“Lakkoofsi namoota Koronaatiin qabaman humna tajaajilli fayyaa danda’uun ol ta’aa jira” -Waldaalee Ogummaa Fayyaa

 Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Waldaaleen Ogummaa Fayyaa 11 waliin ta’uun ji’a Amajjiirraa jalqabee magaalaa Finfinnee dabalatee magaaloota 15fi manneen barnoota 48rratti qorannoo taasisaniin lakkoofsi namoota Vaayirasii Koroonaan qabamani baay’ina tajaajilli fayyaa baatuun ol ta’a jiraachuu ibsaniiru.

Daarektarri waligalaa waldichaa Doktar Alamaayyoo Mokonniin akka jedhaniitti, waldichi weerara dhukkuba Vaayirasii Koroonaa ilaalchisee kanaan dura walitti fufiinsaan ibsa baasaa turuu yaadachisanii, faca’insa vaayirasichaa to’achuuuf hojii mootummaan hojjeete dinqisifachaa, wayita ammaa garuu sochiin vaayirasicha to’achuuf taasifamuu gahaa waan hintaaneef kanaaniis faca’insisaa daran saffisaa waan jiruuf xiyyeenfannoon malu gama mootummaanis ta’e hawaasaan kennamuufi qaba.

Gabaasoota ji’a Amajjiirraa hanga ji’a Bitootessaatti lakkoofsi namoota  Vaayirasichaan qabamanii, kutaa waldhaansaa cimaa keessa jiraniifi lubbuun darbee haala nama rifachisuun dabalaa jiraachuu eeranii, namootni saamudni irraa fudhatamefi vaayirasichaaf saaxilaman walbira qabuun wayita ilaalamu ji’a Amajjii dhibbantaa 7.7 yoo ta’u wayita ammaa dhibbantaa 19.8 gaheera jedhaniiru.

Sababoonni vaayirasichi sadarkaa yaaddeessaarra akka gahu  taasiisan hawaasni maaskii fayyadamuu dhabuu, qulqullina harkaafi wayita hojiilee guyyuu raawwatu fageenya waliirraa eeguu dhiisuudha jedhu.

Qorannoo taasifameen qulqullinni harkaa dhibbantaa shanii gadii, walirraa fageenyi namoota gidduu dhibbantaa 20 gadi, qulqullini qaamoolee hargansuu dhibbantaa 40 gadi yoo ta’u, ittifayyadama maaskii gama konkolaachistootaafi gargaartootasaaniitiin dhibbantaa 35-20  jechuun beeksiisaniiru.

Kanaan dura hojiin hubannoo uumuus ta’e tajaajila qulqullina harkaa daandilee magaalaa keessatti kennamaa turan akka duraatti deebi’uu qaba jedhanii, walgahiiwwan adda addaa, taphoota ispoortii, koonsartiiwwan muuziqaa, hiriirawwan nagaa, ayyaanoota waggaa addabaayiitti kabajaman, sochiiwwaan cidhaafis ta’e kabaja ayyaanootaa taasifamurratti  faca’insi vaayirasichaa daran waan dabalaniif mootummaan hubatee tarkaanfii malu fudhachuun fayyaa hawaasaa eeguu qaba jechuun ibsaniiru.

Wayita ammaa dhukkubsatoonni wal’ansa cimaa barbaadan baay’achaa waan jiraniif Oksiijiiniin biyyaa kessatti omishamuu akka qabuufi gufuulee yeroo omishaa muudatan saffisaan furuun dhabbilee fayyaaf raabsamuu akka qaban hubachisaniiru.

Vaayirasiin Koroonaa haaraa hawaasa keenya keessa faca’aa jira kan jedhu shakkiin waan jiruuf qorannoon wayitaawaafi saffisaa ta’e akka gaggeeffamu qabu eeranii, hunda kan fayyadu vaayirasicharraa ofittisuu waan ta’eef hojii hubannoo uumuuf dursi kennamee hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *