Barattoonni 25 Dubaayitti carraa barnoota tolaa argatan

Finfinnee: Barattoonni Mana Barumsaa Bultii Addaa Adaamaa 25 Dubaayitti carraa barumsaa argachuusaanii daarektarri mana barumsichaa ibsan.

Daarektarri mana barumsichaa Doktar Hirphasaa Caalaa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin,  barattoonni kunniin dorgommii sadarkaa biyyaalessaatti karaa biyya Emeretoota Arabaa dhuferratti hirmaatanii mo’achuun carricha kan argatan ta’uu himaniiru.

Barattoonni kunniin qormaata carraa kanaaf isaan qaqqabsiise  Yunivarsitii Finfinneetti namootuma alaatiin kan fudhatan ta’uu eeranii, barattoonni mana barumsichaa barattoota akka biyyaattti dhiyaatan danuu injifatanii carricha kan argatan ta’uu ibsaniiru.

Barattoonni kunniin bardheengadda oggaa kutaa 12fa barataa turan qormaaticha kan fudhatan ta’uu himanii, barana yunivarsitiiwwan biyyattii dda addaatti barachaa turan. Barattoota 25 kanneen keessaa 12 dubartoota ta’uus daarektarichi eeraniiru.

Barattoota carraa barnootaa argatan kanneen manni barumsichaas ta’e abbaa mana barumsichaa kan ta’e Waldaan Misooma Oromiyaa (WMO) hanga dhumaatti kan hordofan ta’uus himanii, barattoonni kunniin waggoota afuriif akaakuuwwan barnootaa adda addaa kan hordofan ta’uu beeksisaniiru.

Barattoonni mana barumsichaa kanaan duras carraa barnootaa Chaayinaatti argachaa  turuu eeranii, baranumallee ijoolleen afur garas deemuusaanii addeessaniiru. Manni barumsichaa Chaayiniffaa barsiisaa jiraachuus ibsaniiru.

Carraan akkanaa barattoota mana barumsichaatti kaka’umsa guddaa uumaa jiraachuus kan himan Doktar Hirphasaan, barattoonni mana barumsichaa naamusa addaafi dhiyeenyaan waan hordofamaniif barumsarratti cimoo ta’uu ibsaniiru.

Barattoonni mana barumsichaa iddoowwan deeman hundattis fakkeenyummaan kan eeraman ta’uu himanii, barattoonni kunniin abdii egeree Oromiyaafi  Itoophiyaa ta’uus ibsaniiru. Carraa barattootni isaanii argatanittis guddaa kan gammadan ta’uu eeraniiru.

Barattoota kanneeniif ittigaafatamtoota hojii WMOtiin geggeessaan kan taasifameef yoo ta’u, manni barumsichaa bara 2006 irraa eegalee barattoota kutaa 8fatti qabxii olaanaa galmeessisan simatee barsiisaa jira.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *