Ayyaanni waggaa haaraa saba Geedi’oo Amajjii 16 kabajama

Finfinnee: Sabni Geedi’oo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Naannoo Kibbaa keessaa isa tokko yoo ta’u, sabni kun ayyaana waggaa haaraa ‘Daraaroo’ jedhamu Amajjii 16 bara 2012 Godina Geedi’oo, Magaalaa Diillaatti kan kabajamu  ta’uu bulchiinsi godinichaa beeksise.

Bulchaan godinichaa Obbo Gazzuu Asaffaa ibsa dheengadda Finfinneetti gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti,  Daraaroon ayyaana waggaa haaraa sabni Geedi’oo  waggoota dheeraaf kabajaa tureefi jiruudha. Sabichi sirna Abbaa Gadaatiin geggeeffamuu erga jalqabee waggoota 540 ol kan lakkoofsise yoo ta’u, isaan dura sirna ‘Gosaannoofi Akkoo Manooyyeetiin’ geggeeffamaa turuu himaniiru.

Daraaroon ayyaana sabni Geedi’oo waggaa haaraa itti simatuufi Waaqasaa itti galateeffatuudha kan jedhan Obbo Gazzuun, akkasumas sirna sabichi guyyaa, turban, ji’aafi waggaa ittiin lakkaa’uudha.  Jala bultiin ayyaanichaa Amajjii 13 irraa eegalee qophiilee gara garaatiin kan kabajamu ta’uufi bakka bu’ootni sabootaafi sablammoota biyyattii ayyaanicha saba Geedi’oo wajjin akka kabajaniifis waamicha dhiyeessaniiru.

Jala bultii ayyaanichaatti Amajjii 13fi 14 simpooziyeemiin afaaniifi aadaa kan dhiyaatu ta’uus himanii, saganticharratti barreeffamoonni qo’annoo gara garaa afaaniifi aadaa sabichaa guddisuurratti xiyyeeffatan dhiyaachuun mariin irratti ni adeemsifama. Akkasumas  agarsiisawwaniifi dorgommiiwwan ispoortii adda addaa kan adeemsifaman ta’uufi dorgommiin fiigicha daandiirraafi guluffiin fardaa tokkummaa, guddina, nageenyafi badhaadhina keenyaaf ni fiigna jedhu kan adeemsifamu ta’uu himaniiru.

Ayyaana waggaa haaraa baranaarratti garee miseensota Abbootii Gadaa, jaarsolii biyyaa, abbootii amantii, bakka bu’oota dargaggootaafi namoota dhuunfaa beekamoo 46 ol  kanneen aanaalee godinichaa keessa naanna’uudhaan isa wal lole walitti araarsuudhaan, kanneen walirraa fagaatan walitti dhiyeessuudhaan nageenya buusuu keessatti gumaacha guddaa taasisaniif beekamtiin kennama jedhaniiru.

Ayyaanni Daraaroo bara darbe kabajame nageenya  godinichaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera kan jedhan Obbo Gazzuun, haalli nageenya godinichaa yeroo ammaa sadarkaa gaariirra jiraachuu eeraniiru. Ayyaanichi mataduree, “Daraaroo nageenya, tokkummaafi, badhaadhina keenyaaf’ jedhuun kan kabajamu ta’uus eeraniiru.

Akka isaan jedhanitti, ayyaanni waggaa haaraa saba Geedi’oo ‘Daraaroo’ jedhamuun beekamu barana Magaalaa Diillaa, Istaadiyoomii Diillaatti kabajama. Kabaja ayyaanichaarratti ammoo sirni ‘Hulluuqqaa’ ni adeemsifama. Hulluuqqaa jechuun cehuu ykn darbuu jechuudha.

Sirni Hulluuqqaa kun jalqaba Abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaatiin kan adeemsifamu yoo ta’u, isaan booda ammoo sabni Geedi’oo sirna Hulluuqqaa kan geggeessu ta’a. Sirni Hulluuqaa kun jibba, hammeenyaafi dhukkuba bara moofaa duubatti hambisanii abdii ifaadhaan bara haaraatti cehuu agarsiisa.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *