Manni marichaa muudama Boordii Filannoo Biyyaalessaa haaraa raggaasise

Finfinnee: Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idileesaa kaleessa taa’een muudama Dubree Burtukaan Miidhagsaa Walitti Qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa akka ta’aniif Ministira Muummee Doktor Abiyyi Ahimadiin dhiyaate mirkaneesseera.

Doktar Abiyyi Dubree Burtukaan muudamaaf wayita dhiyeessan akka jedhanitti, filannoon biyyaalessaa itti aanu filannoo dimokiraatawaa taasisuu manii jalqabaa akkasumas, filannicha injifachuu ammoo  manii lammataa taasifannee hojjechuu qabna. Filannoon dimokiraatawaafi bilisa ta’e utubaa ijaarsa sirna dimokiraasii ta’uusaatiin filannoo itti aanu dimokiraatawaafi bilisa taasisuudhaaf hundinuu waliin hojjechuun irraa eegama.

Dubree Burtukaan ogummaa seeraa qabaniin seera kabajchiisuu irratti nama ejjennoo cimaa qabaniidha kan jedhan Doktar Abiyyi, dhimmoota seera filannoo irratti muuxannoo gahaa kan qaban ta’uus mana marichaaf ibsaniiru. Kanaan dura seera filannoo biyyattii irratti hirmaatanii kan beekaniifi hoggantuu paartii kan turan yoo ta’u, waggoota darbaniif miseensummaa paartii kam irraayyuu bilisa ta’anii ogummaasaaniitiin hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dubaree Burtukaan ogummaa isaaniitiin walitti qabduu boordichaa ta’anii seeraafi seera irratti hundaa’anii tajaajiluudhaaf fedhii kan qaban mul’isuusaanii eeranii,  manni marichaa dhiibbaa tokko malee muudama Dubree Burtukaan akka mirkaneessuuf gaafataniiru.

Manni marichaas muudama Dubree Burtukaan agalee mormii afuriifi qoqqobbii sagalee sadiin sagalee caalmaatiin muudama Dubaree Burtukaan walitti qabduu Boordii Biyyaalessaa ta’anii akka muudamaniif ministira muummeetiin dhiyaate mirkaneesseera.

Walitti Qabduu Boordii Biyyaalessaa Itoophiyaa duraanii Kan turan Adde Saamiyaa Zakkaariyaa jijjiirama biyyattii keessatti mul’achaa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan fedhii isaaniitiin aangoo isaanii  kan gadilakkisan ta’uunis ibsameera.

Natsaannat Taaddasaattiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *