Waggoota 29f badhaasa addaan hincinne

 Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Olompikii 25fan Ispeen ALA bara 1992 magaalaa Barselonaatti adeemsifame. Itoophiyaas ta’u Afrikaan fiigicha meetira kuma kudhanii dubaraan meedaaliyaa warqii kan argatte olompikii kanarrattiidha.

Hanga dorgommiin jalqabamutti fiigicha meetira kuma kudhanii ni mo’atti jedhamtee kan kaadhimamte atileetii beekamtuu Afrikaa Kibbaa Illeenaa Meer kan jedhamtuudha.

Haata’u malee osoo hineegamin Komaandar Daraartu Tulluu dorgommicha mo’achuudhaan Afrikaas ta’e Itoophiyaaf seenaa jalqabaa kan yoomiyyuu hindagatamne galmeessisuudhaan injifannoo dubartoota Afrikaa Dirree Olompikii kanatti mirkaneesite.

Injifannoon Daraartu Tulluu kun waggoota 29 lakkofsiseera. Waggoota kanneen keessatti Olompikiirraa kaassee Shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaafi Afrikaa, dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaatti, Itoophiyaafi Afrikaa bakka bu’uudhaan hirmaatee injifannoo dacha gonfachuudhaan badhaasa walirraa hincinne badhaafamaa turteetti.

Daraartuun shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa kan Kuubaa, magaalaa Haavanaatti adeemsifametti fiigicha meetira kuma sadiifi kuma kudhaniin Afrikaa bakka bu’uun hirmaatte meedaaliyaawwan warqii lama argamsisteetti. Gamtaan Afrikaas injifannoosheetti gamaduudhaan badhaasa addaa badhaaseera.

Yunivarsitiiwwan biyya keessaafi biyyoota alaa adda addaarraas Doktoreetii kabajaa kennaniiruuf. Mootummaan Itoophiyaas sadarkaa adda addaatti mudama hanga Komaandaraatti mudeera. Kana malees lafa mana jireenyaafi hoteela irratti ijaarratu badhaaseera. Kana malees maqaa isheetiin magaalaa Finfinnee, kutaa magaalaa Aqaaqiitti manni barumsaa sadarkaa lammaffaa mogaafamera. Magaalaa Adaamaatti immoo maqaa isheetiin addabaabayiin mogaafameera.

Biyyoonni adda addaas yeroo baay’ee afeeruudhaan badhaasa adda addaa badhaasaniiru. Keessumaa waggaa 93fa dhaala Mootummaa Siwiidiin sababeefachuudhaan Mootittiin Siwiidiin affeerraa gochuudhaan badhaasa kabajaa Masaraa Siwiidiin badhaasuudhaan Afrikaarraa atileetii duraa ta’uun beekamtii argatteetti.

Kana malees mootummoonni addunyaa biyyoota adda addaa yeroo yeroodhaan badhaasa beekamtii badhaasudhaan Komaandar Daraartun damee ispoortii atileetiksii kanaan Afrikaarra dubartii duraa taateetti.

Atileeti Komaandar Daraartu Tullu bara 2011 irraa kaastee Pirezidaantii ittaantuu dursituu Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, yeroo ammaa immoo Pirezidaantii federeeshinichaa ta’uudhaan ogganaa jirti.

Cimina ishee kanaaf tibbana sadarkaa biyyaaleessaatti sagantaa beekamtiifi galatefannaa Hotela Iskaay Laayititti gageefamerratti konkolaataa abbaa modela ‘2021, V8’ jedhamuufi warqii mormaa giraama 350 Pirezidaantii mootummaa Oromiyaa Obbo Shiimallis Adiisaatiin badhaafamteetti.

Kilabni ishee kunuunsee guddise Poolisii Mana Sirreessaa Federaalaa ammoo niishaanii jalqabaa 1fa kenneeraaf. Bulchisni magaalaa Finfinnees Addabaabayii naannawaa ‘Haayaahuleettiitti’ argamu maqaa Daraartuutiin moggaaseera. Misooma Addababayichaafis qarshii miiliyoona lama ramadeera.

Mootummaan naannoo Oromiyaas qarshii biiliyoona tokkoon kan ijaare Akkaadaamii leenjii ispoortii magaalaa Sulultaa maqaasheetiin akka waamamu godheera. Qarshii miiliyoona shasnis badhaasera.

Gootittiin kun gammachuu isheetti daga’ame imimmaanshee dhagalaasuudhaan ibsachuun dummataafi mootummaa galateeffateetti.

Atileeti Daraartun waggaata 29n darban wayita dorgommii keessa turtetti yeroo tokkollee ummatasheerraa jaalalaafi kabajaa dhabdee hinbeektu.

Gootittiin kun waggoota 29n darbaniif atileetota dubartoota Afrikaaf daandii injifannoo banuudhaan atileetota kumaatamatti lakkaa’amans of duuba hiriirsiteetti. Kunis bakka deemtu hundatti jaalalaafi kabaja guddaa akka aargattu ishee taasiseera.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *