“Sirna Gadaa ammayyeessinee addunyaan akka irraa baratu gochuun dhimma murteessaadha”-Geetaachoo Taaddasaa (Ogeessa Seeraa)

Natsaannat Taaddasaatiin

Sirni Gadaa bu’uura sirna dimokiraasii ammayyaa, duudhaa ittiin bulmaata Oromoo akkasumas bu’uura seenaafi eenyummaa ummata Oromooti. Akkasumas, calaqqee qaroominaafi agarsiistuu cimina xiinsammuu ummata Oromoofi mallattoo nageenyaati. Gadaan qabeenya Oromoo qofa  osoo hintaane kan biyyaa, Afrikaafi kan addunyaa ta’ee erga ‘UNESCO”tti galmaa’ee waggaa afur caaleera. Sirnichi duudhaalee sirna dimokiraasii addunyaa keessa hinjirre of keessaa waan qabuuf waliin kunuunsuun,  irraa barachuun, guddisuufi dagaagsuun gahee hunda keenyaa ta’uu qaba.

Ogeessa, barsiisaafi gorsaa seeraa kan ta’an Obbo Geetaachoo Taaddasaa gaafdeebii dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti,  Sirni Gadaa erga ‘UNESCO’ irratti galmaa’ee as Oromoodhaafis ta’e addunyaadhaaf maal bu’aa buuse jennee yaaduufi xiinxaluun barbaachisaadha. Aadaafi afaan Oromoo guddisuu yoo barbaanne Sirna Gadaa guddisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Sirni Gadaa sirna barnoota biyyattii keessa galee akka baratamu taasisuun sirnicha guddisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf kun dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha. Sirni Gadaa qabeenya addunyaa erga ta’ee naannoo Oromiyaa qofatti daanga’uu hinqabu jedhu. 

Guddinni Afaan Oromoos guddina Sirna Gadaa hordofee waan deemuuf afaanicha afaan saayinsiifi industirii ta’uu qaba kan jedhan ogeessi seeraa kun, afaan Oromoo Gaanfa Afrikaatti Afaan saba bal’aa Itoophiyaa qofatti utuu hintaane Keeniyaa, Yugaandaafi Somaaliyaa keessatti bal’inaan dubbatamu kun walitti dhufee bor addunyaarratti akka dubbatamuu taasisuun barbaachisaadha. Bu’uura sirna dimokiraasii addunyaa kan ta’e Sirna Gadaa Oromiyaa keessa ture sadarkaa addunyaatti sirna walqixxummaa sirna nama hammataa, dubartootaa, ijoollee, bineensa, biqiloota kabajuufi sirna nagaa  ta’uusaa addunyaan sirriitti akka hubatuufi bifa ammayyaa’een akka itti fayyadamu taasisuun barbaachisaadha jedhu.

Rakkoon nageenyaafi haalli qilleensaa addunyaa raasaa jiru, walqixxummaa dubartootaa addunyaan mirkaneessuu dadhabee rakkachaa jiruufi mirgi daa’immanii dhiitamaa jiru furuuf duudhaalee Sirna Gadaa keessa jiran qoratanii itti fayyadamuun barbaachisaadha. Sirnicha sadarkaa biyyattis ta’e addunyaatti itti fayyadamuun malaamaltummaa  rakkoo guddaa addunyaa ta’e furuu keessattillee gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu himu. Kanaafuu sirnicha sadarkaa biyyattis ta’e addunyaatti idileessanii itti fayyadamuun rakkoolee gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa furuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Sirna Gadaa keessatti daa’imni tokko guyyaa dhalatee hanga guyyaa du’utti gahee ykn ittigaafatamummaa qaba. Sirni akkasii biyyoota addunyaa kamiyyuu keessa hinjiru. Kanaafuu biyyootni addunyaa Sirna Gadaarraa waan baay’ee barachuu danda’u. Sirni Gadaa nageenya mirkaneessuu keessattis gahee olaanaa qaba jechaa nageenyi Oromiyaa keessa hinjiru taanaan warri kaan nurraa barachuu hindanda’an. Kanaafuu nagaan jiraannee biyyoota ollaafi addunyaaf fakkeenya ta’uu qabna jedhu Obbo Geetaachoon.

Sababoota gara garaatiin nageenyi boora’uun waanuma jiruudha kan jedhan ogeessi seeraa kun, waanti guddaan garuu dafanii nagaa buusuudha. Nageenyi ofirra jalqabee maatiifi ollaa biratti babal’atee nageenya naannoofi biyyaa mirkaneessa. Nageenyi namaafi nama gidduu, namaafi uumama gidduu, namaafi uumaa gidduu jiraannaan guddina, misoomaafi tasgabbii gaariitu jira. Oromoo biratti roobni yeroosaa eegee roobuu baannaan nageenyi hinjiru, dogoggorri raawwatame jira jedhee amana. Dogoggorri kun ammoo qabeenya uumamaa  kunuunsaafi eeguu waliin walqabata jedhu.

Sirni Gadaafi Heerri utuu wal hindhiitiin walcina itti fayyadamuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf rakkoon nageenyaa tokko yoo mudate karaa lama nageenya buusuun ni danda’ama. Inni tokkoffaan dhimmicha gara mana murtiitti geessuudhaan yoo ta’u, inni lammaffaan dhimmicha gama aadaatiin ilaalamee akka furamu taasisuudha. Dhimma tokko mana murtiitti himatanii furmaata argachuun yeroofi qarshii namaa ni qisaasessa. Kana jechuun ummatni mana murtiirra amantaa akka hinqabaanne gochuuf miti. Hanga danda’ame rakkoo, walitti bu’iinsaafi waldhabdee kamiyyuu karaa Abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaatiin furuun kan jajjabeeffamu ta’uu himu.

Invastaroonniifi kaampaanonni addunyaa hedduun yeroo ammaa dhimmasaanii gara mana murtiitti geessuurra jaarsummaadhaan fixatu kan jedhan gorsaan seeraa Geetaachoo Taaddasaa, dhimmi jaarsummaadhaan furamu yeroofi baasii qusachuurra darbee haaloo bahannaa hambisuu keessattillee gahee olaanaa qaba. Jaarsummaan dubbiin garee lamaan gidduu jiru ilaalamee “Atis dhiisi, atis dhiisiidhaan” waan xumuramuuf rakkoo furuufi nageenya mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa qaba. Dhimma yakkaa garuu jaarsummaadhaan xumuruun xiqqoo rakkisaa ta’uu danda’a jedhu.

Sirna Gadaa kana guddisuuf Oromiyaatti kutaa 1fa hanga 8fatti akka baratamuuf sirna barnootaa keessa galchuun waan guddaadha kan Obbo Geetaachoon, Yunivarsitii Bulee Horaatti sirnichi sadarkaa digirii tokkoffaa hanga sadaffaatti kennamuunis jalqabbii gaariidha. Kun yunivarsitiiwwan biyyattii hunda keessatti babal’achuu qaba. Qorannoowwan sirnicharratti geggeeffamanis cimanii itti fufuu qabu. Sirni kun sirna barnoota biyyattii keessa galee barattoonni guutummaa biyyattii akka irraa baratan gochuun hojii xiyyeeffannaa barbaaduudha. Sirni Gadaa qabeenya kiliyaa ta’ee “UNESCO” irratti erga galmaa’ee as qabeenya Oromiyaafi biyyaa ta’uurra darbee kan addunyaa ta’eera jedhu.

Oromoon Oromummaa, dhiigaa, afaan, aadaafi seenaa waliin qaba kan jedhan barsiisaan kun, kanaafuu aadaa, afaaniifi seenaasaa guddisuufi dagaagsuurratti waliin hojjechuu qaba. Sirni Gadaas sadarkaa naannootti qofa utuu hintaane sadarkaa federaalaatti beekamtii argatee sirna barnoota biyyattii keessa galuu akka qabu gaafataniiru. Sirni Gadaa duudhaalee gara garaa sirna dimokiraasii addunyaa keessattillee hinargamne of keessaa qaba jedhu.

Sirni Gadaa duudhaa hammachuu, guddifachuu  of keessaa qaba. Oromoon nama kufe tokko yoo arge achii kaasee fuudhee galee guddifata. Kana caalaa mirga namummaa eeguun hinjiru. Oromoon waraanarratti nama booji’e, mo’ate ykn nama harka kennate ni ajjeesa osoo hintaane moggaafatee waliin jiraata. Yeroo ammaa addunyaa kan rakkisaa jiru garuu sarbamuu mirga namummaati. Sirna gadaa caalaa sirni mirga namaa kabajummoo hinjiru. Kanaafuu sirnicha ammayyeessinee addunyaan akka irraa baratu gochuun dhimma murteessaa ta’uu eeru.

Daa’imni tokko afaan, aadaa, duudhaafi seenaasaa akka baratu taasisuu keessatti gaheen maatii olaanaa ta’uu himanii, namni afaan, aadaafi seenaasaa hinbeekne addunyaarra hanga jirutti jireenya hiika hinqabne jiraata. Kanaafuu ummatni Oromoo daa’imni isaa afaan, aadaa, dhuudhaa, seenaa Oromoofi waa’ee Sirna Gadaa baratanii akka guddatan taasisuuf dirqamaafi ittigaafatamummaa irraa eegamu bahachuu akka qabu yaadachiisaniiru. Namni tokko addunyaa kanarra jiraachuunsaa hiika kan qabaatu gaaffii “Ani eenyu?’ jedhuuf deebii yoo kenneedha jedhu.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013

Recommended For You

About the Author: wendimagegn