Atileetonni keenya badhaasaaf milkaa’uu laata?

Finfinnee: Waldaan federeeshinii atileetiksii addunyaa (“IAAF”) ALA bara 1988 irraa kaasee  waggaa waggaadhaan atileetota waggaa keessatti beekamoo (urjii) ta’aniif badhaasa addaa kennaa tureera. Badhaasni kun kan bara 2018 dabalatee  waggoota 30 lakkoofsiseera.Waggoota kanneen keessatti biyyoota miseensota waldichaa 215 keessaa atileetonni biyyoota 19 qofti korniyaawwan lameeniinuu badhaasaaf carraa argataniiru.

Biyyoota kanneen keessaa atileetonni Ameerikaa dubaraan yeroo 10n dhiiraan al torba walumaagalatti yeroo 19 fudhataniiru. Kan Jamaayikaa dhiiraan yeroo torba, dubaraan ammoo al lama dimshaashumatti yeroo sagal badhaafamaniiru.

Badhaasni kun biyya teenya, Itoophiyaas si’a jaha dhufeera. Dhiiraan yeroo sadiifi dubaraanis yeroo sadi ta’uusaati. Dhiiraan Qananiisaa  Baqqalaa yeroo lama walitti aansee yoo badhaafamu, Hayilee Gabrasillaasee al tokko badhaafameera. Dubartootaan ammo Masarat Daffaar, Ganzabee Dibaabaafi Almaaz Ayyaanaa yeroo tokko tokko badhaafamaniiru.

Seenaa badhaasa addaa waldaa federeeshinii atileetiksii addunyaatiin kennamu kana keessatti atileetin Morookoo beekamaan Haashim Elguraazh yeroo sadii walitti aansee atileetii beekamaa badhaasa addaa waggaa ta’uudhaan badhaafamera.

Afrikaarraa biyyoota atileetota badhaasa addaa kanaaf dhaqqabsiisan Morookoo, Aljeeriyaa, Keeniyaafi Afrikaa Kibbaa keessaa Itoophiyaan kan duraa ta’uunshee kan yaadatamuuda.

Waldaan federeeshiinii atileetiksii Addunyaa kun atileetota Itoophiyaa korniyaawwan lameeniinuu atileetota beektota kaadhimamtoota 10 keessaa filuudhaan  waggaa waggaadhaan dhiyeessus  bara darbeefi barana isaan keessaa tokkollee hindhiyeessine.

Ta’us waldaan kun badhaasa walfakkaatu kan dargaggootaaf badhaasu keessaa barana atileetonni badhaafamuuf kaadhimaman shan keessaa sadii badhaasa maahessaatiif dhihaataniiru.

Dargaggoonni umrii 20 gadii kan itti badhaafaman kanatti waggoota lamaan darbaniif fiigicha dheeraafi jiddugaleessaan kan beekamu Atileet Salamoon Baaragaa atileetota badhaasaaf kaadhimaman shan keessaa tokko ta’uun maqaansaa galmaa’eera. Atileet Salamoon Baaragaa bara darbes badhaasa walfakkaatu kanaaf kaadhimamee ta’uunsaa kan yaadatamuudha.

Atileetii miseensa kilabii Poolisii Kibbaa kan ta’e Salamoon umriidhaan xinnaa ta’us atileetota hangafoota wajjin falmii olaanaa gochuudhaan qabxii boonsaa galmeesisuusaatti kilabichi muudama Inspeektarummaa kennuufiinsaa ni yaadatama.

Yeroo dhihoodhaa as dorgommiiwwan biyyoolessaarratti dandeettii olaanaa argamsiisuudhaan qalbii daawwataa harkisaa kan dhufe Salamoon, qabxiifi dandeettiin dinqisiisaa ta’aa dhufuusaatti Itoophiyaan seenaa “Galaana Magariisaa” yeroo dhihoo keessatti dabaluu hinooltu jedhamee eegama.

Akkasumas yeroo gabaabaa keessatti dandeettii olaanaa galmeessisuudhaan addunyaarratti atileetii beekamaa akka ta’u maatiin ispoortii atileetiksii raagaa jiru.

Shaampiyoonaa atileetiksii dargaggoota addunyaa umrii18-20 gadii ta’an  jidduutti  mo’achuun kan beekamu  atileetiin kun shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa Londonitti adeemsifametti sadarkaa beektotaatti fiigicha meetira kuma shaniin hirmaachuudhaan Itoophiyaan gareenis ta’u dhunfaadhaan olaantummaashee mirkaneesseera.

Atileet Salamoon dandeettiinsaa baranas osoo gadi hinbu’in shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Kuwaataar, Dohaatti adeemsifametti lammaffaa ba’uudhaan meedaaliyaa meetii  biyyaaf argamsiiseera.

Bara 2018  dorgommii Daayimondi liigiitti  fiigicha meetira kuma shaniin qabxii dimshaashaan  olaantummaan kan injifate Salamoon Baaragaa, fageenya kana sadarkaa dargaggoota umrii 20 gadiin daqiiqaa 12:43.02 raawwachusaatti sa’aatii fooyya’aa bara 2005 Qananiisaa Baqqalaa galmeessisee as sa’aatii fooyya’aa ta’uudhaan galmaa’eera.

Shaampiyoonaa atileetiksi Addunyaafi Afrikaati atileetoota umrii 20 gadi ta’aniin Salamon Baargaa atileeta sadarkaa afraffaa ta’uusaas waldaan federeeshini atileetiksi Addunyaa ragaa baaseraa beekuun danda’ameera.

Akkasumas shaampiyoonaa atileetiksi Addunyaa barana magaalaa Doohaatti adeemsifametti Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif shaampiyonicharratti fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadiin meedaaliyaa meetii akka argattu kan taasise atileet Lammeechaa Girmaa kaadhimamtoota kanneen keessaa tokko ta’uun beekameera.

Atileet Lameechaan dorgommii kanatti atileetota umrii 20 gadii keessaa fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii kana kan xumure daqiiqaa 8:01.36n yoo ta’u, sa’aatiin  galmeessise Itoophiyaaf riikordiidha jedhamuunsaa ni yaadatama.

 Dorgommii kanatti atileetii Keeniyaa wajjin walqabatani sarara darbanis teekinikii Kaameeraan taasifametti maayikiro sakandii .0.01 caalame lammaffaa ta’unsaa kan beekamuudha.

Dubartotaan ammoo Itoophiyaafi Afrikaa bakka bu’udhaan kophaashee kan kaadhimamte atileeti Lamlam Haayilu ta’us waldaan federeeshina atileetiksii ifa baasera.

Atileet Lamlam Hayiluu dubartootaan atileetota umrii 20 gadi ta’an jidduudhaa badhaasaaf kan kaadhimamte shaampiyoonaa atileetiksii  addunyaatti fiigicha meetira kuma 1fi 500 tokkoffaa ba’udhaan mo’achusheetti.

Lamlam dorgommii kana kan xumurte daqiiqaa 4:02.97 yoo ta’u, Itoophiyaan gara fuula duraatti atileetota bakka bu’oota heddu burqisiisuuf abdii olaanaa akka qabdu mirkaneessuu dandeesseeti.

Atileetittiin taphawwan Afrikaa Guutuurrattis fiigicha meetira kuma 1fi 500n kanaan sadaffaa ta’uun meedaaliyaa nahaasaa argachusheetti waldichi badhaasaaf kaadhimuunsaa beekameera.

Haaluma kanaan atileetonni kunneen badhaasa baranaa kanaaf kadhimamuusaaniitti ummata addunyaa biratti mo’ataa beekuuf hawwii olaanaan akka uumamu taasiseera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *