Koviid 19 ittisuuf Finfinneen alattis to’annoo cimaan geggeeffamuufi

Gammachuu Kadiriin

Finfinnee: Weerara Koviid 19 babal’achaa jiru ittisuuf Finfinneen alattis to’annoo cimaan geggeeffamuuf akka jiru Ministeerri Fayyaa beekisise. Pirotokoolii Koviid 19 eeguutiin Magaalaan Finfinneen dhibbantaa 70 irra kan jirtu yoo ta’u, magaalattiitiin ala garuu dhibbantaa 10 qofa ta’uus ni eera.     Ministir Deetaan Ministira Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, bakkeewwan Finfinneen ala ta’anitti dagannaa jiru hambisuuf to’annoo cimaa ni gaggeeffama. Hoggantoota naannoorraa hanga gandaatti jiraniifi qaamolee nageenyaa waliin irratti hojjetamaa jira.

Dhaabbilee tajaajila kennan hundumaatti namni maaskii  hinkaa’anne akka tajaajila hinarganne akkeekkachiisni akka kennamu kaasanii,  dhaabbatni tajaajila kennuufi seera labsame kana hinkabajne kamiyyuu hanga cufamuutti akka ga’u ni ibsu.    

Akka Doktar Darajjeen jedhanitti, bakka hundumaatti weerarri dhibee Koviid 19 sadarkaa yaaddessaarra kan ga’e yoo ta’u, keessumaa naannawaa magaalotaatti facaatiin dhibee kanaa saffisaa jira. Guyyaatti giddugaleessaan namoonni kuma tokkoofi 500 vaayirasiichi irratti argamaa jira.    

Akka odeeffannoon duraan ture agarsiisutti caalmaatti facaatiin dhibee kanaa kan mul’atu magaalaa Finfinnee keessa akka ture ibsanii,  torbee lamaan darban keessatti garuu naannoleetti babal’achaa dhufuusaa dubbataniiru. Magaalota naannolee tokko tokkotti keessatti dhibeentaa 30 ol ta’uufi naannoleetti facaatiin dhibee kanaa kan babal’achuu danda’e dagannaarraan kan ka’e ta’uu himu. 

“Adeemsa ittisaa keessatti dadhabinni hoggansaa mul’ateera” kan jedhan minister deetaan ministiraa kun, kana booda humni raawwachisaa  to’annoo olaanaa geggeessa jedhaniiru.

Duula filannoo paartilee siyaasaa biyyaalessaa 6fa geggeeffamu irrattis ta’e dhimmoota biroo hawaasin danatee irratti argamu hundumaa irratti ofeegganoo barbaachisaan akka geggeeffamu Doktar Darajjeen gaafataniiru.

Qaama seera ba’e kan darbe kamirrattiyyuu tarkaanfiin akka fudhatamuufi kanaas humni hordofu hundeeffamuu kaasaniiru.

Talaallii ilaalchisee, dhibee dabalataa kan hinqabne ta’anis namoota waggaa 65 oliif talaalliin kan laatamu ta’ee, kanneen waggaa 54 hanga 64 gidduu jiran ammoo yoo dhibee dabalataa qabaatan kennamaaf jedhaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013

Recommended For You

About the Author: wendimagegn