Abukaatoo hidha guddichaa Saawudii Arabaa hamma

 

Biyyi takka qabeenya uumamaa uumaarraa argattetti fayyadamuudhaaf heeyyama uumaa malee kan eenyuus gaafachuuf hindirqamtu. Qaamni biyyi takka qabeenya uumamaan argatteef heeyyama akka gaafatamu barbaadus koloneeffataa ykn immoo holola siyaasaafi humna agarsiifachuuf kan dhama’uudha.

Lafa ofiirratti mana ijaarachuun mirga uumamaa ta’us, waan ittiin ijaartu yoo hinqabanneefi waan ijaarsaaf sibarbaachisu ollaa ykn qaama biraarraa kadhatta taanaan manicha akka fedha keetiitti osoo hintaane, akka fedha qaama sigargaare sanaatti ijaaruuf dirqamta. Waan ta’eefis mana lafa keerratti ijaarattuuf filannoon atin qabdu lama qofaadha isaanis; manicha deggarsa alagaatiin akka alagaan fedhutti ijaaruu ykn immoo humnuma qabdutti fayyadamtee akka ofiikeetiif yaadetti ijaarachuudha.

Biyyoota qabeenya uumamaatiin badhaadhan keessaa ishee tokko kan taate Itoophiyaan, qabeenya uumamaan argattetti biyyoota sirnaan hinfayyadamne keessaayyis ishee tokko. Haala mijataa uumamaan badhaate kanatti fayyadamuu dhabuusheetiif sababootni tarraa’an hedduu yemmuu ta’an keessattuu hiyyummaafi boodatti hafummaan biyyattii keessa yeroo dheeraadhaaf ture garuu mirga uumamaan argatte kanatti fayyadamuudhaaf heeyyama qaamota biroo akka gaafattuuf dirqamsiiseera.

Qabeenya ofii irratti heeyyama alagaa gaafachuun salphina ta’uyyuu, gaafatamees deebii gaarii dhabuun immoo qaanii qaanii caalu ta’ee seenaa keessatti galmaa’ee ol taa’eera.

Hangafa laggeen biyyattii kan ta’e Lagni Abbaay immoo qabeenya uumamaa biyyattiin itti fayyadamuu hindandeenye qofaa osoo hintaane, bishaaniifi biyyoo gabbataa baatee biyyoota biroo misoomsuudhaan abbaa galataa biyyoota biroo ta’uu danda’eera.

Laga guddaa kanarratti bara mootii Hayilasillaaseetii qabee hidha irratti ijaaruudhaaf yaaliiwwan garaa garaa taasifamaa kan turan yemmuu ta’u, biyyoota yeroo sanatti dhageettiifi humna qaban kanneen akka Misraatiin gufachuu danda’eera.

Lagicha akka lubbuusheetti kan ilaaltu Misir, tattaaffii yeroo adda addaatti Itoophiyaan lagichatti fayyadamuuf taasiftu ija hamaan ilaaluu bira dabartee, adunyaanis mirga itti fayyadamummaa Itoophiyaan laga kanarratti qabdu ija shakkiitiin akka ilaaltuuf shira hedduu xaxaa turteerti. Keessattuu erga ijaarsi hidha guddichaa eegaleen booda boo’ichashee bifa haaraan kan eegalte misir, jalqaba ijaarsi akka hin eeggalleef, booda immoo akka dhaabbatuuf

 dhagaan isheen hindhiibin hinturre.

Dhaabbilee idiladdunyaa garaa garaatti fayyadamuudhaan dhiibbaa garaa garaa gaggeessuudhaafis hirriba argattee hinbeektu. Dhimma fayyadama lagichaa irratti irra deddeebiidhaan hawaasa addunyaatti ibsaa turuusheetiinis biyyoota hedduu sadarkaa amansiisuu irra geessee jirti.

Abbaa dhugaa kan taate Itoophiyaan garuu dhugaa kana nama sirritti addunyaadhaaf ibsu dhabuushiitiin karaa dogongoraatiin hubatamuushee Dargaggoo Mahaammad Al Arusii ni dubbata.

Dargaggoo Mahaammad Al Arusii dhalatee kan guddate biyya Saawudii Arabiyaa magaala Jiddaatti yemmuu ta’u, barumsasaas achumatti xumuruudhaan yeroo ammaa barreessaafi xiinxalaa midiyaa ta’uudhaan hojjechaa akka jiru beekuun danda’ameera.

Namni aadaafi duudhaa biyya ambaa keessatti guddateefi waa’ee biyyasaa irratti nama biyyatti dhalateefi biyya keessa jiraatu caalaa addunyaa hubachiisuudhaaf halkaniif guyyaa dhama’u kun, keessattuu dhimma yeroo ammaa hidha haaromsa guddichaan walqabatee miidiyaaleeniifi mootummaan Misir addunyaa dogongorsuuf taasisan miidiyaalee addunyaa garaa garaa irratti dhihaachuudhaan dogoggora hayyootaafi angawoota jarreenii saaxilaa jira.

Miidiyaalee kanneen akka Intarneet, Aljeezraa, Al haram, Raadiyoo ispoortii Ashrak, Raadiyoo Faransaayi, Bluumbargi, BBC fa’arratti dhihaachuudhaan holola Misir afaanuma isaaniitiin fashaleessurratti kan bobba’e dargaggoo kun, keessattuu hawaasa Arabaa biratti ololli Misir amantiidhaan walqabsiiftee siyaasa laga Abbaay moo’uuf taasisaa jirtutti nama gufuu guddaa ta’eedha. Isaa miidiyaalee addunyaa garaa garaa irratti

 dhihaachuudhaan ololasaanii fashaleessaa jiru kana yeroo hedduu dogongorsuudhaaf miidiyaadhumasaatiin ofiisaanii irratti affeeranii dadhaban.

Itoophiyaan hanga ammaatti dhugaa umamni kenneef kana biyyoota addunyaa sirnaan hubachiisuu kan hindandeenye ta’uu kan himu Mohaammad, gama biraatiin immoo Misir kijiba dhugaa fakkeessitee irra deddeebiidhaan addunyaaf lallabaa turuunshee biyyootni hedduu akka ishii amanan taasisuu danda’uushee dubbata.

Akka ibsasaatti biyya Misriitti waa’een laga Abbaay kaarikulamii barnootaa keessa galfamee daa’imman jalqabarraa akka hubataniifi beekaniis akka falmatan taasisaniiru. Daa’imman mana barnootaatti Abbaay kan isaanii ta’uu baran immoo gaafa guddatanii biyyoota garaa garaa sababa adda addaatiif deemanis wantuma baratan sana facaasu. Kun immoo Misiraaf bu’aa hedduu buuseera waan ta’eef yeroo ammaa addunyaan abbaa qabeenyummaa laga kanaa irratti osoo dhugaa beektu dubbachuuf rakkatteerti.

Itoophiyaan garuu uumamumaan abbaa laga kanaa taatee osoo jirtuu, dhugaa kana addunyatti beeksifachuu dadhabuusheetiin ilaalcha dogongoraa yeroo ammaa mul’achaa jiru kanaaf saaxilamteerti. Dogongorri guddaan inni biraa gama Itoophiyaa irraa mul’atu immoo, waa’ee laga kanaa irratti akkuma warra Misir kaarikulamii barnootaa keessa galee dhalootni boodaa dhufu beekee akka addunyaa beeksisu gochuu dhabuudha.

“Maqaa Itoophiyaa xureessuudhaaf yaaliin Misir hintaasifne hinjiru” kan jedhu Mahaammad, olola sana immoo sirnaan jala bu’amee yoo fashaleeffamuu baate ololli irra deddeebiin dubbatamu akka dhugaatti fudhatamuu waan maluuf kanarrtti dammaqinaan hojjatamuu qaba.

Addunyaan kan isheen amantu nama dhugaa qabu qofa osoo hintaane, nama dhugaa qabu sana sirnaan himate waan ta’eef, uumamumaanuu keenya jedhanii taa’uun hafee carraa argame hundatti fayyadamuudhaan waa’ee lagichaa ormaaf ibsuunis murteessaa akka ta’e hima.

Miidiyaalee gurguddoo addunyaa hedduu irratti yemmuun affeeamu gaaffiin yeroo hedduu naaf dhihaatu keessaa “Misir Itoophiyaan akkana nu goote, nu miite jettii maaliif miitan?” inni jedhu irra deddeebiidhaan kan gaafatamu ta’uusaafi kunis Misir irra deddeebitee komii hinjirre dhiheeffachaa turuunshee sadarkaa

 miidiyaalee kanneen amanan irra ga’uusaa kan agarsiisu ta’uu dubbata.

Yeroon ammaa kana Itoophiyaan biyyoota Arabaas ta’e addunyaa hedduu biratti fudhatama guddaa argachaa kan jirtu waan ta’eef carraa kanatti gargaaramuudhaan dhugaa ofii himachuuniifi orma amansiisuun baay’ee barbaachisaa akka ta’es ni ibsa.

Akka ibsasaatti, Namni tokko biyyasaatiif falmachuufis ta’ee faayidaa biyyasaatiif dhaabbachuudhaaf fageenyi nama dhorkuu hindanda’u. Kanas yoo ibsu, “Ani kandhaladheefi guddadhes biyya ormaatti. Ergan dhaladhee yeroo jalqabaatiif baatii tokko dura gara biyya abbaa kiyyaa Itoophiyaatti dhufe.”

“Dhaloonnii koo Arabiyaa keessa ta’uusaatiin baruumsiifi wantootni hunduu afaanuma arabaatiin gaggeeffamaa jechuudha. Afaanuma biyya abbaa kiyyaa (Afaan Oromoo) kan dubbatamu manuma keessatti maatii qofa waliin waan ta’eef sirritti hamma garaa kootti barachuu hindandeenye. Afaan Oromootiin barreessuu dhadhabus garuu haasa’uu waan danda’uuf hamma tokko wantoota hedduu akka hubadhuuf na gargaareera.”

“Afaaniifi aadaa biyya abbaa kiyyaa akka fedhetti baruu baadhus garuu, karaa danda’ame hundaan maqaan biyya abbaa kiyyaa akka hin xuroofneefi biyyoota ollaas ta’ee addunyaa biratti maqaa gaariin akka waamamatuuf waan narraa eeggamu hunda bahachuudhaaf qophii olaanaa qaba. Dargaggoonni hundi karaa danda’aniin maqaa gaarii biyyasaanii eegsisuufi biyyi maal naagootee dhiisanii ani biyyaaf maal godhee qofa yaaduu qabu” jedha.

Keessattuu warroonni akka kiyya biyya ormaatti dhalatan waa’ee seenaafi aadaa biyyaa baruudhaaf carraaqqii walirraa hin cinne taasisuun kan isaan irraa eeggamu yemmuu ta’u, bakka jiran hundatti abukaatoo biyyasaanii ta’uunis dirqama lammummaasaanii bahachuu akka qabanis ni dhaama.

Egaa dargaggeessi biyya kanatti hindhalanneefi erga dhalateen boodas biyya tana dhufee osoo hinargiin biyya ambaa taa’ee biyya abbaasatiif falmu akkanaa namoota hedduuf fakkeenyummaa gaarii akka qabaatu shakkiin hinjiraatu.

Walumaagalatti, eessallee jiraadhu eessattis dhaladhu, yeroo hunda waa’een biyya yemmuu ka’u namni keessisaa hin boorofne yoo jiraate kan rakkoo sammuu qabu qofaa ta’a. Waan ta’eefis namni iddoo kamiifi ogummaa kamirrattuu bobba’e hundi carraa argameen abukaatoo biyyasaafi sabasaa ta’uun dirqama lammummaa ta’a.

Hiyyeettii taatus haati haadhuma, biyyis biyyuma waan ta’eef, biyya dureessa keessa jiraatan caalaa biyya hiyyeessasaaniitiif jaalala biyyaa cimaa qabaachuun kan itti mirkanaa’u ta’uusaa hubatamuu qaba.

 Bayyanaa Ibraahimiin

 Bariisaa Bitootessa 19 Bara 2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *