“Naannoleen guddatoon bu’uura ‘abiyootaawwii dimokraasii’ hinqaban jedhamaa turre” -Obbo Yaaragaal Ayishashum

ADWUIn paartiilee biyyaalessaa naannolee afur qofa bakka bu’aniin paartiilee naannolee shan alatti dhiisuun waggoota 27 darbaniif biyya bulchaa ture. Adeemsa kana keessa paartiilee adda addaa naannolee guddatoo jedhamanitti socho’aa turan akka walitti makamaniif gorsaas tureera.

Addichuma keessattuu garaagarummaa paartii biyyaalessaa tokkootu ture. Baay’inni ummata paartiileen biyyaalessaa kunniin bakka bu’aniis tilmaama keessa hingalle ture. Gaazexaan Bariisaas dhimma walitti makamuu ADWUI kanaafi dhimmoota kanneeniifi kanneen biroo akka qabxii ijootti qabachuun hayyoota siyaasaa sadii dubbiseerra.

Isaanis pirezidaantii duraanii Naannoo Beenishaangul Gumuz, Darektara Ittaanaa Imaammataa Afrikaa Bahaa Doktar Birhaanuu Leenjisoofi hoggansa ABO duraaniifi hayyuu siyaas dinagdee Doktar Diimaa Nagooti.

Obbo Yaaragaal Ayishashum, ADWUI wajjin walitti makamuuf yeroo dheeraaf gaafachaa turuu eeranii, “Isin naannoleen guddataa jirtan horsiisee bultoota waan taataniif bu’uura “Abiyootaawwii dimokraasii hinqabdan. Bu’uurri abiyootaawwii dimokraasii qonnaan bulaa qofa” jedhamaa turre jedhan.

Ejjennoo kana ifatti mormaa turuus ibsanii, horsiisee bulaan kan jiru naannolee guddattoota jedhaman qofa keessa otoo hintaane Oromiyaa keessa horsiisee bulaa harka 40 ta’utu jira jennee amansiisuuf yaalaa turre jedhan. Wanti bu’uura jedhamu kun keessumaa Naannoo Beenishaangul Gumuz gartokkeen qonnaan bulaa hammachuu dhiisuuf yoo ta’e malee yaadichi sirrii miti jechuun ifatti falmaa akka turanis ni dubbatu.

Walitti makamni amma itti deemamaa jiru keessumaa naannolee guddataa jiraniif oduu gaarii ta’uu kan eeran Obbo Yaaragaal,  dhimma kana akka paartiittis ta’e bulchiinsa mootummaa naannootti gaafachaa waan turreef amma xiyyeeffannaa argachuun waan jajamuudha jedhan.

Adeemsi walitti makamuu kun yaa’iiwwan ADWUI yeroowwan adda addaatti geggeeffamaa turanirratti irra deddeebiifi bal’inaan ka’aa turuus yaadachiisanii, ABUT amma mormaa jiru dabalatee miseensonni addichaa marti yaadicha mormii tokko malee fudhatanii raawwiisaatiif tattaafataa turuu beeksisaniiru.

“ABUT amma gara walitti makamicha mormuutti kan ce’e waan raawwachiisuu dhabeef qofa; otoo ofii raawwachiisee waan maqaa argatuuf dhabuusaatti waan aareefi. Kana malees yoo qaamni biraa raawwachiise waanti na jalaa hafu jira jedhee waan yaadeef kan gara adeemsa mormuutti seene” jedhan.

Tarii walitti makamuun kun faayidaa dhabsiisu jiraachuus waan danda’uuf qaamoleen taayitaa dabalatee faayidaalee adda addaa maqaa sabaatiin funaannachuu baran adeemsa kana mormuu danda’u jechuun ibsan Obbo Yaaragaal.

“Gurmaa’ina ADWUI keessa rakkoolee sadarkaa sadii qabantu jiru. Paartiilee shanan hammachuu dhabuu, saboota hunda lakkoofsa walqixxeedhaan bakka buusuu, fedhiisaanii akka hindubbanne taasifamaa tureera. ABUT  adeemsa kanaan fayyadamaa ture. Kanaaf kan ta’uu qabu rakkoolee kanneen furuudhaan paartii naannolee hunda hammatu, dhaabbilee siyaasaa akkaataa baay’ina sabootaatiin bakka bu’an gochuu, walxaxuurra dirree walfalmii dimokraatawaan itti adeemsifamu mijeessuu qaba” kan jedhan ammoo Doktar Birhaanuu Leenjisooti.

Walitti makamiinsi amma yaadamaa jiru rakkoolee kanneen ni sirreessa jedheen abdadha jedhanii, haala amma yaadameen dhalataan saba tokkoo iddoo biraa deemee saba biraa bulchuuf walkeessa deemuun waan jiru fakkaatullee akkan dhimmicha qulqulleeffachuuf yaaletti gurmaa’ina kanaan qaamni naannolee bulchu akka sabaatti kan caaseffamu ta’uudha jedhan.

Gurmaa’inni haaraan hanga tokko caasaadhuma ADWUI ammaa kana fakkaata. Bakka bu’oonni ni jiru jechuudha. Wanti adda taasisu dhaabichi adda otoo hintaane paartii ta’uusaati. Adeemsichi rakkoolee turan furuu kan kaayyeffateedha. Kanaanis fakkeenyaaf Oromiyaa kan bulchu bakka bu’aadhuma Oromiyaati, kan Tirgaayis, kan naannolee biroos akkasuma jedhu.

ABUT gurmaa’ina haaraa kanatti hinmakamu yoo jedhe tarii saboota walitti buusuu, mirga foxxoquu gaafachuu, sabuma tokko keessatti tooftaalee adda addaan walitti buusuu, dhaabbilee siyaasaa ejjennoosaa deggeran walitti qabuun paartii biraa hundeessuu, biyyi akka hintasgabboofne gochuun adeemsicha gufachiiisuu danda’a yaadni jedhu fudhatama kan hinqabne ta’uus eeran.

Bara 1983tti paartileen siyaasaa kunniin nuuf wayya jedhanii waliigalanii walitti dhufan. Har’as bu’uura keeyyata 39n naannoo fedhe yoo deggarsa ummataa argate mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu gaafachuu danda’a. Garuu ni fayyadamuu gaaffii jedhutu ilaalamuu qaba. Murticha kan kennu paartiidha moo ummata? Fakkeenyaaf ABUT nan foxxoqa yoo jedhe ummanni Tigraay ni fudhataa, isa fayyadaa? Faayidaansaa maalinni? Dursanii bu’aafi miidhaasaa qorachuu qabu. ABUT yoon ani biyyattii bulche malee nan foxxoqa jechuun sirrii miti. Haalli gurmaa’ina ADWUI ammaa sirrii miti. Gurmaa’inni yaadame faayidaa koo xuqa yoo jedhe mari’achuu qaba jechuun ibsan.

Akka ABUT jedhutti,  ammaan tana heerri cabeera otoo hintaane sirumayyuu xaxoowwaniifi seeronni akka farra shororkeessummaafaa mandara keessatti barreeffamanii turan hafanii heerichi sirrumaan hojiirra oolaa akka jiru eeraniiru. Addichi wayita ammaa dhimmoota akkanaa kan kaasuuf burjaajii uumuuf akka ta’es hubatamuu qaba jedhan.

Gaaffiin ummata Sidaamaa ADWUI duraaniitiin waggootaaf lafarra harkifamaa ture mootummaa jijjiiramaatiin akka deebii argatuuf irratti hojjetamuun heerichi hojiirra oolaa jiraachuuf ragaa ta’uu beeksisaniiru. Heerichi hojiirra oolaa jiraachuuf ummanni akka abdatu taasisuudhas.

Sirni Itoophiyaa waggoota 27 darbaniif ittiin bulaa turte federaalummaarra tokkummaawaa fakkaata kan jedhan Doktar Birhaanuun, biyyattiin bitamaa kan turte caasaa ABUT diriirseen akka tures ibsaniiru.

Jijjiirama caasaa haaraa ADWUIn harkaa qabu keessaa waanti guddaafi bal’aan tokko dhimma afaanii ta’uus eeranii,  Itoophiyaan akka of taatu gochuun akka barbaachisu dubbataniiru. Gurmaa’inaaf kan biyyoota biroo waraabanii fiduurra kan biyyattii of taasisu gochuun barbaachisaadha jedhaniiru. Itoophiyaan haadha biyya saboota afaan, aadaafi duudhaalee danuu waan taateef biyya dhugaan kun keessatti calaqqisu ijaaruun ni barbaachisa jedhan.

Amaariffatti dabalee Afaan Oromoo, Tigriffaa, Somaaliffaafi Affaariiffa afaan hojii biyyattii gochuuf yaadamuun adeemsuma sirriidha jedhan. Kunis biyyattii bira darbee hariiroo biyyoota ollaa wajjin qabnu cimsuu keessatti iddoo guddaa kan qabudhas jedhan.

Doktar Diimaanis biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf baay’inas ta’e ga’umsa qaamolee nageenyaarratti xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu eeranii, caasaalee mootummaa laafanis deebisanii cimsuun murteessaa ta’uu ibsu.

Hanga kun ta’utti mootummaan seera kabachiisuuf sadarkaa sadarkaadhaan ummata hirmaachisuu qabas jedhanii, hirmaannaan ummataa jiraachuu baannaan mootummaan qofaasaa nageenya waaraa buusuu hindanda’u. Kanaaf jaarsolii biyyaa, abbootii Gadaafi amantii wajjinis hojjechuu qaba jedhan.

Mootummaan ammaan tana biyyattii geggeessaa jiru kan ce’umsaa ta’uu ummata hubachiisuu akka qabullee eeranii, kunis gaaffiilee kuufaman yeroo gabaabduu kana keessatti deebisuun waan ulfaatuuf akka ummanni obsaan eeggatu gochuuf ni gargaara jedhan. Yeroo ce’umsaa kana keessatti waan raawwatuufi kan ce’umsa booda itti deemuun danda’amu ummataaf ibsuu qaba. Haala akkanaa keessatti iftoominni barbaachisaa ta’uu dubbatu.

Yaadrimee ida’amuun ilaalchisees, ADWUIn caasaa keessoo sirreessuun mirgasaati kan jedhan Doktar Diimaan, “Kun dhimma paartii biraa hirmaachisuufi galchu miti; keessa kootti akkamittin gurmaa’a” jedhee kan murteeffatu addichuma ta’uu eeran.

“Adeemsa ADWUIn paartii tokko ijaaruuf itti deemaa jiru akka carraa gaariittin ilaala; haala caaseffamasaa kan murteessu isuma ta’us. Kaayyoonsaas gaariidha. ADWUIn kanaan dura gurmaa’ina qindoomina fakkaatuun biyya bulchaa ture. Gararraa tokko jira; warri kuun ajajamaa turan. Kunis rakkoolee waggoota 27f uumamaa turan furuu keessatti shoora ni qabaata jedheen yaada jedhan.

“Gurmaa’ina kanaan duraa keessa paartiileen miseensotaa afuriifi deggartoonni shan jiru. Kun mataansaa adeemsa addummaa qabuudha. Paartiileen shanan deggartummaa malee biyya bulchuu keessatti hirmaannaa guutuu hinqabaniiyyu. Naannawasaanii qofa bulchaa turan. Namni Itoophiyaa bulchu afran qofa keessaa bahaa ture. Addummaan kun loogii uuma” jedhan.

Kun ammoo uumamuma ADWUI irraa kan maddeedha. ADWUIn uumamamusaatiin sadarkaa kan qabu ture. Gararraa kan jiru ABUT, isaan kuun daka jiru. Shanan hafan ammoo kanumarraayyuu ala. Gurmaa’inumti kunuu rakkoo qaba ture. Gararraa kan ture ABUT amma bu’eedha jedhan Doktar Diimaan.

Sirni mootummaa tokkommaawaa jedhamu hanga dimokraatawaa ta’etti rakkoo hinqabu. Garuu kan amma yaadamaa jiru isa miti. Haalli gurmaa’ina paartiifi biyyaa adda adda. Biyyi kan gurmaa’u bu’uura heeraatiini. Itoophiyaan sirna federaalaatiin akka caaseffamte heerri ni mirkaneessa jechuun ibsaniiru.

Hanga heericha hinjijjiirretti gurmaa’inni jiru sanumaan ittifufa. Namoonni gara sirna tokkummaawaatti deebi’uufi, jedhan haala gurmaa’ina ADWUIn ittideemaa jiruun walqabsiisuuni. Yeroo hunda paartii tokkoon bulla jechuu miti. Namni sirna tokkummaawaa nutti deebisuufi, jedhee yaadda’u yoo jiraate paartii morkataan gurmaa’ina biraa qabatee dhiyaatee maaliif ADWUI hinkuffisne jedhu hayyichi.

Ummata biyya kanaa keessaa harki caalu sirna federaalizimii barbaada. Biyya dhugaan kun jirutti yaaddoon kamuu jiraachuu hinqabu. Paartiin tokko ka’ee akka salphaatti sirna ummanni fudhate kana ni diiga jechuun sirrii miti. Kan yaadda’e ammoo ummata sirna federaalizimii leellisu kana karaasaatiin gurmeessee sirnicha ittifufsiisuu danda’a. Karaan ta’uu qabus kanuma jedhan.

Ministirri muummeen gara aangootti dhufanii waggaa tokkoof walakkaa keessatti yaadrimee ida’amuu qopheessuunsaanii kan isaan galateeffachiisu ta’uu kan eeran Doktar Diimaan, Itoophiyaa akkamitti bulchina, rakkoon Itoophiyaa maalinni, rakkoolee kanneen akkamiin furra, akkamiin biyyattii gara badhaadhinaatti geessina jedhanii itti yaadanii barreessanii dhiyeessuusaanii waan gaarii ta’uu eeraniiru.

“Ani akka hayyuutti yaadrimeen kun nu ceesisa moo hinceesisu yaada jedhuunin ilaala. Abiyootaawwii dimokraasiin ADWUIn ittiin hogganamaa ture nu hinceesisne. Kanaaf gaarii achi keessa jiru fudhannee waan biyya ceesisu haa ijaarruudha akeekni ida’amuu. Kanaaf yaadichi gaariidha” jedhan.

Dhimma kana hayyoonni ilaalanii maaltu akka hir’atuufi itti dabalamuu qabuurratti hojjechuu qabu. Fooyya’aa deema jedheen abdadhas. Yaadichi paartiin haaraa hundaa’u kan ittiin hogganamuu danda’uudha jedheen fudha. Kanaaf ammoo yaadonni bu’uuraa achi keessa galaniiru.  Paartichi kanarraa ka’ee sagantaalee adda addaa baasuu danda’a jechuun ibsan.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *