Daandii Barraaq gaariif bahanii, aarii

Dhiheenya kana gumaacha ittisa dhibee koronaatiif ani gaazexessaa Suleymaan Ahmad Dhaabbata mitmootummaa Intarnaashinaal Imaajiin waan deey jedhamu waliin gara Godina Baalee imallee turre. Warri Imaajin  irra deddeebiin hojiif garasitti imalaa turan.  Anatu takka bayii  yeroo jalqabaatiif itti dabalamee waliin imale malee.

Kaayyoon deemsa keennaa, meeshaalee ittisa koronaatiif oolaniifi kanaan  walqabatan gumaachuuf, akkasumas hubannoo ittisa koronaa duraan jalqabame  jiru cimsuuf ture mariin kan waliin imalle. 

Daandiin Barraaqitti nu geessu magaalaa Mannaarraa ka’ee ganda Gongomaa, Naannigaa Dheeraa qaxxaamuree imalu kiiloo meetra 25 hanga 30 tilmaamaan ta’u cirracha uffateera.  Darbee darbee bishaan irra garagalee gommaan bishaan facaasaa yoo deemellee.

Kan achirraa hafe biyyee gurraacha bishaan roobaa dhuge. Garuu ijaan kan nama sobu gogaa fakkaata.  Imalli itti fufee jira. Deemsa dhaabata qixxeetiin. Tilmaamaan naannawa km 50 hanga 52 ta’uutti daddaffii deemsa  keennaa wanni daangesu nu qunname daandii ooyruu fakkaatu dhoqqeen gommaa sakaale. Amma dhageettii kiyya lafti gammoojii yoo itti roobellee dafee gadi dhuga jedhu hubannoo biraa ta’uu argaan mirkaneeffadhe.

Akkuma carraa  konkolaataan ani keessa jiru socho’uu dadhabe; konkolaataan nu duraan jiru qixa shunquqataatiin dhoqqee keessaa yoo bayullee. Waan gaarii hojjachuuf manaa baanee aarii. Xiinxalli kiyya mataduree daandii gaariif bayanii aarii jedhee asirraa jalqaba. Misooma daandii Aanaa Dalloo-Mannaa gara ganda baadiyyaa Barraaq geessuu waan agareen xiinxale kunoo isiniin gaye. Gaariif baanee aarii jedheenii. Waan yaadadhee katabe waan sammuun kiyya qabe.

Dhoqqee keessaa bayuuf yaaliifi tooftaalee addaddaa konkolaachisaa keenna Ahmaddiin taasisu cinqaasaa qoodannee waan raawwatamuu qabu mara raawwanne.  Duuba goranii dhiibaa, dura taranii harkisaa, yaalle. Nuu milkaayee,  bakka sanii sochoone.

Gammachuun imaluu eegalle. Garuu baay’ee hinfagaanne ammallee kan caaluttuu dhufne abdiin jira waan silaa raawwatamu raawwannee akkuma jalqabaa tun nutti ulfaatte, yeroos nurraa fudhatte garaa kutatanii karaan nama hindaangessu jennee hamileen carraaqne. Ammallee dhoqqee keessaa baanee imala eegalle.

Imala gabaabaa booda garuu wanni baranne nutti deebi’e. Haalli kun irra deddebi’ee yeroo shanii ol nuqunname. Konkolaataan lammaffaa akkuma taate taatee baati. Sun lafarraa ol kaati. Garuu nugattee akkamitti fagaatti yaada tokkoof deemna waan ta’eef.

Deemaa waleegna. Konkolaachiiftoonni lameen mari’ataa walgargaaraa konkolaataa dura jiruun kan duubaa harkisaa bakka kaane gayuuf waan carraaquu qabnu mara carraaqne. Meeshaa irraa buusaa baataa lukaan jala deemaa bakka dhoqqeen qabe qotaa baasaa meeshaa itti deebisaa, waa heddu yaalle. Konkolaachiftoonni wal jijjiiraa yaalan.

Yaaliin keenna milkaayuu hindandeenne. Konkolaataan hafuurrisaa duraan hindhagayamne aaraa baasuuf iyyuu foolii fiduu jalqabe sharaan firisiyoonii tarsa’e, kunis mallattoo agarsiisuu isaati. Haala kana keessatti yaaluun rakkoodha. Maarre haga qabbanaayuu eeguun dirqama ture. Obsinee eeynee turtii booda yaalii dhumaatiif qabanneeffannee kaane.

Bakki kun tilmaamaan ganda silaa deemnu, Barraaq gayuuf kiiloo meetra 12 hanga 15  hincaalu. Magaalaa Mannaa bakka kaanee naannawa km 60 hanga 62 imallee jirra. Bakka deemnu buqqaatotaa bira gayuu baanullee ganda Barraaqiin seennee jira.

Dhiyaannee jirra. Bakka dhaabanne, abdii kanaan abshiir waliin jechaa ka’uuf motora kaasee konkolaachisaan keenna marii konkolaattota lameeniitiin. Konkolaataan kun harkisaa nu duubaan dhiibaa tokko lama sadii jenne.

Aarri dabalee fooliin funyaan nu seene nu duuche. Gommaan deemuu konkolaachuu  qabu lafa qotee seene.  Yaaliin keenna asitti raawwate. Yeroo dhumaaatiif akka socho’uu hindandeenne beeyne karaan garaa moo’ate yeroof. Sharaan firisiyoonii dhumate marshiin galuu dide jedhe konkolaachisaa Ahmaddiin aariin gaddaan sagalee laafaan mataa qabataa  konkolaataa keessaa bu’e.

Nu martuu gadda dachaa gaddine. Deemsatti taboo/ rakkoo nutti ta’uusaa karaa biraatiin ammoo miidhaan konkolaataa irra gaye sanuu konkolaataa tajaajillisaa waggama jahallee sirritti  hinguutiin.

Dhimmi daandii kun haalaan yaaddessaadha. Mudannoo altokkoo qofa osoo hinta’iin carraa misoomaa baldhaa akka waliigalaatti aanicha keessa jiruudha, yoo ilaalan. Daandii bu’uura misoomaa, bu’uuraalee misooma biraallee babaldhisuuf murteessaa ta’eef. Akka tasaa bakki itti dhaabanne lafa baldhaa  mukkeen xixiqaatiin hektaarri kumaan lakkaawamu itti guutame daangaasaa ijji agarte hin raawwanne. Gamaa gamanatti.

Naannofti kun naannawa rooba gayaa hinqabneefi lafa gammoojjiiti. Haata’u malee  akka odeeffannoo keessa beektota naannawichaa irraa argadhetti. Osoo ammoo bu’uuraaleen misoomaa guutamanii humnaafi invastimantii guddaan misoomee Baale qofaa miti biyya guutuu lafa sooruu danda’uudha.

Addaan sissiqee ta’u lafa invastaroonni qonnaaf fudhatanii qonna itti yaa’uu eegalan gartokkeen naannawa kanatti argamu.  Invastaroonni kunniin haala qilleensaa uumamaa kanatti dabalatee sababuma bu’uraalee misoomaa keessattuu rakkoo daandiitiin garaa guutuun itti hojjachuun rakkisaa yoo ta’ellee. Yoo roobni tolu wanni gaariin irraa akka galu gaafa roobni goomu/caamu guutummaatti waan biyyeetti dabran dhabuun jira jedhu keessa beektonni.

Kanaaf xiinxala kiyyaan lafti baldhaan hektaara kumaatamaan laakawamu mukkeen xixiqqoon guutuun  agaree qofaan midhaginaan nama hawatu kun guutumatti misoomsuuf yoo barbaadameefi hawwame  itti yaadamee humna gahaan irratti hojjatamuu qaba.

