun dirqama dhaloota ammaati.

Walumaagalatti hinaaftonni waa’ee badhaafamuu Ministira Muummee Doktar Abiyyi dhaga’uu hinbarbaannee duudanii hafu malee jaarraa 21fa kana keessa  hookkora uumuun karaa qaxxaamuraa aangoo qabachuun yaaliin olaantummaa saba tokkoo labsuuf taasifamu biddeena abjuu nyaachuufi bu’aa qabsoo saboota cunqurfamoo faallessuu waan ta’eef of qusachuun barbaachisaadha.

Mootummaan qabsoo hadhaa’aa saboota cunqurfamoon ijaarame yoomiyyuu riivaanii jijjiramaa malee abdii hinkutu.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *