Biyya qabeenya beelladaa qabdurraa fayyadamuun gaara itti ta’e: Itoophiyaa

Bayyanaa Ibraahimiin

Itoophiyaan biyya uumaan lageeniifi haroowwan hedduun qabduufi ummannishee guututti bishaan dhugaatii qulqulluu hinarganne, jal’isiin omishuun hafee rooba waggaa eeggattu, humna ibsaa gahaa maddisiisuu dadhabdee kutaan biyyattii harki caalu dukkana keessa buluudha.

Biyyattiin lafa diriiraafi olka’aa biqiltoota addunyarratti marguu danda’an hunda biqilchuu danda’u qabaachaa hanga har’aatti qamadiifi omishaalee garaa garaa biyya alaatii bitattuudha. Kana malees biyya iddoowwan bashannaa uumamaa akkasumas gosoota bineensota bosonaafi sinbirrootaa biyyoota birootti hinargamne qabduufi sirnaan irraa fayyadamaa hinjirreedha.

Itoophiyaan biyya humna namaa hojjatee of bira darbee biyya jijjiiruu danda’u osoo qabduu har’as beelaan maqaanshee ka’u yoo taatu, wantootni biyyattiin uumamaan badhaateefi sirriitti irraa fayyadamaa hinjirre  takko lamaa miti.

Itoophiyaan qabeenya beelladaatiin Afrikaa keessaa sadarkaa 1fa yemmuu taatu, akka addunyaatti immoo sadarkaa 10fa irratti kan argamtu ta’uu ragaaleen ni mul’isu. Qabeenyi kun dinagdee biyyattii utubuu keessatti gumaacha barbaachisu taasisaa  hinjiru.

Qabeenyi beelladaa kun akaakuuwwan beelladootaa gara garaa kanneen akka re’ee miiliyoona 60, loon gaafaa miiliyoona 60, hoolaa miiliyoona 60, lukkuuwwaniifi gaala lakkoofsaan heddu ta’an kan qabdu ta’uu Ministeerri Qonnaa ni ibsa.

Ministir De’eetaan Damee Qabeenya Beelladaa Doktar Fiqruu Raggaasaa akka jedhanitti,  Itoophiyaan sadarkaa Afrikaattis ta’e addunyaatti biyyoota qabeenya beelladaatiin maqaansaanii dursee waamamu keessaa tokko taatee osoo jirtuu dameen kun guddina dinagdee biyyaatiif gumaacha barbaachisu taasisaa kan hinjirre ta’uu dubbatu.

Biyyootni Afrikaa baay’ina qabeenya beelladaatiin hanga Itoophiyaa hingeenye hedduunsaanii damicharraa faayidaa olaanaa argachaa jiraachuu himanii,  beellada muraasa qabanitti sirnaan fayyadamuudhaan dinagdee biyyasaaniif tumsa guddaa taasisaa jiraachuu eeru.

Akka ibsa Doktar Fiqruutti, wantoota qabeenya beelladaa qabnurraa sirnaan ittifayyadamuufi dinagdee biyyaas utubuu nu dhorkan keessaa rakkoo tarsiimoo qonnaa dogongoraafi tarsiimochuyyuu sirnaan hojirra oolchuu dhabuudha. Kana yemmuu jedhamu hanga ammaatti tarsiimoowwan gara garaa damee kanarratti bahaa turan mataansaanii rakkoo kan qaban ta’us, innumtuu utuu sirnaan hojiirra oolee damicharratti jijjiirama fiduun salphaadha.

Horsiisni aadaa, daldala seeraan alaa beelladootaa daangaa qaxxaamuraa baay’achuun, sanyiiwwan beelladaa filatamoofi diqaalooman bal’inaan dhiheessuu dadhabuun, eeggumsi fayyaa beelladaa cimaan diriiruu dhabuuniifi hanqinni dhiyeessii nyaata beelladaa sababoota gurguddoo damee kanarraa faayidaan malu akka hinargamne taasisan keessaa isaan ijoodha.

Gabaarratti hojmaatni dhiyeessii gogaafi hojiin ala ta’uu gogaa, hojii damichaarratti hanqinni bal’aan jiraachuun, sirni gabaa gogaa ammayyoomuu dhabuun, hanqinni humna namaa baratee damichaa, haalli biyyattiin omisha damee kanaa ittiin gabaaf dhiheessitu bifa aadaatiin ta’uunsaafi ammayyoomuu dhabuunsaas rakkoolee sadarkaa lammataatti ilaallamaniidha.

Keessattuu hojiin fayyaa beeloladootaa eeguuf hojjatamu dadhabaa ta’uu himanii, kun immoo dhimma yeroon kennamuufii qabu miti. Gama dhiheessii nyaata looniitiinis hanqinni jiru bal’aafi hojii qindoomina qabu kan gaafatauudha.

Hanqinni nyaata looniifi eegumsi fayyaa beelladaa laafuun immoo gama omisha aannaniifi fooniirratti dhiibbaa olaanaa uumaa jira. Kanaanis dhiheessii bu’aalee loonii kanneen gabaaf dhiheessuurratti hir’inni akka uumamuuf sababa ta’uu himu.

Sababoota armaan olitti ibsamanrraa kan ka’e bal’ina gogaarratti dhiibbaa uumuun gogaan beelladoota biyyattii gabaa gogaa addunyaa keessatti dorgomee barbaadamaa ta’uu hindandeenye. Gogaa qulqullinnasaa eeggatte haala barbaadamuun gabaa addunyaatiif dhiheessuun osoo danda’ame ta’eetii galiin sharafa alaa biyyattiin damecharraa argachuu dandeessu olaanaadha ture.

Rakkooleen armaan olitti eeraman kunniin ammoo kan gama qorannoo ministeerichaatiin adda bahan qofaa osoo hintaane, horsiistota loonii, abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’aniifi qaamota dhimmichi ilaaluun waltajjiiwwan marii garaa garaarratti ka’aa turaniidha.

Biyyattiin gumaacha damee kanarraa argachuu maltu bifa guutuu ta’een akka argattuufi kanaaf immoo rakkoolee kanneen keessaa bahuudhaaf tattaaffiiwwan taasifamaa jiran keessaa inni tokko nyaata loonii biyya alaatii sharafa alaatiin bitamee galu biyya keessatti omishuudha.

Hojiin nyaata loonii omishuu kunimmoo naannoo Affaariitti yeroo ammaa kan eegalame yemmuu ta’u, sochii hanga ammaatti jiruun bu’a qabeessummaansaa mirkanaa’aa jiraachuu himanii, hojichi naannoo Affaar qofatti kan dhaabbatu osoo hintaane, kutaalee biyyattii hundatti babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.

Dameen beelladaa kun baay’inaan qofa osoo hintaane dinagdee biyyaa utubuu keessattis shoora isarraa eegamu akka bahatuuf sochii horsiisa aadaa keessaa bahuudhaan sanyiiwwan loonii filatamoo babal’isuu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Hojiin sanyiiwwan beelladootaa haaraa diqaaleessuu kun yeroo ammaatti baay’ina beelladoota biyyattii keessaa dhibbantaa 2.3 irra kan jiru yemmuu ta’u, lakkoofsa kana fooyyeessuudhaaf immoo damichi xiyyeeffannaa guutuu ta’een gara hojiitti bobba’eera.

Biyyattiin yeroo ammaa sangoota qonnaa miiliyoona 12 ol qabdi kan jedhan Doktar Fiqruun, horsiisa loonii amma jiruun aannan loonii, fooniifi gogaasaa qofa gabaaf dhiheessuudhaan galii biyyoota biroorra fooyya’aa ta’e argachuun kan hinyaadamne ta’uu kaasu.

Yeroo ammaa Itoophiyaan biyyoota baha giddu galeessaa tokko tokkoof bu’aalee beelladaa kanneen akka aannaniifi foonii dhiheessaa kan jirtu ta’uusaafi kun gahaa waan hintaaneef darbinee gabaa Awurooppaatiifis dhiheessuudhaaf tarsiimoon nu dandeessisu qophaa’aa jiraachuu baruun barbaachisaadha.

Loon hedduu bobbaasaafi tiksaa faayidaa isaan wal gitu yoo hin argatin ta’e, loon sun akka faayidaatti osoo hin taane, akka ba’aatti ilaallamuunsaa waan hinoolleedha. Iddoon dheedichaa beelladoota kana hundaaf oolu sunis faayidaan jararraa argamuu malu bakka hinargamnetti akka lafa lafa baheetti kan ilaallamuudha.

Horsiifni ammayyaa osoo babal’atee garuu loon biyyattiin qabdu kun mataa isaatti dinagdee biyyattii baatee adeemuu akka danda’u hubachuudhaan sochii haalota kanneen hundeerraa jijjiiru keessa galamuu qaba.

Tibba darbe yeroo dhimma hojiitiif gara godina Booranaatti imallee turretti wantin taajjabe tokko, osoo naannawa magaalotaatti ummanni dhiheessii aadnnanii dhabee rakkatuu haawwonniifi shamarran Booranaa immoo nama aannan isaanirraa bitu dhabanii aannan baatanii daandii irra oolu.

Aannan qabee liitira sadii baatuuf qarshiin isaan gaafatan immoo 20 hin caalu. Qabeenya loonii biyyattiin qabdu sirnaan itti fayyadamuu dhabuu keessaa inni biraa walitti hidhamiinsa gabaa cimaa ta’e uumuu dadhabuu akka ta’e immoo wanti kun agarsiiftuu guddaa kan ta’uudha.

Walumaagalatti, qabeenya beelladaa biyyattiin qabdu kanarraa dursee kan fayyadamuun isarra jiraatu hawaasa horsiisee bulaati. Gaafa hawaasni horsiisee bulaa kun fayyadame immoo biyyattiinis irraa fayyadamuunshee waan hinoolleedha.

Keessattuu gama sanyiiwwan beelladaa ammayyaafi diqaalomanii baay’isuudhaan horsiisee bulaa biraan ga’uun, nyaata looniifi eeggumsa fayyaa loonii cimsuun dhimmoota xiyyeeffannoo olaanaa barbaadaniidha.

Rakkoolee kunneen  furuudhaaf  immoo tarsiimoo qonnaa jalatti ukkamsuu osoo hintaane, of danda’ee tarsiimoon qabeenya beelladaa qophaa’utu isarra jiraata. Bifa aadaatiin loon baay’ee horsiisaa faayidaa muraasa argachuurra bifa hammayyaatiin loon muraasa horsiisanii faayidaa olaanaa argachuurratti xiyyeeffatamuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013

Recommended For You

About the Author: wendimagegn