Gombisa fardaafi dandeettii shamarran Agawu

Waasihun Takileetiin

Itoophiyaan haadha sabaafi sablammoota 83 ol yoo taatu harki caalaa ilmaanshee hidda latiins dame Kuush waan qabaniif ‘Dachee Kuush’ jedhamuun akka waamamaa turte ragaaleen seenaa tokko tokko ni ibsu.

Beekamtii Itoophiyaan gama hawwata tuuristiin qabduuf bu’uuradha kan jedhaman ilmaan Kuush hojiilee kalaqaa, aartii, aadaafi duudhaa garagaraa babal’isuun Itoophiyaan ykn dacheen Kuush ija addunyaa keessa akka seentu taasisaniiru.

Ilmaan Kuush Kaaba Itoophiyaa keessa bal’inaan jiraachaa jiran keessaa ummatni Agawuufi Qimaanti kan maqaa dhahaman yoo ta’u lachanuu sabboontota eenyummaasaanii kabachiisuuf fincila diddaa gabrummaa gaggeessaniifi kabajamuu walabummaa biyyaaf aarsaaf wareegama qaalii kaffaluun Itoopiyaa har’aaf bu’uura buusanidha.

Agawu mana torba qaba; isaanis Awwii (Goojjam, Injibaaraa), Himraa (Walloo Soqoxaa), Qimaanti (Gondar, Ayikal), Bileen (Eertiraa, Karan) Quwaaraa (Falaashaa, Gondar), Kunfal (Goojjam), Kaaylaa Walloofi Gondar keessatti warreen argaman yoo ta’an, isaan kunneen marti ogeeyyota aadaa duudhaafi ga’umsa kalaqaan beekamtii qabanidha.

Akka fakkeenyaatti bu’aaleen hojii kalaqaa kaaba Itoopiyaa keessa jiraniifi Itoophiyaan ittiin beekamtu kan akka Laalibalaa, Aksuum, Faasilidas bu’aa ilmaan Kuush ta’anis dhiibbaa sirnoota gabroomfataa nafxanyaan qaqqabaa turerraa kan ka’e abbummaansaanii akka dhaalamu ykn hatamu  taasifamaniiru.

Kun ta’us cunqursaa sabummaafi eenyummaa sirni gabroomfataa nafxanyaa Itoophiyaa humnaan bulchuuf sabaafi sablammiileerra geessisaa tureen aadaa, duudhaa, kalaqawwan ogeessota ilmaan Kuushiin lafa qabatanii turan hedduun akka dagataman taasifamanis kanneen qabsoon kunuunfamaa as gahanimmoo Itoophiyaa boonsaa jiru.

Sirnoota ilmaan Kuush biratti kabajamoo ta’aniifi dhiibbaa sirna gabroomfataan hacuuccaan irra ture keessaa kabaja Sirna  Gadaa Oromoo Fiichee, Cambalaalaa ummata  Sidaamaa, sirna amantaa saba Qimaanti kaasuun ni danda’ama.

Kana malees, sirni gabromfataa kun uffata aadaa bu’aa kalaqa ilmaan Kuush ta’e Jaanoo dhaaluun ogeeyyota kalaqxoota ta’an kanammoo hacuucaa qorqalbiisaanii jaamsaa turaniiru.

Keessumattuu bakkoota ilmaan Kuush bal’inaan keessa jiraatan kaaba Itoopiyaa keessatti cunqursaa sirni gabroomfataa  qaqqabsiisaa ture daran hadhaahaa ta’us “ijji baddu bakki ijaa hinbaddu” akkuma jedhamu uummata eenyummaasaaf quuqamufi gabrummaaf hinjilbeeffanne horachuurraa kan ka’e aadaafi duudhaaleen kunuunfamaa as gahan hedduudha.

Barreeffama keenya kana keessatti aadaa guluffii fardaa ilmaan Kuush Agawu biratti kabajamuufi ga’umsa shamarran Agawu gombisa fardaarratti qaban ilaalla. Ilmaan Kuush dirree lolaarrattis ta’e dirree taphaarrattis gootota seenaan weeddisuufi jiraachuu Itoophiyaa har’aaf utubaa ta’anidha jechuun nidanda’ama.

Keessumattuu lola Xaaliyaanii ofirraa qolachuuf gootonni Agawu akkuma obboleeyyansaanii Oromootaa fardeensaanii hiriirsanii, dhiigasaanii lolaasaanii, lafeesaanii caccabsanii Itoophiyaa ijaaraniiru. Kanarraa kan ka’e dachee Agawurratti ayyaanni guyyaa fardeenii waggaa waggaan akka kabajamu ta’uusaan yeroosaa eegee gaggeeffamaa  jira.

Bara 1932 kaasee guyyaan kabaja fardeenii ilmaan Agawu biratti kabajamu akka qabu yoo murtaa’u bara 1933 kaasee Amajji 23 bifa ho’aa ta’een kabajamuu eegaleera. Ayyaanichis Waldaa Gombisa Fardaa torban Agawu jedhamee kan beekamu yoo ta’u, bara kana yeroo 81ffaaf kan kabajamee ture. Miseensota gombisa fardaa dhaabbataa kuma shantamii torbaa ol(57000) ol of keessaa qaba.

Ayyaana kana kan adda taasisu shamarran Agawu akkuma dhiirotaa fardeensaanii miidhagsanii, uffata aadaa jaanoon faayamanii yaadannoo goototasaanii darbaniif dorgommii gombisa fardaa taasisu.

Ayyaana bara kanarrattis gosoonni Agawu lameen isaanis Wuhaa Gimraa Saqoxaa  Agawufi Awwii Agawu Godina Awwii magaalaa Injibaaraatti walitti dhufuun bifa ho’aa ta’een gaggeessaniiru. Hirmaattonni kumaatamaan lakkaa’amanis ayyaanicharratti kan argaman yoo ta’u, gombisa fardaa abbootii, dargaggootaan, shamarraniifi qaroo dhabeeyyiin gaggeeffamu daawwachaa nyaata, dhugaatiifi uffata aadaan dachee Agawu miidhagsaniiru.

Ayyaanichi yaadannoo gootota ilmaan Kuush darbani sababa godhachuun kan gaggeeffame yoo ta’u, dabalataanis obbolummaan ilmaan Kuush kaaba Itoophiyaa jiranii akka cimuuf bu’uura kan buusu akka ta’e himama. Ayyaana kanarratti shamarraan Agawu umriinsaanii waggaa 13 ta’e uffata aadaan faayamanii, fardeensaaniis miidhagsanii alangeen rukutaa dorgommii gombisa fardaa kana gaggeessu.

Shamarran kunneen akkuma dhiirotaa fardeen gulufsiisuun injifannoo addaa kan galmeessisan yoo ta’u, miira ni dandeenyaa isaan hojiitti hiikanii agarsiisan daran kan  namatti toludha. Dhiiraan qixa bahanii dura wayita galan daran kan nama ajaa’ibsiisuufi abdii namatti horu waan ta’eef jajjabeeffamuu qabu.

Ga’umsisaanii kun dhaloota dhufuunis dhaalamee akka darbu shamarran amma umrii dargaggummaarra jiraniifi fakkeenya ta’aa jiran kun imaanaa guddaa qabatanii kan argamanidha. Dorgommii gombisa fardaa kana kan adda taasisu abbootiifi shamarraniin alatti qarodhabeeyyinis adda durummaan hirmaachuusaaniiti. Qarodhabeeyyiin kunneenis shaakallii taasisanirraa kan ka’e rakkoo tokko malee warra qaroqabeessa waliin dorgomuun wayita injifatan mul’atu. Kun kabaja ummanni Agawu aadaasaaf qabu kan agarsiisudha.

Dorgomtoonni caalanii argamuuf yeroorraa yerootti shaakkallii addaddaa taasisaa kan turan yoo ta’u fardeensaaniis cimanii akka dorgomaniif qulqullinasaanii eegaa garbuu sooraa dorgommii Amajji 23f of qopheessu. Taphni fardaa ummata Agawu biratti gosoota gara garaa kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa gombisa shubbisaa (dingilaasaa), Gombisa saffisaa, guluffii, Sigraafi kkf  kaasuun ni danda’ama.

Dorgommii kanarratti ga’umsa shamarran Agawu gombisa fardaarratti qaban daran kan namatti tolu, ija turistootaa addunyaa kan hawwatuufi galii guddaa argamsiisuu danda’udha. Aadaan kun dhaloota haaraan dhaalamee akka guddatuuf bu’uura kan buusan abbootiin Agawu eenyummaafi aadaasaaniif kabaja guddaa kan qaban ta’uu agarsiisa.

Ilmaan Agawu marti daa’imummaasaaniirraa kaasanii gombisa fardaa kana abbootiisaaniirraa barachaa kan dhufaniifi ga’umsa gombisa fardaa kanaan ijaaramanii kan guddatan yoo ta’u, ganna 13 kaasee dorgommicharratti ni hirmaatu. Fardi ilmaan Agawu biratti kabaja guddaa kan qabuufi yeroo gammachuu, gaddaa, sirnoota gombisaarratti itti dorgomuuf, imalaaf, itti qotachuufis kan isaan tajaajilu waan ta’eef ulfoodha.

Ummanni Agawu sabboontota eenyummaasaaniif quuqaman yoo ta’an aadaa, duudhaafi afaansaanii dhaloota haaraaf dabarsuuf kutannoon hojjechaa turuusaaniin aadaan cululuqaa kun har’a gahuu dandaheera. Haaluma kanaan cunqursaa sirna eenyummaasaarratti aggaamamu kamuu ofirraa qolachaa aadaa gombisa fardaa, afaansaa, daangaasaa kabachiisee ilmaansaa guddisaa jira.

Walumaagalatti ummanni Agawu saba aadaa, duudhaa, afaaniifi eenyummaasaa sirriitti kunuunsu yoo ta’u, keessummaa garasaaniitti dhufu kamiyyuu nyaara tolanii “Adiinaas” (Anaa Dhufu) jedhanii simachuun nyaata aadaa manni horeen kunoo jedhanii gaggeessu.

Aadaafi duudhaan gombisa fardaa abbootiirraa dhaalame kun osoo hinfaalamiin dhaloota dhufuuf akka darbuuf dargaggoonni, shamarraniifi guddattoonni itti gaafatamummaa guddaa kan qaban yoo ta’u abbootiinis imaanaa dhaloota darberraa dhaalan kana imaanaan dabarsuun isaanirra jiraata.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

About the Author: wendimagegn