Filannoo maqaa irraa gara Filannoo haqaatti ce’amu qaba

Bayyanaa Ibraahimiin

Biyya kanatti filadhaa malee filannoon dhugaa jiraatee hinbeeku. Filannoowwan tanaan dura biyyattii tana keessatti adeemsifamanii darbanis yemmuu ilaallu dhugama kana ragaa kan ba’aniidha.

Filannichi dirqama waggoota shan shaniin waan adeemsifamuu qabuuf qofa adeemsisuufi filannoo paartilee morkattootaa hunda hirmaachiseefi ummannis carraa waan keessaa filatuu argachuun wal adda.

Yeroo hedduu wanti biyya kanatti barame garuu paartileen carraa biyya bulchuu argatan isa morkataa irratti shira xaxuudhaan taphaan ala godhanii qofaasaanii gaaddidduusaanii waliin dorgomanii moo’u. Filannoowwan biyya kanatti adeemsifamanii darban hundarratti halluun kun bal’inaan mul’ateera (isa bara 1997) irraa kan hafe.

Seenaa filannoo biyya kanaa keessatti filannoon hirmaachisaafi paartileen morkattootaa isa biyya bulchaa ture hudhanii itti qaban keessaa kan bara 1997 kan caalu hinjiru.

Sochii duula “nafiladhaa” irraa kaasee hanga sagantaa wal falmii paartilee siyaasaa foddaa televizyiinaatiin darbaniitti bifa hawataa ta’een adeemaa kan ture filannoon bara 1997 kun, dhumarratti garuu haalota hin yaadamne keessummeessuudhaan kalatti hintaanetti galee ture.

Jeequmsa xumura filannichaa irratti uumameenis keessattuu magaalaa Finfinnee keessatti qabeenyifi lubbuun barde hedduudha.

Magaalattii keessatti reeffi dargaggeessaa akka baalatti harca’ee namni isa kaasuuf dhufus carraan dardaggoota sanaa isaan muudate.  Rakkooleen filannoo bara 1997 walqabatanii uumamaniin abdiin gaafa duula filannoorratti mul’achaa ture dukkanooftee gara abjuutti geeddaramte.

Filannoon kan paartileen siyaasaarratti waldorgomuudhaan inni moo’ate aangoo biyya bulchuu itti argatu malee kan hawaasni nagaafi dargaggeessi lubbuu itti dhabu ta’uunis gaafa sana irraa eegalte. Seenaawwan gadhee filannoo bara 1997tiin walqabatanii biyya kanatti uumaman sun hanga har’aattis miira ummata biyyattii keessaa bahuu hindandeenye.

Kanaaf natti fakkaata har’as filannoon dhihaate wayita jedhamu ummanni laakkofsisaa salphaa hintaane miira sodaa keessa kan galu. Filannoowwan sana booda gaggeeffaman hundi garuu fakkeessummaafis paartii mormitootaa hirmaachisuu hindandeenye ture.  Haala seenaa addunyaa keessatti hinbaramneenis teessoon paarlaamaa biyyattii filannoowwan lamaaf walitti aananii miseensota paartii takkaatiin guuttaman.

Asirraa kan hubatamu immoo mootummaan biyya bulchaa tureefi paartiin mootumicha hoogganu paartiilee mormitootaa qofaaf osoo hintaane, ummata bulchuufis kabajaa kan hinqabne ta’uusaati. Sababnisaas; paartiilee morkattootaa diinoomsanii qofaa ofii teessoo murtiin biyyaaleessaa itti darbu too’achuun mirga ummata biyyattii walqixa eegsisuu dhabuudha.

Paartileen hedduu ta’anii filannoo keessa akka hingalle gochuunis ummanni yaada garagaraa kan keessaa filatu akka hinarganne carraa kan itti cufu waan ta’eef mirga ummataatti bu’uu ta’a.

Biyya kanaaf wanti haalaan barbaachisu nama guyyaatti yeroo kudhan maqaa Itoophiyaatiin kakatu osoo hintaane, nama rakkoofi fala furmaatashee haalaan hubate duwwaadha. Ammatti filannoo maqaa gaggeessanii hawaasa addunyaa gowwoomsuu osoo hintaane, dirree siyaasaa garagarummaa ilaalchaa hunda keessummeessee bu’aa filannoo qofaan biyya hogganuudha.

Filannoon marsaa 6ffaa inni barana adeesifamuuf yeroon muraasni hafe kun hoo maal qabatee dhufinna laata?  Sochii paartilee hanga ammaatti jirurraa kaanee hoo hirmaachisaadha jechuun danda’amaa?

Yeroo ammaatti Itoophiyaan rakkoo heddu keessa jiraachuun dhugaa Waaqaafi Lafaati. Rakkoolee gosa garagaraa yeroo ammaa biyyattiin keessa jirtuuf furmaanni filannoodha jedhee garuu tasumaa amanuu hindanda’u. Biyya kanatti kan barame filannoon rakkoo hikuu osoo hintaane, rakkooleen biroo yeroo dhalatani kan argaa asgeenye.

Har’a paartiin yeroo filannoowwan shanan darban biyya bulchaa ture sun hinjiru. Miseensotni paartii har’a yeroo filannoon marsaa 6ffaa gaggeeffamutti biyya bulchaa jiranii garuu irra jireessaan miseensotuma paartii filannoowwan shanan darbanirratti hogganaa turaniiti. Kana ta’uunsaa immoo waan adda ta’e eeguudhaaf hedduu kan nama rakkisuudha.

Walumaagalatti, filannoon kan rakkoon biyyaa itti furamu malee rakkoolee birootiif sababa ta’uun isaa baranaa irratti seenaa ta’uu qaba. Paartii morkataa qabaachuun immoo diina qabaachuu osoo hintaane daawwitii mootummaan doggoggorasaa irratti of ilaalu waan ta’eef jara jajjabeessuuf hirmaachisuun eenyumaa caalaa mootummaadhaaf barbaachisaa ta’a.

Filannoon ga’ee filadhaa qofa osoo hintaane, paartileen ilaalcha garagaraa keessaa filatan qaban jiraachuusaanii mirkaneessutu feessisa.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

About the Author: wendimagegn