Karaa biraatiin pirojaktiiwwan jallisii aanicha keessatti iddoowwan saditti jalqabaman babaldhatanii gara ganda Barraaq geennaan naannofni kun midhaan alaa galu hanbisuu keessatti gayee guddaa qabaata jedhee yaada. Rakkoo misooma bu’uuraa guutuullee ta’e lafa kana misoomsuuf humna aanaa Dalloo Mannaati ol jedhee yaada. Kanaaf akka naannotti dabrees akka biyyaatti itti yaadamuu qabaan dhaamsa nama akka kiyyaa daandiifii naannawa san argee, dhalataa biyyaa, bulchiinsa naannawaa, jaallattoota misoomaa  maraati jedheen amana. Agareetu nama amansiisa.

Amma dhimma imala keennaatti haadeebinu. Bakka dhaabanne kana leencaafi jawween naannawa san akka jiru dubbatama. Keessa beektota nuwaliin jiraniin. Yaaddoo kan nutti ta’e garuu sodaa kanaa ol hawaasa hamilee dhufaatii keenna eeggataa jiran. Kanaaf hawaasa dafnee malanne. 

Konkolaataan lammaaffaa keenna dhoqqee san dandamatee baye meeshaa haga danda’e konkolaataa kaan irraa itti dabalamee fuudhee akka deemu deedeebi’ee ammoo meeshaa hafe akka kaasu namni muraasni dursee deemee hawaasichaaf akka raabsu taasisuu murteessine.

Meeshaa baanne haga tokko duratti siiysinee tooftaa yaanne kana raawwanne. Konkolaataan qindeessaa dhaabbatichaafi ittaanaa waajjira barnootaafaa fuudhee deemsaaf ka’e. Nuti warri hafne yaadannoo qabachuu jalqabne waan nu mudate. Bakka kana walqunnamtiin tokko jiru.

Konkolaataan deeme duratti siqee dhoqqeen qabee haadhaabatu; haa imalaa jiruu wanni ittiin beeynu tokko hinjiru. Eeguu qofa, Rabbiin kadhataa. Haala kanaan osoo jirruu sa’aatiin fagaate konkolaataan deeme deebiin ture. Naannawa san hawaasni jiru addaan faca’ee waan jiraatuuf nama arganii odeeffannoo gaafachuun rakkoo guddaadha.

Akka tasaa maanguddoon dhufan tokko waan yaaddessaa tokko nutti himan. Fuuldura keessan dhoqqee hamaatu jiraatii hindeeminaa nuun jedhan. Nuhi duraanuu bakka jirrutti dhaabateen, waan deemaa jirru itti fakkaatee. Yeroo kana rifanne konkolaataan deeme qabame hafe jennee murteessine. Wanni goonu hinjiru durattillee duubatillee maquun hindandeennu eeguu qofa. Odeeffannnoo karaan itti argannu hinjiru. Sa’aatii lamaa ol bakka kana turre.

Bulle jennee yaadne. Waan biraa hawaasa addaan faffagaatee jiraatu kana biraa argachuun rakkisaa waan ta’uuf yoo re’ee qalannee nyaannu arganneef mari’achuu jalqabne. Of qopheessuun gaariidha rakkooma kam keessattuu. Akka tasaa namoonni achi turreefi lakkoofsaan afur taanu marti keenna sooma Ramadaanaa qabna. Yeroof nyaataaf hinrakkanne wanni ittiin faxarrutu rakkoo ta’ee eegama malee.

Dubbii kan nutti hammeesse maanguddicha daandii badaa keessaa bayuu hindandeettan nuun jedhani. Rafuuf fuullee taa’uunillee namatti hin tolu boofti jawween naannawa san jiraan gurra nuu buutee jirti. Hanga dandeenneen akko komeeditaan taanee walbuhaarsuu yaallee jirra.

Namni waliin turre tokko barsiisaa Seeyfuun nama akkaan tapha beeku waa heddu nutti himee hamma tokko yaadoma keessaa taanee ima buhaara. Nabirallee hamma tokko wanni ogummaa jirti. Akkanuma akkana jedhaa osoo yaadaan jirruu sagalee tokko dhageenne. Sagalee konkolaataa seenee garuu sagalee mootar saaykiliiti. Sun daandiitti osoo hin bayin deemte sagalee qofaan. Eeguu qofa ammallee.

Turtii daqiiqaawwan muraasaa booda doqdoqqeewwan sadii walduraa duubaan kallattii daandii nuti silaa itti imallurraa dhufan. Ammallee gammadnee kaanee, garuu konkolaataan hinjiru.  Ta’ullee akka reefuu hin rifanne irra hafne aaga arguu toltuu dhagayuuf deemna. Motoronni kunniin achuma bakka nu imala keennaan haqabuuf manaa baanee ganda buqqaatootaatii dhufan. Yoo xiqqaate odeeffannoo arganna jennee yaadna. Konkolaataan keenna eegaa turre ammallee himuldhatu.

Dargaggoonni mootaroota sadiin dhufan maal nutti himu laata jenneen cinqaani  eegganne. Gaariif bayanii aarii!  Aariin hafee  milkaaye gaariin nutti himame. Konkolaataan imale bu’aa bayii heddu argullee nagayaan dhoqqee dandamatee bakka buufataa meeshaa fuudhe geessuun hawaasa naannawichaatiif gumaachamuun nutti himame.Gammanne.

“Meeshaaleen hafan hoo?” jennee gaafanne mootora dargaggootaatiin akka fe’amuuf dhufan nutti himan kunillee gammachuu lamuuti. Wanni baaneef fiixa waan baheef. Konkolaataa dhaabate malee hawaassa bira geennee jirra. Konkolaataan keennas duubaan dhufaa akka jiru nutti himan. Turtii xiqqoo booda mirkaneeffanne. Yaada jalqaba karoorfanne konkolaatichi deddeebi’ee meeshaa akka fuudhu kan jedhu ture.

Amma garuu  yaada kana jijjiirre. Rakkoo daandichaa irraa kan ka’e akka hin danda’amne murteessanii dhufan. Nullee kanuma yaadaa eegne. Konkolaataa keenna dhaabate amaanaa nurraa fuudhanii,  akka nuu eegan waadaa galanii, namoota lama poolisii tokkoofi hidhataan tokko ramadaman amaanaa dhaabbaticha irraa fudhatan. Kunnillee gammachuu biraati.

Akka tasaa bulchaan gandaa naannawasanii konkolaataan dhoqqeen qabamuu dhagayuun dursanii dhufanii jiru mootora biraatiin. Ummataaf baatan abshir nuun jedhanii nu abdachiisan. Galata qabu. 

Wanni gaariin tokko achitti dhagaye biraa hawaasni naannawa sanii horsiisee buluun ala galii addaa ittiin jiraachuu qabaatuu baatullee dureessa qalbii ta’uu hubadhe haasawa keessa. Konkolaata mitii, tasa meeshaa xiqqoollee maaliif hintaane yoo namni tokko naannawaa sanitti waa gatee ykn buusee namni tokko kan fudhatu akka hin jirre, hanga abbaan itti argamutti akka amaanaan kaayamu hubadhe.  Durummaan qalbii akkana! Barbaadanii  haqa abbaaf galchu.

Dubbiitu jidduun nama fudhataa, gara biraa seene haala meeshaan itti ka’u itti geeffamu erga walii gallee sirna itti godhannee, amaanaa dhaamanne ufirra deebine. Daandii jalqaba bakka sanitti rakkoo guddaa itti agarre irraa eenyu haawaasa naannawichaatiin gorree ganda-ganda keessa daandii haa jennuunii xurree  deemsa dheeraa booda daandii jalqaba ittiin dhufnetti deebine.

Garuu daandii bakka jalqaba ganama dhoqqeen itti qabamnetti deebi’uun keenna dirqama ammallee akkuma ganna wayta dhufnuu konkolaataa dhiibaaaf harkisatti deebine. Milkoofnee baanee gara bakka kaaneetti magaalaa Dallootti Mannaatti deebine. Nagayaan galle.

Walumaagalatti gaariif bayanii, aarii yoo arganillee dhamaaf dhamaan milkiin hinoolu. Milkoofne. Konkolaataan keenna dhoqqeen qabamellee oolee bulee  baasii hinmallee yoo itti bayellee bayeera.

Iji toltuu hagartu, gurri aaga haa dhagayu!

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *