“Warra hanna baretu ummata gidduutti summii facaasaa jira” -Qeerroo Leellisaa Caalchisaa

Qeerroo Leellisaa Caalchisaa Magaalaa Duukam, Ganda Malkaa Duukam jiraata. Qeerroon kun akka jedhutti, biyya kamittuu hiriira nagaa bahanii yaada ofii ibsachuun miidhaa hinqabu. Hiriira nagaarratti ummatni nagaan bahee sagaleessaa dhageessisee nagaadhaan mana isaatti deebi’ee gala.

Tibbana ummatni keenya hiriira nagaa ba’ee nagaadhaan sagalee isaa utuu dhageessifatuu garee biraan of gurmeessee hiriiricha gara jeequmsaatti akka geeddaramuuf socho’aa tureera. Gareen kun utuma Oromoo waliin jiraatuu bobaasaa jalaa ba’ee gocha kana raawwachuunsaa sirrii hinturre. Oromoon abbaa nagaati; nagaa jaalatas. Kan Oromoo nagaa dhowwu ammoo diinasaati jedha.

Hiriira nagaa dhiyeenya ummatni Oromoo  ba’erratti  garee gurmaa’een gochi diinummaa ummata keenyarratti raawwatameera kan jedhu Qeerroo Leellisaan, gareen hiriiricha gara jeequmsaatti jijjiiruufi miidhaawwan adda addaa qaqqabsiisuu keessatti hirmaate qoratamee seeratti dhiyaachuu qaba. Ummatni hiriira kan bahe dhimma Jawaar Mahaammadiifi Doktar Abiyyi Ahimad qofaaf utuu hintaane rakkoolee qaala’ina  jireenyaa isa mudate ibsachuuf ture. Ummata biyya kanaarratti waanti gatiinsaa hindaballe hinjiru. 

Warshaaleen magaalaa Duukam keessa jiran magaalattiif waan kaffalan tokko hinqaban. Kan isaan kaffalan mootummaa federaalaatiifi. Utuu warshaaleen hedduun magaalattii marsanii jiranii buufatni fayyaa ibsaa hinqabne magaalattii keessatti argama. Akka Qeerrootti rakkoo ibsaa buufata fayyaa kana waajjira ibsaa magaalattii dhaqee gaafadheera.

Ittigaafatamaan waajjirichaas rakkoon ibsaa buufata fayyichaa amma furra jedhee erga nageggeessee har’a ji’a saddeet ta’eera. Buufatni fayyaa kun  hanga har’aatti ibsaa waan hinqabneef dubartoonni dukkana keessatti da’aa jiru. Ogeessonni fayyaa buufatichaas kurraazii, ibsaa soolaarii xixiqqoofi baatirii mobaayilii isaaniitiin dubartoota deessisaa jiru. Kun soba miti amma dhaqxanii ilaaluu dandeessu jedha.

Hojjetaa mootummaa ta’ee kan ummataafi mootummaa walitti buusu jira. Ummatni Oromoo garaa ittiin nama jibbu hinqabu. Oromoon lafaafi qe’ee isaayyuu ormaaf kennee nagaan waliin jiraata. Ummata gidduutti summii kan facaasu warra hanna bareedha. Hattoonni ummata, mootummaafi biyyaaf waan hintaaneef to’atamuufi qabamanii akka seeratti dhiyaatan gochuun barbaachisaa ta’uu hima.

Haaromsi jiraachuu ni dhageenya ni arginas. Garuu kaabiinee ykn hojjetaa mootummaa quuqamaafi aantummaa uummataa qaban ammayyuu irratti gurmaa’anii dhiibuun waajjiraalee mootummaa keessatti ni mul’ata. Siyaasa hamaa kana qaamni qoratee sirreessu hinjiru. 

Aangoon biyya kanatti kennamaa jiru beekumsa, dandeettiifi ulaagaa barbaachisu guutuudhaan osoo hintaane firummaa, kitilayyoofi gareedhaan kennamaa jira. Namicha haala kanaan aangoo qabate leenjisuudhaafis baajata guddaatu ba’aa jira. Kaabiineen hinleenjine hinjiru garuu hojii irratti ammoo hinjiru jedha.

Laftiifi fandiin magaalota Oromiyaa birootti dargaggootaaf kennamu Qeerroo magaalaa Duukamiif hinkennamu. Hojjetaan mootummaa magaalaa kana keessatti maaliif akka barbaachisu naaf hingalu kan jedhu Qeerroo Leellisaan, tajaajilli ummataas dhaabbatee jira. Ummatni magaalattii rakkooleefi gaaffiilee kana hundumaa danda’ee jiraachaa jira. Ummatni hiriira nagaa dhiyeenya kana adeemsifamerrattis rakkoofi gaaffiilee qabus ibsateera jedha.

Gareen gurmaa’eefi beekamtii hinqabne hiriiricha gara jeequmsaatti jijjiiruuf socho’aa akka ture qaamolee seeraatti beeksifneerra kan jedhu, Qeerroon kun, gareen kun qaamolee nageenyaa nageenya uummataafi warshaalee eegan Qeerroo fakkaatanii meeshaa irraa fudhachuuf yeroo isaan yaalanitti reebamee rasaasni tokko utuu hindhuka’in qaamolee nageenyaa cina kan hiriire Qeerroodha. Hiriira yeroo darbeerratti nageenya magaalattii booressaa kan ture garee gurmaa’ee shira xaxaa ture ta’uu dubbata.

Gareen sun jeequmsa uumuudhaan saamicha geggeessuufi warshaalee gubuudhaan maqaa Qeerroo balleessuudhaaf turan. Utuu odeeffannoo kana dursinee dhageenyee fashaleessuu baannee balaa guddaatu qaqqaba ture. Garee kan deggeruuf qarshii guddaan kan ramadame ta’uu ragaa qabatamaa waliin bira geenyeerra.

Gareen lubbuufi qabeenyaa hedduun akka badu taasise kun qabamee seeraan gaafatamuu qaba. Qaamni dhimmi kun ilaallatu garee kana to’annoo jala oolchee nageenya ummataafi biyyaa mirkaneessuu akka qabu gaafata Qeerroo Leellisaan.

Gareen jeequmsa uumuuf socho’aa ture sun bataskaana akka hingubneef eegaa kan ture hawaasa musiliimaati kan jedhu Qeerroo Leellisaan, warri nagaa nudhorkuu yaalan  meeshaalee waraanaa qabatanii  socho’aa turan. Humni tikaas garee kana to’achuu irratti dadhabina agarsiiseera.

Mootummaa kana kan kuffisu yoo jiraate kaabiineedhumasaati. Anatu siif beekaan dhaabbachuu qaba. Qeerroonis walga’ii hawaasaa kaabinonni waamanirraa dhorkuun dhaabachuu qaba.  Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Abbaa Gadaa tokko gorsaa utuu taasifatanii isaan gargaara malee waan isaan miidhu hinqabu. Ummatni Oromoos Gaaddisa Abbootii Gadaa jalatti ijaaramee tokkumaasaa cimsachuu akka qabu Qeerroo Leellisaan dhaamsa dabarseera.

Qeerroo  Mo’iiboon Kaasaa ammoo Magaalaa Bishooftuu, Ganda 01 jiraata. Qeerroon kun akka jedhutti, ce’umsa kana milkeessuuf mootummaan nageenya biyyaa tasgabbeessuu qaba.  Garee ce’umsi kun akka hinmilkoofne taasisuuf socho’aniifi badii adda addaa raawwatan irrattis tarkaanfii seeraa  fudhachuu qaba.

Yeroo ammaa biyyattii keessa garee lamatu jira. Gareen tokko federaalizimii  sabdaneessa qabatee fedhiifi dantaa ummatootaa hundumaa kabajee walqixa deemsisuu kan barbaaduudha. Garee biraan ammoo mootummaan kun tasgabbaa’ee akka ummataafis ta’e biyyaaf hinhojjenne taasisuufi sirna mootummaa tokkummaawaa deebisuuf kan socho’uudha.

Garee kana lamaan gidduutti darbee darbee walitti bu’iinsi  uumamaa jira. Gareen kun lamaan yaada qabu karaa nagaatiin taa’ee mari’achuun biyyattii akkamitti ceesifna jedhanii mari’achuun utuu danda’amuu humnaan deemuun sirrii akka hintaane dubbata.

Fedhii ofii humnaan mirkaneeffachuuf yaaluun biyyattii keessa nagaafi tasgabbiin akka hinjiraanneefi walshakkiin akka uumamu taasisa kan jedhu Qeerroon kun, gareen ummata amantiifi sabaan qoodee jeequmsa uumuuf yaalu mootummaan qoratee seeratti dhiyeessuurratti hanqina qaba. Rakkoo nageenyaa uumame tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa kan jiran abbootii Gadaa, abbootii amantiifi jaarsolii biyyaati jedha.

Rakkoon nageenyaa tibbana Oromiyaa keessatti  uumamee ture utuu gara hokkoraatti geeddaramee haala hammaataatu uumama ture. Yeroo sana gareeleen namootarratti miidhaa guddaa geessisan, Qeerroodhaan walitti bu’aniifi qabeenyaa saamuurratti bobba’an turaniiru.

Gareen jeequmsa uumuuf gurmaa’e sun mana amantii keessa seenuudhaan walitti bu’iinsi akka uumamuuf carraaqaa tureera. Ummatni Oromoos sabootaafi sablammoota biroo waliin walitti buusuuf socho’aa tureera. Rakkoon nageenyaa mudatee ture sun utuu dafee tasgabbaa’uu baatee rakkoo nageenyaa hamaatu uumama ture akka Qeerroo Mo’iiboon jedhutti.

Qeerroon waggoota sadan darban mirga isaafi ummata Oromoo kabajchiisuuf qabsaa’aa tureera. Mootummaan garee uummata amantaafi sabummaan walitti buusuun jeequmsa uumuuf socho’u to’achuu irratti gahee isarraa eegamu sirriitti bahachuu qaba. Qaamoleen nageenyaa mootummaa naannoos ta’e federaalaa  wal hubannaadhaan dhimma nageenya mirkaneessuu irratti waliin hojjechuu qabu. Yoo kana  ta’uu baate  jeequmsi darbee darbee uumamu kallattii biraatti deemuu danda’a. Qeerroonis gandaan, lagaan, siyaasaafi amantaadhaan utuu wal hinqoodin tokkummaa isaa cimsachuun ce’umsaafi nageenya biyyattii mirkaneessuuf hojjechuu akka qabu gorsa.

Oromiyaa keessatti yeroo hunda jeequmsa yoo ta’e biyyattiinis nagaan jiraachuu hindandeessu kan jedhu Qeerroo Mo’iiboon, nageenyi waaraa akka bu’u yoo barbaadame mootummaan gaaffii ummatni mootummaa naannoofi federaalaa irraa qabu bu’uurarraa deebisuu qaba.

Mootummaan qaamolee jeequmsa uumuu keessatti hirmaatanis qoratee seeratti dhiyeessuu qaba. Qeerroonis tokkummaasaa jabeeffatee yeroo hunda mari’achuufi diinasaa adda baafatee socho’uu akka qabuuf dhaamsa dabarseera.

Qabsoo Qeerrootiin mootummaan jijjiiramaa kun akka dhufu ta’eera. Mootummaan ce’umsaa kunis gaaffii Qeerroon waa’ee abbaa biyyummaa  Finfinneefi Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa akka ta’uuf gaafachaa jiru deebisuu qaba. Mootummaan biyya bulchaa jirus gaaffii ummata Oromoofi sabaaf sablammootaa deebisuudhaan ummatni mootummaa irraatti  amantaa akka qabaatu taasisuu qaba. Akkasumas waa’eee falaasama Ida’amuufi paartii biyyaalessaa tokko uumuu irratti hubannoo uumuu qaba. Ummatni dhimmoota lamaan irratti hubannoo gahaa waan hinqabneef shakkii waan qabuuf mootummaan ummata wajjin marii bal’aa geggeessuu qaba.

Gaaffii dhiyeeffachuufi mirga ofii falmachuun akkuma jirutti ta’ee nageenya ofiis eegsifachuun barbaachisaa waan ta’eef ummatni nageenya isaa eeggachuu irrattis dammaquu qaba kan jedhu Qeerroo Mo’iiboon, biyyi kun yoo nagaa taate malee ba’anii galuun waan hindanda’amneef hundumtuu bakka jirutti nageenya mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu dhaamsa dabarsa.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *