Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa Gitasaa Maadagaaskaar 4-0n mo’ate

Gulaallii Waancaa Afrikaatiif tapha Roobii darbe Istaadiyamii Baahirdaaritti gareen Biyyaalessaa Itoopiyaa gitasaa Maadagaaskaar wajjin taasifateen gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa kan Maadagaaskaar 4-0 injifateera. Gooliiwwan kunniinis Amaanu’eel Gabramaariyaam, Geetaanah Kabbadaa, Abuubakar Naasiriifi Shimallis Baqqalaatiin lakkaa’aman.

Walakkaa duraa taphichaatiin Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa kubbaa tapahatee taphachuudhaaniifi gara karraatt siquun dhiibbaa uumeera.

Boqonnaa booda garuu Gareen Biyyaalessaa Maadagaaskaar sochii cimaa taasisee goolii lakkoofsisuu yaalus karra eegaadhaan jalaa fashalaa’eera.

Kanaanis Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa afur zeeroo mo’annaadhaaf isa gargaare galmeessiseera.

Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa amma galmeessise taphoota ittaanan olaantummaan xumuree waancichaaf darbuuf galaa akka ta’uuf eerameera.

Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa gara Maadagaasakaaritti imalee 1-0n mo’amee deebi’uunsaa ni yaadatama.

Itoophiyaan walmorkiiwwan hanga ammaatti taasifattetti Niijar 3-0n,  Kotidivaar 1-0n yoo mo’attu, tapha deebiitti Niijariin 1-0n, Magaalaa guddoo Maadagaaskaar, Taanaanarivitti 1-0n, Roobii darbe ammoo Istaadiyooma Baahirdaaritti 4-0n mo’achuunshii ni yaadatama.

Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa Bitootessa 21 bara 2021 tapha maahessaa magaalaa Abujaatti, Kotidivar wajjin taasifachuuf qophiirratti argama.

Itoophiyaan biyyoota  waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kana hundeessan keessa takka taatus gulaalaa darbuudhaan tapha waancaarratti kan hirmaate al 13faf qofa.

Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa leenjisaa Wubatuu Abaataatiin durfamu kun tapha gulaalaa kanaaf torban lama qofaaf kan qophaa’e yoo ya’u, kanneen isa wajjin ramadaman garuu walitti qabamuudhaan waggaa tokko guutuu qophaa’aa turuunsaanii ni yaadatama. 

Gama biraatiin waancaan kubbaa miilaa Afrikaa akka jalqabamuuf Koreen Kubbaa Miilaa Afrikaa kan amma Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa jedhamu ALA Waxabajjii 18 bara 1957 Magaalaa guddoo Sudaan, Kaartuumitti hundeeffame.

Baruma sana Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa Sudaanitti akka adeemsifamu korichaan murtaa’e. Biyyoonni wayita sana koree kubbaa miilaa Afrikaa jalatti galmaa’anis Sudaan Itoophiyaa, Misiriifi Afrikaa Kibbaa waan ta’aniif walmorkiins biyyootuma kanneen jidduutti gaggeeffame.

Haata’u malee Afrikaan Kibbaa sababa sirn appaartaayidii jala turteef  taphaa ala yoo taatu, walmorkiin kan adeemsifame biyyoota sadan Misir,Sudaaniifi Itoophiyaa jidduutti ture.

Walmorkii adeemsifametti Misir Sudaan taphaan yoo mo’attu,I toophiyaan ammoo Afrikaa Kibbaarraa ‘forfee’ argachuudhaan waancaaf dhihaatan. Tapha waancichaatti  Misir Itoophiyaa 4-0n mo’attee waancaa seena qabeessa jalqabaa fudhatteeetti.

Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa kun erga jalqabamee waggoota 64 lakkoofsiseera. Waggoota kanneenitti yeroo 32f biyyoota miseensota konfedereeshinichaatti adeemsifameera.

Biyyoota Afrikaa 56 keessaa waancaa kubbaa miilaa Afrikaa mo’achuudhaan kanneen milkaa’an 14 qofa. Misir al torba waancaa fudhachuudhaan tokko kan dhuunfaa godhachuun biyya duraati.

Akkasumas Kaameeruun yeroo shan fudhattee lammaffaadha. Gaanaan yeroo afur mo’achuudhaan waancaa tokko kan dhunfaashii godhachuu malee al shaniif tapha waancichaatiif dhihaachuun lammaffaadha.

Naayijeeriyaan yeroo sadii waancaa kan fudhatte yoo ta’u, yeroo saddeetiif sadarkaa sadaffaa ta’uudhaan meedaaliyaa nahaasaa al saddeet fudhachuudhaan Afrikaarraa biyya duraa taateetti.

Kotidivaar, Aljeeriyaafi Riippablikni Dimokiaatawaa Koongoo yeroo lama lama waancaa fudhachuuf milkaa’aniiru. Zaambiyaan, Itoophiyaan, Tuniziyaan Sudaan, Morookoon, Afrikaan Kibbaafi Koongoo Kinshaasaan ammoo al tokko tokko waancicha fudhataniiru.

Seenaa waancaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti ALA bara 1992 waancaa 18fa Senegaal, Daakaaritti qopheessiteetti tapha maahessaa kan waancaaf adeemsifametti Koti’divaar Gaanaa liigooreedhaan 11-10n mo’achuudhaan rikardii haaraa galmeessisuudhaan biyya duraa ta’uunshees kan beekamuudha.

Akkasumas walmorkiiwwan hanga ammaatti gaggeeffamanitti waancaa kubbaa miilaa Misir ALA bara 2019 qopheessitetti taphiwwan 52 kan gaggeeffaman yoo ta’u, galchoonni 102 lakkaa’amuun kan jalqabaa ta’uun galmaa’eera.

Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa kun  waggaa lamatti al tokko kan qophaa’u yoo ta’u, baranas yeroo 33faf magaalota Kaameerunitti gaggeeffama jedhamee eegama.

Walmorkicharratti hirmaachuuf biyyoonni Afrikaa 48 ramaddii 12ttii adda qoodamanii tapha gulaalaa gaggeeffachaa jiru. Itoophiyaanis Kotidivaar, Maadagaaskaariifi Niijar wajjin ramaddii 11fa keessatti argamti.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013

Recommended For You

About the Author: wendimagegn