Ijaarsa hidha guddichaarraa kan nu danqu hinjiru

Waggaa kurnan har’aa Itoophiyaan humna mataasheetiin hidha haroomsa guddichaa ijaaruu tokko jettee eegalte. Ijaarsa hidhichaatiif haati hiyyeessaa gudunfaa sabbatashee hiiktee, barataan, kanneen daandiirra jiraatan, hojjettoonni humnaa, daldalaa, hojjetaan mootummaa, waliigalaan lammileen biyya keessaafi alaa gumaacha olaanaa taasisaniiru.

Dhimmi kun garuu biyyoota fayyadamoo yaa’a bishaan Abbayyaa gajjallaa Sudaaniifi Misiriif liqimfamuu hindandeenye. Itoophiyaan ijaarsa hidhichaa akka hineegalleef, erga eegaltee boodas akka dhaabduuf ifatti sodaachiisaafi akeekkachiisaa turaniiru. Takka takkammoo waan laafan fakkachuun dagachiisuu yaalaniiru.

Keessumaa Sudaan ejjennoo dhaabbataa dhabuudhaan takka Itoophiyaa cinaa takkammoo Misir cinaa dhaabbataa turte. Erga dhiheenyaa as garuu sareen lafa nyaattuu dutti akkuma jedhamu sana faayidaadhaan maalalchiifamtee Misir waliin Itoophiyaarratti dhiibbaa taasisuu yaalaa jirti.

Torban darbe keessas biyyoonni sadan jechuunis Itoophiyaa, marii ministiroota dhimma alaafi bishaanii Rippaabliika Dimookraatawaa Koongoo magaalaa Kinshaasaatti taasisanii turan. Mariin kunis akkuma warreen duraa waliigaltee malee xumurame.

Misiriifi Sudaan inumaayyuu dhimmi keenya Gamtaa AwurooppaafiAmeerikaatiin malee kan Afrikaatiin hinilaalamu jedhanii diddaasaanii itti fufaniiru.

Dhimmicha ilaalchisuun Ministirri Bishaan, Jal’isiifi Iinarjii Doktar Injiinar Silashii Baqqalaa, Misiriifi Sudaan itti gaafatamummaa Gamtaa Afrikaaf kenname xiqqeessuuf yaaliin taasisaan fudhatama akka hinqabneefi sababa kanaanis yeroon bal’aan dhumuu ibsu. Yaadni isaan dhiheessanis Itoophiyaan fudhatama dhabsiisuushee himu.

Raafamuu ejjennoo Misiriifi Sudaan kanaa hayyoonni siyaasaa mala yeroo bitachuu akka ta’edha kan ibsan. Biyyooni lamaan yeroo yerootti ejjennoosaanii jijjiiruudhaan ijaarsi hidhichaa akka fiixaan hinbaaneefi Itoophiyaan dingadeedhaan akka of hindandeenyeef socho’aa jiru; yeroo bitachaa jiru jedhu.

Kanaaf ammoo rakkoo keessoo Itoophiyaa akka carraatti fayyadamuu eeranii, Itoophiyaan garuu ammayyuu ejjennooshee  cimsitee itti fufuu akka qabdu kaasu.

Hidhichi qarshii ummataatiin ijaaramaa waan jiruufis ummanni tumsa barbaachisu akka taasisu abdachuun, Misiriifi Sudaan tarii seenaa Itoophiyaa yoo dagatan malee ummanni biyyattii hammam yoo waldhabeefi walitti bu’e waa’ee biyyasaarratti of irra waan hindeebineef sodaan tokkollee akka hinjirre himu.

Ummannis akkuma ijaarsa hidhichaa xiiqiin eegale fiixaan ba’iinsasaafis xiiqiin dhaabachuun diinoota iji itti diimate qaaneessuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *