Barnoota dhiisuun fala qabsoo tarkaanfachiisu miti

Jimmaa: Barnoota barachuu dhiisuun fala qabsoo tarkaanfachiisu akka hintaane Yunivarsiitiin Jimmaa ibse.

Pirezidaantii ittaanaan yunivarsitichaa, Doktar Korraa Tushuunee ibsa dheengadda gabaasaa Gaazexaa Bariisaa waajjirasaaniitti argameef kennaniin akka jedhaniti, lammiin biyyasaatiif qabsaa’u kamuu barnoota ammayyaan deeggaramuu qaba.

Lammiin hinbaranne biyyaaf miti ofiifuu bu’aa hinbuusu jedhanii, barattoonni kaayyoosaanii sirnaan beekuu akka qaban dubbatu. Keessumaa ololtoota miidiyaalee hawaasaarratti afarfaman bu’uura godhachuun barattoonni tokko tokko dogoggora hinmalle keessa seenaa jiraachuus himaniiru.

Dogoggorri barnoota dhaabuu kun fala qabsoo tarkaanfachiisaa ta’ee ilaalamuu akka hinqabne pirezidaantichi ittaanaan eeranii, dhaloonni dhaabbilee barnoota olaanaa keessa jiru kamuu kaayyoonsaa barnoota  qofa ta’uu mala jedhaniiru.

Cancala siyaasaatiin sakaalamuun gaaga’ama fidaa jiraachuu ibsanii, dirreen siyaasaafi barnootaa gargar yoo ta’u, barattoonni tokko tokko ilaalcha akkanaatiin liqimfamuunsaanii sirrii akka hintaane kaasaniiru.

Kun kan ta’eefis siyaasniifi seerri yunivarsiitii waan walfaallessuuf dirree keessa jiran adda baafachuun barbaachisaa ta’uu Doktar Korraan dubbatanii, dhaabbileen barnoota olaanaa tokko tokko tarkaanfii sirreessaa fudhachaa jiraachuullee kaasaniiru.

Tarkaanfichi dhiibbaa mootummaa osoo hintaane danbiifi ittiin bulmaata yunivarsiitiin kan murtaa’u ta’uus ibsaniiru. Kun kan ta’eefis dirreen siyaasaafi barnootaa gargar ta’uusaani, jedhu. Barataan gaaffii qabu kamuu karaa seera qabeessaan gaafachuu akka qabullee kaasanii, olola afarfamu sababa gochuudhaan walitti bu’insiifi waldhabdeen mudatu sirrii miti jedhaniiru. Dhaabbilee barnoota olaanaa dhaloota gahumsa qabu horachuun barataafi hayyuu sababa qabatamaan falmuufi jijjiirama fudu omishuun kaayyoosaanii olaanaa ta’uus beeksisaniiru.

Kun ta’us dirree siyaasaafi barnootaa walitti makuun dimokraasii godhamee ilaalamuu hinqabu jedhaniiru. Dimokraasii jechuun mirgaafi dirqama ofii beekanii daangaa seeraa jalatti jiraachuu malee seermaleessummaa babal’isuu akka hintaanen dubbataniiru. Hunduu yeroo waan qabuuf barattoonni xiyyeeffannoosaanii barnootasaanii qofarra kaawwachuu malu jedhaniiru. Barnoota dhaabuu akka fala qabsoo tarkaanfachiisaatti ilaaluun dogooggora guddaa ta’uus hubachiisaniiru.

WaasihunTakileetiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *