Kabaja guyyaa sabootaatiif qophiin taasifamaa jiraachuu Caffeen Oromiyaa ibse

Finfinnee: Guyyaa saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa marsaa 13faf  Sadaasa 29 bara  2011 kabajamuuf Oromiyaatti qophiin taasifamaa jiraachuu Caffeen Oromiyaa ibse.

Daareektarri Dhimmoota Komunikeeshiniifi Bulchiinsa Odeeffannoo Waajjira Caffee Oromiyaa, Obbo Habtaamuu Damissee ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Guyyaa sabootaa mataduree, “Tokkummaa Itoophiyaa Heddumminaan Miidhage” jedhuun Finfinneetti kabajamu kanaaf sadarkaa naannoo Oromiyaatti, koreewwan olaanaafi xixiqqaan hundaa’anii hojiileen gara garaa raawwatamaa jiru.

Qophiin dorgaadorgee heera Mootummaa Federaalaa Rippaablikii Demokraatawaa Itoophiyaafi Sirna Federaalizimii biyyi keenya ijaaraa jirturratti xiyyeeffatu qaamolee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun akka adeemsifamu ibsaniiru.

Mariiwwan yaadrimeewwan heddummina, waldanda’uufi araarri ijaarsa tokkummaa biyyaatiif jedhun dargaggoota dabalatee kutaalee hawaasaa sadarkaalee gara garaarra jiran gidduutti, akkasumas, manneen barnootaa sadarkaa 1fa irraa eegalee hanga dhaabbilee barnootaa olaanaatti kan adeemsifaman ta’a jedhaniiru.

Sagantaalee ayyaana kana miidhagsan keessaa  inni guddaan agarsiisa aadaa saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaati kan jedhan Obbo Habtaamiin, Oromiyaattis Gareen Aadaa Oromoo godinaalee adda addaarraa baba’uun shaakalliirra jiraachuu ibsaniiru.

Agarsiisi baazaarii intarpiraayizoonni maayikiroofi dargaggoonni manufaakchariingiin gurmaa’anii hojjetaa jiran  omishaafi tajaajiloota isaanii kan itti gurguratan qaama sagantaa kabaja ayyaanichaa ta’uun hojiileen hirmaattota adda baasuu raawwatamaa akka jirus eeraniiru.

Ayyaanichi walitti bu’iinsa naannawa daangaa Oromiyaafi Beenishaangul Gumuzitti mudate furuun araarri akka bu’uuf hojiin eegalame furmaata waaraa ta’uu danda’a jedhamee kan abdatamu ta’uus daarektarichi beeksisaniiru.

Jijjiirama biyyi keenyattiitti mul’ataa jiru caalmaatti akka cimuufi qaama jijjiiramichaas ta’ee adda durummaan akka hirmaatu haalli mijataan kan uumamaa jiru ta’uus ibsaniiru.

Charinnat Hundeessaattiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *