“Filannoodhaaf galmoofne guyyicha eeggachaa jirra” – Jiraattota Magaalaa Jigjigaa

Bayyanaa Ibraahimiin

 Jigjigaa: Filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaatiif galmaa’anii guyyaa filannoo qofa eeggachaa jiraachuu Naannoo Somaaleetti jiraattootni Magaalaa Jigjigaa haasofsiine ni dubbatu.

Hunda caalaa nagaan guyyaa tokkoofis taanaan akka hinboorofnetti filannichi gaggeeffamuu akka qabu kan himan jiraataan magalattii Obbo Igaal Ahmad, keessattuu paartileen siyaasaa yeroo duula na filadhaa gaggeessanitti wantoota walitti bu’iinsa uumuudhaan nageenya booressan irraa of qusachuu akka qaban ibsu.

Akka mataasaaniitti filannichaaf galmaa’anii guyyaa filannoo qofa eeggachaa jiraachuu himanii, “kan filadhus immoo akka qaamni biroo natti himu osoo hintaane isa keessi kiyya beekuufi itti amanuudha” jedhu.

Bakka nageenyi hinjirretti inni filatus ta’ee kan filatamu miidhamuunsaa waan hinoolleef hunda dura nageenyummaasaa mirkaneessuun dursuu akka qabus ni dhaamu.

Galmoofnee filannoodhaaf qophaa’uu qofa osoo hintaane, dargaggoonni guyyaa filannoottis ta’ee sanaan booda wantoota jeequmsa kaasuu danda’anirraa akka fagaatan gorsaa jiraachuu kan himan immoo jiraattuu magaalattii biroo Aadde Rahoo Xayyib, kun immoo dirqama haadholii hundarraa eegamu ta’uu dubbatu.

Haala qabatama naannoo Somaaleetiin yemmuu ilaalamu namni kamiyyuu paartii kamiyyuu filachuudhaaf mirgisaa kan eegame ta’uu eeranii, yeroo mirga ofiitti fayyadaman immoo kan nama birootti bu’uu akka hinqabne dhaamu.

“Anis ta’ee ummanni naannawa sanaa irra jireessaan paartii biyya bulchuufi Paartii Adda Bilisa Baasaa Biyyaaleessaa Ogaadeen ‘ONLF’ qofa beekna, namni hunduu isuma beekuufi itti amanu filata waan ta’eef isa nuuf ta’a jennee yaannu filachuudhaaf galmoofnee guyyicha qofa eeggachaa jirra” jedhu.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *