Fooyyessa dinagdee abdii egeree biyyaaf

Dhiyeenya kana Ministeerri Maallaqaafi Itoophiyaatti Manni Marii Waldaalee Daldalaafi Dameeleesaa hawaasa daldaltootaafi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin dhimmoota dinagdee Itoophiyaa fooyyessuuf gargaaranirratti Finfinneetti  mari’ataniiru. Maricharratti rakkooleen guddina dinagdee biyyattii mudataniifi malootni furmaataa adda ba’anii kaa’amaniiru.

Ministeera Maallaqaatti Gorsaan Damee Dinagdee Obbo Faantaahuun Balaay maricharratti akka jedhanitti, waggoota 15 darban biyyattiitti gama ijaarsi humna namaafi bu’uuraalee misoomaatiin hojiilee guguddoon raawwatamaniiru. Guddina dinagdee biyyattii ittifufsiisuuf hojiin ijaarsa bu’uuraalee misoomaafi humna namaa cimee akka ittifufuuf ammoo hirmaannaa dameen dhuunfaa dinagdee keessatti qaban cimsuufi jajjabeessuun barbaachisaadha. Kana malees rakkoolee guddina dinagdee biyyattii ta’an furuufi maddoota guddina dinagdee haaraa  uumuun barbaachisaa ta’uu himu.

Hojiilee waggoota 15 darban gama waliingahiinsa barnootaa, fayyaa, humna ibsaa, bishaan dhugaatii qulqulluufi daandiitiin biyyattiitti raawwatamaniin bu’aalee hedduun galmaa’aniiru. Hojiileen invastimantii mootummaa keessumaa gama konistiraakshiniifi tajaajilaatiin raawwatamanis guddina dinagdee biyyattii si’eessuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera.

Dameeleen Baankii Daldalaa Itoophiyaa bakkeewwan hundatti babal’achuunis aadaan qusannaa  akka guddatu taasisuudhaan fedhii invastimantii mootummaa guutuun qarshiin  deggarsaafi liqiidhaan biyya alaarraa argamu madda faayinaansii biraa akka ta’u taasiseera jedhu Obbo Faantaahun.

Hanqinnootni sharafa alaa, faayinaansii, humna ibsaa, dhiyeessa meeshaalee dheedhii, tajaajila intarneetii, qarshii liqii, dhiyeessa leecalloowwan qonnaa akkasumas tajaajilli faayinaansii qonnaa deggaru jiraachuu dhabuun, hirmaannaa dameen dhuunfaa misooma jallisii irratti qabu xiqqaachuun, walitti hidhamiinsi gabaa omishtootaafi bitattoota gidduu jiru laafaa ta’uun, hojmaatni omishoota omishaalee biyya alaatii galan bakka bu’an omishaniif taasifamu laafaa ta’uun, bakkeewwan hawata tuurizimii biyyattii beeksisuufi bareechuu dhabuufi daldalli seeraan alaa rakkoolee guguddoo guddina dinagdee biyyattii ta’uu himaniiru.

Madaalliin daldalaa eegamuu dhabuufi hiri’inni sharafa alaa hojii daldalaa irratti dhiibbaa olaanaa taasisuudhaan  qaala’inni gatii akka mudatu taasiseera kan jedhan Obbo Faantaahun, qarshiin liqiidhaan biyyoota alaarraa argamanis biyyattii kuufama idaatiif saaxileera.

Qarshiin liqii biyya keessaa pirojektoota misooma mootummaatiif kennamus carraa qarshii liqii argachuu damee dhuunfaarratti dhiibbaa uumeera. Waggoota 15 darban waggaatti qaala’inni gatii giddugaleessaan %15 ture.

Qaala’inni gatii kun humna waa bituu qarshii gadbuusuudhaan kutaalee hawaasa galii gaadaanaa argatanis ta’e dinagdee biyyattii daran miidheera. Daldalli seeraan alaa babal’achuunis gabaa tasgabbeessuurratti rakkoo cimaa uumeera jedhu.

Guddina dinagdee biyyattii fooyyessuuf rakkoo dhiyeessa sharafa alaa furuu, qaala’iina gatii to’achuu, dhiyeessa faayinaansii fooyyessuu, bizinasiif haalota mijeessuu,  omishtummaa guddisuu, rakkoo gabaa omishaa furuu, carraa hojii bal’aa uumuufi hojiilee misoomaa hiyyummaa hir’isanirratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu himanii, galii taaksii guddisuu, bu’aqabeessummaa invastimantii mootummaa fooyyessuu, pirojektota mootummaa jalqabamanii jiran xumursiisuufi dhaabbiilee misoomaa mootummaa gara dhuunfaatti naannessuun guddina dinagdee biyyattii fooyyessuuf kan gargaaran ta’uu himu.

Pirezdaantiin Mana Marii Waldaalee Daldaltootaafi Dameeleesaa Injinar Malaakuu Izazawu akka jedhanitti, damee dhuunfaa dinagdee keessatti hirmaachisuun guddina dinagdee biyyaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisa. Fooyyessi dinagdee taasifamaa jirus guddina damee dhuunfaa, misooma waaraa mirkaneessuu, carraa hojii bal’aa uumuufi rakkoolee damee daldalaa furuurratti kan xiyyeeffateedha. Fooyyessichi hirmaannaa mootummaan dinagdee keessatti qabu hir’isuudhaan hirmaannaa dame dhuunfaa ammoo guddisuudhaan guddina dinagdee biyyattii gara sadarkaa olaanuutti ceessisuuf kan gargaaru ta’uu himu.

Fooyyessi dinagdee taasifamaa jiru rakkoolee guddina dinagdee biyyattii sakatta’uudhaan guddina dinagdeefi misooma waaraa mirkaneessuu irratti xiyyeeffata kan jedhan pirezdaantichi, misooma waaraa mirkaneessuun kan danda’amu ammoo dameen dhuunfaa sochii misoomaa keessatti bal’inaan kan hirmaatan yoo ta’eedha jedhu.

Hanqinni sharafa alaa, faayinaansii, qaala’inni gatii, qaala’inni jireenyaa, idaafi dhiyeessi Teknolojii Quunnamtii Odeeffannoo gadaanaa ta’uun rakkoolee guguddoo guddina dinagdee biyyattiis ta’e damee dhuunfaa qorraa jiran waan ta’eef rakkoolee kunneen furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu himu Injinar Malaakuun.

Hawaasni daldaltootaa marichaarratti argamanis yaada kennaniin akka jedhanitti, rakkooleen dhiyeessa faayinaansii,  humna ibsaa,  hanqinni sharafa alaa, rakkoon nageenyaa darbee darbee mul’atan hojiisaaniitti gufuu ta’uu himanii, fooyyessi dinagdee biyya keessaa taasifamaa jiru rakkoolee eeraman furuufi damee dhuunfaa jajjabeessuuf kan gargaaru ta’uun kan isaan gammachiise ta’uu dubbatu.

Natsaannat Taaddasaa

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *