Filannoo baranaafi dargaggoota

Tashoomaa Qadiidaatiin

Filannoo jahaffaa baatii Caamsaa dhufu adeemsifamuuf paartiileen galmeessa kaadhimamtootaa xumuranii duula na filadhaa geggeessaa akka jiru.

Gaazexaan Bariisaas gaaffiilee, “Filannoon kun keessumaa dargaggootaaf hiika akkamii qaba?, sagantaalee paartiilee akkamitti hubachuu qabu? Filannichi nagaadhaan akka xumuruuf eenyurraa maaltu eegama” jedhaniifi kanneen biroo qabatee dargaggoota lama wajjin gaafdeebii taasiseera. 

Gaaffii: Dubbistoota keenyaan walhaabarruu?

Deebii: Maqaan koo Saxxa Tabajjee jedhama. Jireenyi kiyya Finfinnee, Kutaa Magaalaa Eekkaa, Aanaa tokko.

Gaaffii: Adeemsa filannoo baranaa akkamiin hordofaa jirta?

Deebii: Egaa akkuma beekamu biyya teenyatti waggoota 30 darbanitti filannoowwan shan gaggeeffamaniiru. Yeroo jahaffaaf gageeffamuuf ji’oota muraasatu hafa.  Filannoowwan kanaan duraarra kan baranaa gama maraanuu fooyya’aa ta’a jedheen yaada.

Adeemsa filannichaatiin paartiin kamtu imaammata dinagdeefi hawaasummaa biyyaafis ta’e dargaggootaaf ta’u qabate qaba kan jedhu kan addaa bahee beekamu amma. Kanaaf dargaggoonni paartii sanada kakuu qabatee dhiyaateefi egereef isa fayyadu ammumaa kaasanii gadifageenyaan xiinxalaa deemuu qabu.

Gaaffii filannoo baranaarraa maal abdatta?

Deebii: Filannoo baranaarratti imaammatoonni fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessan ni dhiyaau jedheen abdadha. Paartiileen siyaasaa akka kanaan duraa gamaafi gamana dhaabatanii  yaada hinbarbaachifne dhiheessuudhaan walfalmuurra dargaggootaafis ta’e biyyaaf maal hojjenna kan jedhurratti xiyyeeffachuu qabu.

Dargaggoonni damee dinagdeetiin foyya’ina guddaa barbaadu. Kanaafuu paartiileen damee kana guddisuudhaan akka ummanniifi dargaggoonni ni fayyadamna jedhanii abdii guddaa qabu. Akka kanaan duraa barcuma qabatanii gateettii ummataarra quphanuu osoo hintaane hojiidhaan agarsiisuu saganteeffatanii socho’uu qabu.

Filannoowwan kanaan duraarratti waadaawwan danuun seenamanillee tokkoonsaaniituu deebii hinarganne. Kan baranaatiin garuu gowwoomfamuun hinjiru. Waadaa kaleessa nuu seente maaliif fiixan baasu hindandeenye, rakkinni kee maali jedhamuu qaba. Haala kanaan  filannoon  baranaa abdii guddaa fida jedheen yaada.

Gaaffii: Abdiin kee kun maalirraa madde? Kan kanaan duraarraa waan addaa maal argite?

Deebii: Filannoon baranaa kanneen kanaan dura gaggeeffamanirraa kan addaati kan isa jechisiisu Bordiin Filannoo seera paartiileen filannoo itti hordofan shakkii tokko malee akka irratti waliigalaniif dursee mari’achiiseera.

Hundisaanii irratti waliigaluudhaan mallatteessaniiru. Kana bira darbanii komii kaasuudhaan akka kanaan duraa gamaafi gamana dhaabachuun hindanda’amu. Chaappaa kiisiitti baatanii ummata gowwomsuun hindanda’amu.

Keessumaa boordiin filannoo paartiileen sagantaa siyaasaanii tokko tokkoon tartiibaan tarreessanii akka qabatan ittihimaa ture. Sana bira taranii dargaggootas ta’e ummata jeequufi burjaajessuun akka seeraan isaan gaafachiisus ibseefiira. Akka kanaan dura dargaggoota gowwomsuudhaan dhagaa darbachiisun hindanda’amu.

Walittiqabdiun Boordii Filannoo Itoophiyaa, Birtukaan Miidhagsaas dhimma kanarratti yeroo baay’ee irra deddeebiidhaan akeekkachiisaniiru; “Maanifestoo keessan ummatatti dhiheeffachuudhaan seera filannoo guuttadhaatii miseensotaafi deeggartoota keessanitti dhihaadhaa. Kanaa achi akka kaleessaa alaala dhaabatanii oduu sobaa afuufuudhaan ummataafi dargaggoota jeequun hindanda’amu” jechuudhaan.

Haaluma kanaan hanga ammaatti haala tasgabbii qabuun adeemsifamaa jira. Dargaggonnis ta’u ummanni kaan kan barbaadu paartii sagantaa gaarii qabate dhihaatu qofa. Ummannis sagantaa dhiyaateef ilaalee paartii barbaadu filachuuf  ni qophaa’a jechuudha.

Yeroo ammaa paartiileen sagantaasaanii qabatanii hojii dadammaqsaa keessa galaniiru. Kunis ammoo dargaggootaafi ummata keenyaaf abdii guddaadha. Kanaan dura wayita filannoon dhihaatu miseensonni paartiilee hedduun mana hidhaatti naqamaa turan.

Waajjiraaleensaaniis cufamuudhaan koreewwan raawwachiistuu hojiis reebamaa turunsaanii yaadannoo yeroo dhihooti. Amma garuu faallaasaatu deemaa jira. Paartiileefi Boordiin Filannoo iddoo tokko taa’anii  waldhaggeetiidhaan sagantaasaanii tokkon tokkoodhaan walitti himaa jiru. Nuti, dargaggoonnis hojii hojjetamaa jiru kana sirnaan hubachuudhaan hordofaa jirra.

Dargaggoon akka kanaan duraa paartiilee iyye duukaa bu’ee iyyuuf yeroo hinqabu. Gara fuuladuraatti eenyutu gaaffii kiyya naa deebisa laata jedhee taa’ee itti yaadaa jira.

Haa ta’u malee adeemsa dadammaqsaa kana keessa ammas  bakkawwan tokko tokkotti hanqinoonni tokko tokko mudhatanille dhawaataan ni sirraa’u jedheen yaada.

Gaaffii: Paartiileen tokko tokko yeruma filannoon dhihaatu, ebalu najalaa hidhame, waajjira kiyyatu cufame, meeshaan ittiin dadammaqsu ga’aa miti jechuun sababoota adda addaa tarreessu. Kanarratti hoo maal jetta?

Deebii: Akka muuxannoo kanaan duraarraa ilaalletti paartiileen tokko tokko miseensota kumaatamatti lakkaa’aman qabu. Osoo kun jiruu yeruma filannoon dhihaatu dadhabbii mataasaaniirraa kan ka’e sababii hintaane uumuudhaan filannoo keessaa bahu.

Keessumaa ummanni Ormoon paartiilee maqaasaatiin hundaa’aniif dhiigasaa dhangalaaseera. Qabeenyasaa kennee akka qaroo ijasaatti eegaa tureera. Wayita miseensonnisaanii hidhaman mormuudhaan wareegameera. Yeroo isaan mana hidhaatii bahan hiriiree, sangaa qalees simateera. Kanneen waggoota dheeraadhaaf biyya alaa turanillee biyyatti deebisee karaa nagaatiin akka qabsaa’an taasiseera.

Haata’u malee paartiileen kunniin ummata yeroo dheeraadhaaf isaan eegaa ture gananii sababii miseensonni lamaafi sadii hidhaman jedhuun hinhirmaadhu, filannoo keessaa baaneerra jechuun fudhatama hinqabu. Gochi akkanaa kun ummaticha ganuudha malee qabsoo miti.

Ummata kaleessa isaaniif jecha wareegame a ganuudha natti fakkaata. Dura bu’oonni paartiilee hinhidhamne, waajjiraaleensaanii hincufamne. Sochiin paartiileensaanii  guyyaa guyyaadhaan hojjetan  akka hinsochonne hindhorkamne, waajjiraaleen aanaalees akkasuma hojiisaanii hindhaabne.

Otoo miseensonnisaanii akka fedhanitti deggartootasaanii wajjin mari’achaa jiranuu dorgommii baheera jechuunsaanii kan nama gaddisiisuudha. Filannoorratti hinhirmaadhu jechuunis ummaticha tuffachuudhan jedha.

Gaaffii: Paartiileen morkattootaa hedduun naannoosaaniitti adeemsa filannoo keessa galuun dadammaqsa jalqabaniiru. Kan kan maqaa Oromootiin socho’an tokko tokko garuu kana gochaa hinjiranii kanarratti hoo maal jetta?

Deebii: Akkuma beekamu bara 1997 yeroo filannoon gaggeeffamu fakkeenyaaf Kongirasiin Federaalistii Oromoo Pirofesar Mararaa Guddinaatiin hogganamu Oromiyaatti bufatoota filannoo heddu keessatti mo’atee ture. Yeroo sana osoo dhiibbaa guddaa keessa jiruu ummaticha ammaneeti kan hirmaate sagalee danuu argatus mootummaan yeroo sanaa ukkaamsaa waan ta’eef itti hinfayadamne.

Filannoo kana keessatti sagaleen ummata Oromoo baay’ee murteessaadha. Sagalee kan dhabuun salphina guddaadha. Kanaafuu gochi kun yakka jedheen yaada. Yeroo sardamaa rakkinaa dorgommii keessa galanii turan.

Gaaffii: Filannoo baranaarraa maal abdatta?

Deebii: Filannoo jahaffaa kun kanneen kanaan dura gaggeeffaman shananirra abdii guddaan kan kennameefiidha. Paartiileen Oromiyaa keessa yeroo dheeraadhaaf turuudhaan muuxannoo yeroo dheeraa kuufatan waltajii ummatichi baldhinaan irratti hirmaachuudhaan sagaleessaa kennuuf qophii gochaa jiru gatanii bahuun ummata Oromo qofa osoo hinta’in sabootuma kaanuu ni gaddisiisa jedheen yaada.

Filannoon bnoqonnaawwan sadiitti qoodama; filannoo dura, filannoo keessaafi filannoo booddee jedhamee. Hata’u malee paartiileen maqaa Oromootiin socho’an tokko tokko otoo rakkina eeramu hinargiin, kunuu boqonnaa duraa keessatti hirmaachuurratti mamii keessa seenuunsaanii daran na dinqa.

Paartiileen akka kanaan duraa hiraarfamaa hinjiran. Rakkina isaan qunname yerumaan  bordii filannootti dhiheeffachuun karaa seeraqabeessa ta’een furmaata argachuun socho’aa jiru. Meshaalee filannoof isaan barbaachisus yeroomaan argachuun hojii keessa galaniiru. Kanaafuu filannichi milkiidhaan gaggeeffama jedheen yaada, abdadha.

Gaaffii: Milkaa’ina filannoo kanaatiif dargaggootarraa maaltu eegama?

Deebii: Akkuma beekamu seenaa biyya tokkoo keessatti dargaggoonni dhaaltota boriiti jedhamu. Dargaggoonni seenaa abbootiifi haadholiisaaniirraa fuudhan hojjechuudhaan dhaloota ittaanutti dabarsuun dhirqamasaaniiti.

Kanaafuu jaarraan amma keessa jiru kun yeroo dargaggoonni Itoophiyaa seenaa guddaa ni hojjetu jedhamanii eegamaniidha. Seenaa bilisummaa dhiigaan argame ta’uu isaanuu ni beeku. Kanaafuu akka bishaan gabatee keessaa abbaan fedhe asii achi akka isaan hinraafne tolchanii beekuu qabu.

Dargaggoonni Itoophiyaa walakkaa jaaraa tokkoo ol qabsoo olaanaa gochuudhaan mijuu hadhaawaa unataniiru. Paartiilee hedduun anatu sii beeka jechuudhaan qabsoo inni dhiigaan gonfate harkaa fashaleessuudhaan bu’aa ba’i olaanaa keessa darbee ammaan tana gaheera.

Kanaafuu dargaggoonni akka kanaan dura  gowwoomuudhaan kaardisaa bakka hintaane galchuurra paartii sagantaa gaarii qabatee biyyattii gara badhaadhinaatti ceessisu filuudhaan ga’eesaa bahachuu qaba.

Gaaffii: Mee atis maqaa kee nuu ibsi?

Deebii: Maqaan koo Masfin Makuriyaa jedhama. Anis jiraataadhuma Finfinnee, Kutaa Magaalaa Eekkaati.

Gaafii: Filannoo jahaffaa kanatti dargaggootarraa maaltu eggama?

Masfin: Akkuma beekamu yeroon amma keessa jirru kun jaarraa 21fadha. Dargaggoonnis waan isaan baasuufi  hinbaasne  tolchanii hubatu. Akka kanaan dura gowwomsuudhaan abbaan fedhe asii achi  isaan harkisee yaadasaa bittinsuu hindanda’u. 

Paartiileen yaadasaanii dhiyeessaa jiru. Dargaggoonni keenyas paartii kamtu imaammata akkamii qaba jedhanii sagantaasaanii hordofaa jiru.

Akka kanaan duraa korojoo keessaa kaardii kan gargalchu hinjiru. Dargaggonnis kaardiinsaa akka iddoo hintaane hingalleef eeggachuu qaba. Kanaafuu filannoon baranaa akka kanaan duraa waca tokko malee gaggeeffama jedheen yaada.

Gaaffii: Paariileedhaaf hoo dhaamsa akkamii qabda?

Deebii: Paartiileenis yeroo yaadasaanii dhiheessan kamtu nabaasa jechuudhaan gaaffiiwwan dargaggoonni kanaan dura dhiheessaa turan irra deebiidhaan qorachuuttu isaan baasa. Seenaa hawaasa keenyaa keessatti gaaffiiwwan dargaggoota tokkollee hindeebine.

Kana hubachuudhaan akka kanaan duraa hanga filatamanitti kanan godha jechuudhaan dargaggoota gowwomsuun hindanda’amu. Dargaggoonni hojii dhabdummaa keessaa bahanii of danda’uu barbaadu. Biyya misoomtuufi badhaate arguu fedhi. Kanaafuu paartiileen yaadaafi sagantaa ifaa haala nagaqabeessa ta’een qabatanii dhiyaachuu qabu.

Gaaffii: Sochii boordiin filannoo taasisaa jiru akkamitti ilaalta?

Deebii: Dubartiin duraan paartii miseensaafi hoggansa paartii mormituu turan dura teessuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa ta’uun logmaleessummaasaa kan ibsuudha. Isaanis filannoon kun sodaafi gufuu tokko malee amantaa ummataa guutummaan argatee akka gaggeeffamu taasisu jedheen yaada, waanti mul’ataa jiru kanarraa kan fagaate miti.

Gaaffii: Dargaggootaafis ta’e paartiileef maal dhaamta?

Deebii: Dargaggoonni sochiin amma taasifamaa jiru kun kiyya jedhanii milkaa’inasaatiif hanga humnasaanii gumaacha irraa eegamu bahachuu qabu.

Yeroo ammaa Paartiin Badhaadhinaafi ‘IZEMA’n sagantaasaanii ummataaf ibsa, duula dadammaqsaa geggeessaa jiru. Paartiileen akka kanaan duraa wacuurra ummata keessumaa rakkina dargaggoonni kaasaa jiran akkamitti salphisaniifi furanirratti xiyyeeffachuu qabu.

Dargaggoonnis Maanifeestoo isaan diheessan cal jedhanii fudhachuudhaan  dukka bu’uurra yaanni kun jaarraa 21fa amma keessa jiru kanaan walsimatamoo hinsimatu, bu’aa nuu buusamoo hinbuusu  jedhanii sirnaan xiinxaluu qabu.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013

Recommended For You

About the Author: wendimagegn