Waaliyaan milkiidhan deebi’e

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa 33fan ALA Amajii  bara 2022 magaaloota Kaameerunitti gageefama jedhamee eeggama.Wal morkii kanaaf biyyoonni Afrikaa 48 ramaddii 12tti adda qoodamuudhaan wal falmaa turanis biyyoonni 16 tapha waancaaf darban beekamaniiru.

Ramaddii 11fa keessatti biyyoota arfan walfalmaa turan keessaa Kotidivaarifi Itoophiyaan mo’achuudhaan tokkoffaafi lammaffaa ta’uun gara Kaameerun deemuuf tikeetii xiyyaarraa eggachaa jiru.

Kotidivaar taphawwan ja’an adeemsifamanitti, galchoota 11 lakkoofsisuun, 5 keessummeessuufi qooda galchaa ja’an  tapha waancichaaf kan dabarte yoo ta’u, Itoophiyaan ammoo taphawwan ja’anitti galchoota 10 lakkoofsisuun,  galchitee, ja’a ammoo keessumeessuun qoda galchaa afuriin lammaffaa ta’uun tapha waancichaan dabarteetti.

Itoophiyaan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kanarraa waggoota saddeetiif fagaachuudhaan barana darbusheetti ummanni biyyatii, keessumaa jallatoonni kubbaa miilaa adda baabayiitti ba’uun gammachuusaanii ibsataniiru.  Jili Waaliyaa kan miilkiidhaan gales daandiiwwan magaalaa Finfinneerra nanaanna’udhaan gammachuusaa ibsateera. Mootummaan biyyattiis jila kanaan baga milkiidhaan galtan jechuudhaan Istaadiyoomii Finfinneetti simannaa ho’aa taasiseeraf.

Waaliyaan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 33fa kanaaf darbusaatti Ministir Mummee Dokitor Abiyyi Ahimad ummata Itoophiyaa, taphatoota, leenjistoota, hakiimota, walumaagalatti maatii ispoortii kubbaa miilaa Itoophiyaa maraaf baga gammaddan jedhaniiru.

Akkasumas Ittaanaa Ministira Mummee Obbo Damaqaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, injifannoon kun walmorkii waancaa gara fula duraatti nu eeggatuuf daandii baneera. Kanaafuu mootummaan biyyattii gama barbaachisu maraanuu isin madii dhaabata jedhaniiru.

Kantiibaa Ittaantuun bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee maqaa ummata magaalattiitiin qarshii miiliyoona 5.6 badhaasaniiru. Injifannoon kun dorgommiiwwan biyyooleessaa, keesumatuu tapha Olompikii gara fulduraatti nu eggatuuf haamilee atileetota Keenyaa kan jajabeesuudha. Kanaafuu maatiin ispoortii kubbaa miilaafi ummanni magaalaa Finfinnee baga gammaddan jedhaniiru.

Itoophiyaan biyyoota waancaa kubbaa miilaa Afrikaa hundeessan keessaa tokko taatus waancaa kanarratti hirmaachuuf carraa kan argatte yeroo 13 qofa yoo ta’u, barana yeroo 14faf hirmaachuuf qophirratti argamti.

Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 33fa kanarratti hirmaachuuf biyyoota tapha gulaalaa geggeefachaa turan keessaa ramaddii tokkoffaarraa Maaliifi Giiniin, lammaffaarraa Burkinaa Faasoofi Maalaawiin, sadaffaarraa Gaanaafi Sudaan darbaniiru.

Akkasumas ramaddii arfaffaarraa Gaambiyaafi Gaaboon, shanaffaarraa Morookoofi Moritaaniyaan, jahaffaarraa qopheesituun waancaa Kameeruunifi Keepvarden, torbaffaarra Misiriifi Komoroos darbaniiru . Ramaddii saddeetaffaarraa ammoo Aljeeriyaafi Zimbaabuween, saglaffaarraa Seeneegaalifi Giinii Bisaawu, kurnaffaarraa Tuuniziyaafi Ikuwaatoriyaal Giinii, ramaddii dhumaa 12ffaarraa ammoo Naayijeeriyaafi Beeniin darbaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *