Hiriira harka badiif diriireef barnoota ta’u

Bara tokko Gadaa beelaatu qamalee lagaatti bu’e. Beelli bu’e sun daran hammaataa waan tureef kan qamalee jedhame marti olii gadi socho’uun ooyruu namaatiif gola seenuun waan argatte buttee fiigdi.

Akka tasaa namtichi damma sorobee jiraatu tokko damma faagaa guutuu dugdasaatti baatee lagaa gara manaatti galaa osoo jiruu kootama qamalee hokkolu tokkotti dhufe. Maal taate qamuu? jedhee gaafate.

Qamuunis deebisee qoreetu na waraanee akkattin deemu dhabee gareekoo keessaan hafe maal ta’a baattee yoo achi na butte? jedhee gaafate.

Abbaan dammaas dadhabbii qamalee kanaatiif oo’ee buqqee dammaa (faagaa) dugdatti baatutti dabalee imala jalqabe.

Namtichis imalarra osoo jiruu akkuma goodaa tokko gaheen qamuu goodaan kun maal jedhama? jedhee gaafate. “Goodaa jalqaboo” jedhama jedhee deebiseef.

Damma namichaa qadaadameeru banee muuxachuu jalqabuusaa habalakaan hima.

Ammas akkuma goodaa lammaffaa gaheen kunoo jennaan qamuun “Goodaa Walakkoo” jedhe deebiseefi. Dammicha muuxatee walakkeessuusaa ibsaa jira.

Takka turee goodaa 3fa akkuma gaheen kunoo maal jedhama jennaan “Goodaa Sallaqoo” jedhee dugdarraa utaalee baduuf yoo ka’u, namtichi dafee dammaqee hiixatee eegeesaa qabuun qottoo baatu sanaan eegee wayita irraa muru quluuxahee miliqee jalaa bahe.

Namni kun rakkoo isa oolchuuf dugdatti baatus qabeenyasaa dhamaatee meeqaan argate; shira qamaleen kun xaxeen dhabe. Kun ta’us namtichi daran aaree waan tureef ijaa bahachuuf qamalee eegeen cite kana ajjeesuuf qawwee qabatee adamsuu jalqabe.

Qamaleen gamnooma waan guddattuuf balaa isa mudachuu malu jalaa miliquuf akkuma gareesaatti makameen labsii wayii labse. Kunis qamaleen eegee hinkutanne akka ajjeefamtu waan murtaaheef hundi keessan kutadha ani kutadheera jedhee akeekkachiise.

Qamalonni akeekkachiisa kana kootamasaaniirraa dhagahan hunduu eegee kutatee quluuxahee hojii saamichaaf hannaatti deebi’eera. Abbaan dammas laga bu’e wayita qamalee eegeen citaa barbaadu hunduu eegeen citaadha.

Rasaasa qabu tokkittiitiin kan ajjeesee dhiisu wallallee akkasaas dhabee aarii garaasaa akkuma qoricha heexoo osoo hadhooftuu garaatti dandahatee manasaatti galee taa’ee aara.

Jaarsi bule tokko maal taate dhalakoo jedhanii gaafatu, innis wanta ta’e ittima.

Jaarsis barichi bara beelaati, qamalee dammakee nyaate kana adda baastee ajjeesuuf badhaasa asheeta boqqolloo hidhaa tokko qopheessi jedheen. Innis akkasuma godhee sana booda qamaleewwan kanneen keessa kan jalqaba eegeesaa murate eenyudha boqoolloo kanan badhaasaa wayita jettu isa dura dhufe sana harka keetti galfatta jedheen.

Abbaan dammaas akkuma jaarsichi jedhanitti badhaasicha wayita itti agarsiisu kootamichi osoo hindubbatiin hoomaan jala jirtu quba itti qabuun kan dura eegee kutate kootamicha (hooggansaanii) akka ta’e agarsiisan, battaluma sana rasaasa baatuun kootamicha dhahee galaafate jedhama.

Dhimmi kun maaf ka’e jechuun hinoolu. Biyyii Itoophiyaa jedhamtu tun dachee kiristiyaanaa, musliimaa, waaqeffataafi amantiileen gara garaa keessatti argamaniidha.

Kun ta’us sirnoonni ofittoofi fakkeessanii buluu baran akkasumas Itoophiyaaf nutu beeka jedhan sabaafi sablammii garaagarummaa amantiin waldandahee waliin jiraachaa tureefi jiru gidduutti abidda facaasuun gubachuu masgiidotaafi manneen amantii kiristaanaaf sababa ta’aniiru.

Humnoonni kunniin karaa qaxxaamuraatiin sirna hirkattummaa olaantummaa saba tokkootiin kaleessa ijaaramee ture deebisuuf warreen wixxirfataa jiran ta’uu dhaadanoosaaniirraa beekuun nidandahama.

Isa kanammoo dhoksaa tokko malee guyyaa saafaa masgiidota gubuun garmaamaa, sirbaa sirna doofaa durii sana leellisaa ifatti gocha badiisaasaanii agarsiisaa turaniiru.

Masgiinni Goojjam Bahaa, Mooxaatti tibbana gubate daran kan nama gaddisiisuufi miira Itoophiyummaa dhugaa kan ofirraa hinqabne ta’uu kan agarsiisuudha.

Kun kan jedhameefis erga mana amantii kana gubanii itti naannahanii sirbuun, garmaamuun, dhiichisuun Itoophiyaaf natu beeka jechuun kun eenyuun abdataniiti? nama jechisiisa.

Ijoolleen abbaashii fakkaatti, barataan Musee dareeshii fakkaatti, naannoon hoogganaashii fakkaatti. Silaa osoo hedaafi miirri Itoophiyummaa dhugaa jiraate warreen baranneerra; naannicha hoogganna jedhan haasaa afaansaaniif daangaa, egeree ilmaansaaniif naamusa gaarii kudhaamu turan.

Haadha ilaalii intala fuudhi akkuma jedhamu gareen miira Itoophiyummaa sobaatiin socho’uufi walqixxummaa sabaafi sablammii, walqixxummaa amantiitti hinamanne gocha ofittummaafi badiisaa maatiifi hooggansaarraa dhaale gadi baasee ija jabummaan agarsiisaa jira.

Masgiida gubanii sirbuun, dhiichisuun hammam gadhiisii akka ta’an kan agarsiisuudha.

Qaamonni gocha badiisaa akkasii lammiileerratti qaqqabsiisan kunneen ifaafi ifatti of agarsiisaa gabaa walakkaatti yakka kana wayita raawwatan yakkamaa jechuurra shakkamaa jedhanii maqaa waamuun hinulfaatuu laata?

Akkuma kootamni qamalee badii dalagee eegeensaa cinnaan kaanis eegee kutadhaa jedhee walii wallaachisuuf ka’e dhumarratti garee isaan saaxilamee ajjeefame sanaa warra mataa ta’anii mataa raasuu barbaadanirratti tarkaanfii barsiisaa fudhachuun barbaachisaadha.

Kun hanga hintaaanetti bakka deeman hundatti aangoo dahoo godhachuun natu caalaa, natu beekaa, natu Itoophiyaa ijaare jedhanii eegee raasuun fagoo nama hindeemsisu.

“Dhagaa guddaan asii miti gaaraa kaate; dhuftee dhooqa geenyaan dubbii taate, namas nyaatte” akkuma jedhamu madda rakkoo kanaatiif oftuultotaaf leellistoota sirna durii Itoophiyaa biyya amantiif olaantummaan garee tokkoo keessatti ijaarame taasisuuf warreen mataa raasaniidha.

“Ajoofni qurxummii mataasaarraati” akkuma jedhamu aangoo dahoo godhachuun raacitii sirna doofaatiin Itoophiyaa dulloomtuu deebisuuf yaaliin harcaatota ija qalamaa muraasa dhandhamneerra jedhaniin aggaamamu kamuu dhimma xiyyeeffannoo mootummaa federaalaa argachuu maluudha.

Beekumsa qalamaa harcaatonni kunniin qaban bishaan fal’aana shaayeen garbarraa waraabame kan hingeenye ta’uusaa osoo beekanii uummata amantiin walitti buusuuf, lagaan walitti buusuuf Itoophiyaa durii deebisuuf hinabjootan turan.

Hiyyumni sammuu isaan liqimse kun akka peendulamii oliifi gadi isaan hindaddarbatu ture. Beekumsi xiqqoon balaadha jechuun isa kana mitiiree?

Aangoon hawaasa ofii ittiin hooganuuf naamusaafi miirri waldandahuu akka horatamuuf ogummaa akka meeshaatti gargaaruufi nama qaru ta’uu osoo maluu ofii mataa ta’anii mataa dubbii balleessuun hawaasa bal’aa amantiin walitti buusuun dhaabachuu qaba.

Kana malee hooggantoonniifi beektota warreen ofiin jedhan miira maal nadhabideefi jecha osoo hinfilatiin waltajjii hawaasa bal’aa hirmaachisurratti jecha akka malee baasan daangaa godhachuu qabu.

Gaafa waltajjiin namatti ho’u onneen bakka hinjirrerraa namaaf dhufa, nama macheessa, gaafa dubbiin nutti galagalu garuu nama raatessa. Kanaaf miira hoogganaa uffachuun barbaachisa.

Dubbiin afaanii bahe gooftaa namaa ta’a akkuma jedhamu namoota muraasa gammachiisuun hamilee argachuuf jechi akka feeteen hooggantootaan darbatamu sadarkaa irra jiraniin kan walmadaalu ta’ee hinargamu.

Hawaasni waltajjicharratti hirmaatuufi miidiyaa hawaasaatiin hordofu ammoo jecha hamminaatiif nama onnachiisuufi hadhaahaa ta’e hoogganaasaarraa wayita dhagahu fiigee kan abidda qabsiisu kumaatama.

Kun waan ta’eef qaamota guyyaa saafaa masgiidota gubuun miidiyaa hawaasaarratti bahanii sirban kana harkaafi harkatti qabee yakkamaa jechuurra shakkamaa jedhanii dhukkubsachiisuun hafuu qabaata.

Hiriironni mormii dhimma kanarratti kutaalee biyyittii keessatti gaggeeffamaa jiranis gochichi naamusa Itoophiyaanummaa kan hincalaqqisiisne waan ta’eef akka dhaabatuuf haala naamusaan guutameen gaafachaa jiru.

Humnoonni akkasii dubbii qabsiisanii mataa dhokfatan akkuma qamalee quluuxuu sanaa seeratti dhiyaatanii adabbii isaan madaalu argachuu akka qaban hawaasni muusliimaafi kiristaanaa gaafachaa jiru.

Lammiileen biyyattii gocha hamaa Magaalaa Mooxaatti raawwatame kana haalota adda addaatiin cimsanii kan balaleffatan yoo ta’u, keessumaa warri hiriira bahan qaamolee gocha badii raawwachuuf hiixataniif barnoota guddaa kan kennuudha.

Hiriirri nagaa lammiileen waardiyyaafi abdii nageenyaa ta’an kunniin taasisan dhugaa dubbachuuf daran kana ma gammachiisu, miira hinbarbaachisne kamuurraayyuu bilisa kan ta’eefi qaamolee keessoonsaanii hammeenyaan guutameef deebii barnoota qabu kan kenneedha.

Har’a biyyi keenya kan barbaadu ummata akkuma hiriira kanarratti mul’ate dheekkamsasaa haala nagaqabeessa ta’een ibsatee galuudha. Hiriirri mormii namoonni kumoota heddu hirmaachisuun magaalota biyya keenyaa adda addaatti taasifaman guutummaatti jechuun ni danda’amaa naamusaan kan guuamaniidha. Maalummaan hiriirra mormii ifatti kan irraa calaqqiseedha.

Walumaagalatti Itoophiyaan biyya sabaafi sablammiileen 83 kanneen amantiilee gara garaa qaban waldandahanii keessa jiraatan yoo taatu, gochi miira maal nadhibdeedhaan raawwatamu kamuu dhumnisaa badii waan ta’eef inni badiif harkasaafi arrabasaa dheeressu otoo daangaa godhatee akkasumas isa badii raawwate haaloo bahachuurra karaa seera qabeessaafi fakkeenyummaan eeramuun dallansuu ofii ibsachuu hiriira tibbanaarraa haa barannu.

Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *