Afaan Oromoo ija waaltinaatiin

Dubbistootaa, maxxansa keenya torbee darbeetiin mataduree kana jalatti maalummaa waaltinaa haala Afaan Oromoo ammaan tana irra jiruun walqabsiisnee waan hayyootarraa odeeffannee isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama.

Maxxansa kanaanis dhimmuma mataduree kanaan walqabate haala jechoonni afaanota biroorraa gara Afaan Oromootti hiikamaniifi kanneen biroo kaasuun waanuma Gaazexeessaa Ibraahim Hajii Aliirraa odeeffanne waldubbisiisna.

Namoonni tokko tokko afaan waaltessuuf daran rakkatu. Oggaa nan waaltessa jedhan kan ofii gatanii kan biroo jala deemuunis ni mul’ata. Dhimma kanarratti Gaazexeessaa Ibraahim Hajii Alii yaada ittaanu kenna.

Jechoota gandaa

Ani fakkeenyaaf dhaloonni koo Harargee ta’us ijoollee godinaalee adda addaa wajjin hojjetaan jira. Looga Harargeerraa  jijjiiramuu koo oggaan gara naannawichaa deemeen hubadha. Kanaanis harmeen kiyya ‘Ibraahim haasa’uu jalqabe’ naan jetti. Ani akkanitti haasa’aa jiru hinbeeku. Garuu jijjiiramni narraa mul’ata.

Oggaa walitti baanee walhubannu waliigaluu dandeenya. Ani bakka hanqaaquudhaan killee jedhurraan dhufe. Kan biraa akka na hubatuuf buphaa, okoka jedheen fayyadama. Anaaf hunduu tokko ta’aa dhufe. Namoonni iddoowwan adda addaatii dhufan jechoota waalta’anitti fayyadamuu barbaadu; afaanichi tokkichuma waan ta’eef walii haa gallu ejjennoo jedhu waan qabaniif”.

Warri bakka jiranirraa hinbaanes jiru. Kanuma naannawa ittidhalatee ibsachuufi fayyadamuu barbaadu ni jira. Ammaan tana waan miidiyaan babal’achaa dhufeef guddina Afaan Oromootiif gumaacha olaanaa buusaa jira. Waanin ani qaamaan godhadhe namoonni maal jechuudha jedhanii na gaafatan jiru.

Tasgabbii jechuun maal jechuudha jedhanii kan gaafatan jiru. Ani jecha kana eddiin baree bubbuleera. Jechoonni akka naannawaatti jiran danuudha. Ammaan tana carraa argataniin walitti dhufaa jiru. Tokko tokkoof adeemsi kun hinliqimfamu. Kan jecha kana eessaa nutti fidde jedhus jira.

Jechoota moggaasuu

Kan Koreen Waaltina Afaan Oromoo mari’atee murteesserratti kanneen gaaffii qaban jiru. Kun hubannoo dhabuurraa kan maddeedha. Jecha kamuu godinaafi aanaa fedherraa yoo dhufe kan keenya godhannee ittifayyadamuu qabna. Kan biraas akka beeku gochuu qabna.

Afaan Oromoo akkuma afaanota biroo jechoota lamarraa uumuurrattis hanqinni ni mul’ata. Fakkeenyaaf mudhii lafaa jechuurra sarwala jennee moggaafne. ‘Sarwalli’ jechoota sadii ‘sarara, walakkaa, lafaa’ jedhamanirraa hundaa’e.

Meeshaan Ingiliffaan ‘remote control’ jedhamu waan aadaa keenya keessa hinjirreefi fageenyatti tajaajila kennuuf (to’atu) waan ta’eef ‘fageettoo’ jennee moggaasne. Koree kana keessa hayyoota sadarkaa olaanaadhaan baratantu jiru. Waliyyaafataa, waldhaggeeffataa itti hindeemnu taanaan waaltinarratti rakkoo guddaatu nu mudata.

Waalteessuuf hunduu gamuma gamasaatiin tattaafataa jira. Miidiyaaleen hundis akkuma fedhasaaniitti waan itti deemaa jiraniif ijoolleen lafaa dhufaa jiran kam akka qabatanirratti rakkataa waan jiraniif xiyyeeffannaan itti yaadamuu qaba.

Dubbii afaanii

Dubbii afaanirratti rakkoo guddaatu jira. Jechi hiika dabalataa argachaa deema. Kanas galumsaan adda baafatta malee jecha tokko jechumaanin hiika yoo jette hubachuu hindandeessu. Fakkeenyaaf Harargeetti sadoo jechuun qananii jechuudha. Gara jiddugaleessaa fincila (haaloo) jechuudha.

Jechoota safuu

Jechoota lamaanuu galmee jechootaa keessatti hiiknee ittifayyadamuu qabna. Iddoowwan tokko tokkotti kaacha jechuun sagaagaluu jechuudha. Intalli tokko ni kaatti jechuun ni sagaagalti jechuudha. Harargeefi Booranatti jechi hiika akkanaa akka qabu beekamaadha.

Geeba jechuun Harargeetti meeshaa aannan ittiin dhuguuf buqqeerraa hojjetamuudha. Booranatti geeba jechuun qaama wadalaa jechuudha, danaadhaan waan isa fakkaatuuf. Yeroo tokko “Daraartuu Tulluu kaachaan tokkoffaa baatee geeba badhaafamte jedhamee miidiyaadhaan tamsaasnaan namoonni naannawa sanaa raadiyoo keenya cufne” jedhan.

Kanaafuu waan rakkinni jiruuf walbarsiisuufi hubachiisuun barbaachisa. Shaakaluu jechuun iddoowwan baay’eetti ‘piraaktis’ gochuudha. Jimmatti garuu shaakaluu jechuun saalqunnamtii raawwachuu jechuudha. Yeroo tokko Hawwisoon Biiftuu Ganamaa buna dhuganii “Ijoollee deemnee haa shaakallu” jedhan. Maanguddoon jecha kana dhagahan mataa qabatanii iyyuun, “Guyyumaan moo” jedhanii gaafatan.

Afaan biraatiin yaadaa Afaan Oromootti fayyadamuu

Amaariffaan yaadaa Afaan Oromootti fayyadamuunis ni mul’ata. Fakkeenyaaf raadiyoorratti “ጆሮአችሁን አውሱን” jedha. Gaazexeessaan Afaan Oromoo kana dhagahee dhufee “Gurra keessan nu ergisaa” jedhee fayyadama. Kun gonkumaa dogoggora guddaadha.

Akkan Afaan Oromootti gurra ergisuu jechuun hindhaga’iin jechuudha, faallaa waan jedhamuuf yaadameeti. Maanguddoon as taa’ee dhimma kee haasa’aa jiru yoo ta’e mee ebelu al tokko gurra kee nuu ergisi yoo jedhan, “Nurraa bahi, nurraaguddadhu, nun hindhaggeeffatiin” jechuusaaniiti.

Yoo akka Afaan Oromootti yaadaa hindubbisne ykn hinbarreessine dogoggora guddaatu uumama. Fakkeenyaaf nuti farda diimaa jenna. Amaariffaan “ቀይ ፈረስ” jedhama. Maqibsatu dursa jedhuudha. Fiicheerraa dhufe yoo jedhame ‘irra’ duuba jechaa jirti. Amaariffaan ammoo ‘ፊቼ’ jechuun jalqabarra jirti. Akka Afaan Oromootti yaadaa hinfayyadamuu dhiisnee akkuma caasluga Amaariffaa barannetti fayyadamna yoo ta’e kun dogoggora guddaadha.

‘Jaalatamaa namaa’fi ‘nama jaalatamaa’ jidduu garaagarummaa guddaatu jira. Kana keessatti waan hawaasni ittifayyadamu hubachuun barbaachisaadha. Barsiisaa /barataan hundi haala kanaan Afaan Oromootiin yaadaa afaanichumaan barreessuufi dubbisuu qabu. Kun guddina afaanichaatiif daran barbaachisaadha.

Akka Afaan Oromoo itti yaadanii barsiisuu dhabuun rakkoo guddaa qabaata. Furmaanni kanaas akkaadaamii afaanii qabaachuudha. Akkaadaamichi  jiraannaan miidiyaaleen hundi madda tokkorraa waraabbatu jechuudha. Amma namuu madda ofii qaba. Silaa maddi kun walitti yaa’ee otoo laga tokko gabbisee gaarii ta’a ture. Amma lagattis yaa’aa hinjiru.

Afaan biraarraa gara Afaan Oromootti hiikuu

Gama kanaan akka Bariisaatti waanti gaariin fakkeenya ta’uu danda’u yoo jiraatellee akka miidiyaalee birootti garuu hanqina guddaatu jira. Bariisumarras hanqinoonni muraasni darbanii darbanii ni mul’atu. Oggaa hiikamu maddarraa waraabbachuu dhiisanii afaan biraarraa hiikuutu mul’ata. Kun ammoo rakkoo qaba.

Afaan aadaa ofii qaba. Fakkeenyaaf hima, “የጸጥታ ምክርቤት” jedhamu fudhannee haa ilaallu. ‘Tsaxxitaa’ kana akka callisiitti fudhatanii Mana Marii Callisii oggaa jedhamee hiikamu mul’ata (dhagahama). Silaa otoo maddasaa “Security council” jedhamurraa hiikameera ta’ee Mana Marii Nageenyaa jedhamaayyu.

Jecha “precious stone” jedhamu Amaariffaan “የከበረ ድንጋይ” jedhamee hiikame. Afaan Oromootiinis dhagaa kabajamoo jedhamee akka hintaanetti hiikame. ‘Soya been’ ‘’አኩሪ አተር” ‘atara-boonsituu’ jedhamee hiikamee miidiyaarraa dhagahama.

Tartiiba hiikaa

Tartiiba hiikaa eeguurrattis rakkoo guddaatu jira. Waljala dabarsuutu mul’ata. Otoo Waajjira Jiddugaleessaa DhDUO ta’uu qabuu Waajjira DhDUO jiddugaleessaa jedhamee barreeffamaa ture. “ሁለተኛው የዓለም ጦርነት” fuudhamee waraana lammaffaa addunyaa jedhanii hiiku. Maqaan waraana addunyaati.

Waraana kanatu tokkoffaafi lammaffaa qaba malee addunyaa miti tokkoffaafi lammaffaan. Waraana addunyaa tokkoffaa, waraana addunyaa lammaffaa jedhamuu qaba. Haala kanaan waljala dabarsanii akka hiika dhabu gochuun ni mul’ata. Asirrattis akka Bariisaatti waan gaariin argaa jira.

Jechoota teknikii

Maqaan hiikamuufi hinhiikamne jira. Aadaa keessa yoo jiraate ni fudhanna. Fakkeenyaaf Amaariffi Ingiliffarraa dudhatee ‘istiraatejii’ jedhee fayyadama. Afaan Oromoo garuu tarsiimoo jedhee fayyadama. Jechi kun Afaan Oromoo keessa waan tureefi. Haala kanaan sakatta’amee yoo bahe waanti guddaan argamuu danda’a.

Asirratti waanti guddaan dagatamuu hinqabne waliyyaafachuudha. Duraan raadiyyoofi Bariisaa qofatu ture. Garuu akka koree waaltinaatti waliyyaafataa turre.  Maal haa jennu jennee walgaafachaa turre. Waan walfakkaatu qabannees ummatatti bahaa turre. Amma garuu waan walfakkaatuun ummatatti bahuuf dhiphachuun hinjiru.

Miidiyaaleen, kolleejonni, yunivarsitoonniifi manneen barnootaa madda tokkorraa akka waraabbataniif xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba. Otoo maddi tokko jiraatee silaa walirraa barachaa, afaan keenyas guddifachaa  deemna. Bariisaanis haala kanaan hojjeta taanaan yeroo gabaabaa keessatti ofiifis guddatee afaanichas guddisa. Seenaas hojjechuu danda’a jedheen yaada.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *