Maastar Naasir: Leenjisaafi Barreessaa Kitaaba Maarshaal Aartii

Tashoomaa Qadiidaatiin

Leenjisaa Naasir Shukuriin leenjisaa ispoortii Maarshaal Aartii yoo ta’u dhiheenya kanas kitaaba mataduree ‘KITAABA MAARSHAAL AARTII’ jedhu yeroo jalqabaatiif Afaan Oromoodhaan barreessuun gabaarra oolcheera.

Kitaabichi gama qabiyyeetiinis dhimmoota ijoo, seenaa gabaabaa warlid teekwaandoo, qophii xiinsammuu, hiikaafi bu’uura teekwaandoo, ittisa miilaa, pumsee, ofirraa ittisuu jedhaman kan of keessaa qabu ta’uudha barreessichi gaafdeebii dhiheenya kana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen kan ibse.

Kaayyoon kitaabichaa inni guddaan shaakaloota addaddaa gochaan qofa beekaman gara barreeffamaatti fiduuf aartichaafi afaan dhaloota qubee wajjin walbarsiisuufi dhaloota dhufuuf dabarsuuf akkasumas, leenjistoota maarshaal aartii gara saayinsiitti fiduuf, aartichi biyyatti akka babal’atuuf, achumaanis ogbarruun Afaan Oromoo akka guddatuuf gumaachuuf ta’uus eereera.

Nutis barreessaafi leenjisaa kana waliin turtii gabaabaa taasifne akka armaan gadiitti isinii dhiheessineerra.

Bariisaa: Mee walhaa barru?

Maastar Naasir: Leenjisaa Naasir Shukuriin jedhama. Kanin dhaladhee bara 1984 Godina Harargee  Bahaa, Aanaa Malkaa Bal’ootti yoo ta’u, achumattin guddadhe. Barumsakoo sadarkaa tokkooffaadhaa hanga lammaffaatti baradhee kanin xumure magaalaa Hararatti.

Barisaa: Maatiikeef ilma meqaffaadha?

Maastar Naasir: Ani ilma shanaffaadha.

Barisaa: Barnootarratti akkam turte?

Maastar Naasir: Ani baay’iseen barnoota jaaladha. Daa’immummaa kiyyarraa kaasee kitaabota garagaraa dubbisuun jaaladha. Achirraa kaase ispoortiifis hawwii waanan qabuf gara Maarshaal Aartii gale.

Bariisaa: Maarshaal Aartii kana essatti jalqabde, akkamittis jalqabde?

Maastar Naasir: Gaafan ijoolee ture fiilmii garagaraa kan lammiilee Chaayinaa warreen addunyaarratti beekaman hojjetan  ilaaluun jaaladha. Hawwiin kiyyas achirraa jalqabe jechuudha.

Isaan booda maatii kiyya mari’achiise. Maatiin kiyya barnootarratillee dhiibbaa fida jechuun  ‘maal si fayyada?’ naan jechaa turan.

Ijoolleen baay’een yeroo daa’immummaasaanii waan baay’ee hawwu. Fakkeenyaaf Hayileefaa arguun atileetii ta’uu, ykn doktorafaa ta’u hawwu. Ani garuu gama kiyyaan Maarshaal Aartii kanaan maastara ta’uun hawwan ture.Yoomin Maastara ta’aa? Jechuuni yaadaan ture. Wanti ijoollummaatti hawwaa turte yeroo baay’ee ni dhugooma. Kanaafuu har’a Hawwiin kiyya naaf dhugoomuun galma naa ga’eera.

Bariisaa: Fiilmii ijoollummaakeetti ilaalaa turete qalbiikee fudhate sana hammam xiyyeeffannaadhaan hordofaa turte?  Maastar Naasir: Fiilmii sana qalbiidhaanin ilaala. Warri fiilmiin kun barumsarratti dhiibbaa qaba hinta’u jechaa na dhorkaa turan illee hamilee ani qaburraa kan ka’e na dhorkuu dhiisanii fedhii kiyya eegu jalqaban. Achirraa kaasee Maarshaal Aartii, gosa ispoortii Tekuwaandoo jedhamu gale barumsa xumuruudhaan leenjisaa ta’e.

Amma ergan leenjisaa ta’e waggaa kudhan guuteera. Gaafan barsiisu sana sochiidhaan malee barreeffamaan kan taa’e miti. Maaliif jechuudhaan kitaaboota adda addaa kan Maarshaal Aartii dubbisaa ture. Kanarraa ka’uun anis akkan kitaaba qopheesusu qabu kaayyeeffadhe. Inumaayyuu karoora kiyya keessa waa lamatu ture. Kitaaba barreessuufi fiilmilee hojjechuu yaadaan ture. Fiilmii hojjechuuf garee barbaada. Garee sana qindeesseen ispoonsara barbaaduu eegale.

Yeroo sana magaalaa Dirree Dhawaan leenjisaa ture. Fiilmiin hojjedha jedhe yommuun ka’u gareedhaan ispoonsara gaafadhe dhabe. Sanarraa kan ka’ee humna kiyyaa ol waan ta’eef nan dhiise.  Kitaaba barreessuun dhuunfaa kiyyaan waan ta’eef taa’en barreessuu eegale.

Bariisaa: Mee manni barumsaa maatiin kee sigalchan sun maal jedhama?

Maastar Naasir: Manni barumsaa Maarshaal Aartii sun Naayis warliid  Tekuwaandoo kilab jedhama.

Bariisaa: Waggaa meeqaaf achi turte?

Maastar Naasir: Waggaa saddeetiifin ture.

Bariisaa: Ammaan tana sadarkaa maalirra jirta?

Naasir: Amma sadarkaa sadaffaarran jira. Gurraacha sadaffaa jechuun digirii sadaffaa jechuudha. Akka maqaasaatti daanii sadaffaa jechuudha.

Bariisaa: Ijoollee meeqa ogummaa kanaan horatte?

Maastar Naasir: Akka Harargee Bahaatti aanaa sadiin barsiise. Aanaa Gaara Mul’ataa, Kombolchaafi Malkaa Bal’oo. Magaalota gurguddoo keessaa Magaalaa Harariifi Dirree Dhawaan barsiise. Gama ispoortii kanaan Ijoollee 36 leenjisuudhaan carraa hojii baneeraaf. Ijoollee baay’eedhaanis yeroo heddu walargina. Ijoollee kana yeroo leenjisnu waa hedduu irraa baranna.

Gaaf tokko barataan kiyya Nasibu Jamaal jedhamu, “Barsiisaa koo waanan si galateffadhu tokkon qaba” naan jedhe natti maxxane.  Maal inniin jedhen. Akkuman sibiraa galeetti ijoolleen ganda keenyaa wajjiin karaa biyyaa alaa ba’uuf boru deemna jennee mari’annee fixnee turre. Haata’u malee yeroo leenjirra ture mucaan Dachaasaa Adam jedhamu boru na caalaan jedhe ijoollee sana jalaa hafe. Ijoolleen sun ammoo biyya alaa osoo hingahiin hafan. Anaaf ammoo sababa ispoortii kanaan abalutu nacaala jedhe hafuuf sababa naaf ta’u keetiin barumsa naaf ta’e jechuudhaan na galateeffate.

Bariisaa:  Kessuumaa ispoortiin Maarshaal Aartii kun biyya kanatti beekamaa miti. Fininneefi magaaloota gurgoddootti hamma tokko beekama. Gara sanatti akkamitti fudhatama argate. Maatiin sidhorkaa turan ijoollee akkamitti sitti ergaa turtan?

Maastar Naasir: Sirriidha, maatii hedduun ispoortii keessumaa Maarshaal Aartii kanarratti ni rakkatu. Ijoolleen miillifi harkisaanii cabuu, akkasumas ijisaanii baduufi miidhamna addaddaa irra ga’uu danda’a jedhanii sodaatu. Ani sana hunda amansiisuuf doktorota wajjiin ta’e hubannoo akka argatan yaalii taasisaan ture.  

Keessumaa shamarranirratti dhiibbaa olaanaatu jira. Amma shamarran hinjiran. Maatiinsaanii maaliif akka hinergine hawaasa yoo gaafanne, maatiin “durbummaa balleessa” nun jedhu. Maarshaal Aartiin durbummaa hinballeessu. Doktaroota affeeree, maatii ijoollee dhiiraa na biraa qaban waltajjii takkarratti walitti qabuun waa’ee Maarshaal Aartiifi dubartootaarratti akka hubannoo argatan taasisaan ture.

Bariisaa: Bu’aan Maarshaal Aartii kanaa maali? Ofirraa ittisuudhamoo, qaama jabeeffachuudha?

Maastar Naasir: Maarshaal Aartiin miila, harkaafi sammuu gabbisa. Kana maaliif jette yoo naan jette, namni baay’een Maarshaal Aartii lolaa jedha. Maarshaal Aartiin lola miti. Maarshaal Aartiin kan kaayyoo fuula keenya duraa nuuf dhugomsudha. Fakkeenyaaf kaayyoo fuula duraa akka qabaattu si taasisa. Hojjetaa mootummaas hojii gara fuula duraatti hojjetu fiixan akka baafatu isa taasisa.

Akkasumas, namni Maarshaal Aartii hojjeetu naamusa gaarii akka argatu, Qaamaan akka cimu gara fuulduraatti hojii gaarii  hojjechuf akka isa qophessu taasisa malee kan nama reebuuf qopheessu miti.

Ispoortii kana kan adda isa godhu mataa ofi diinarraa ittisuuf gargaara (Self defense) ni gargara. Maarshaal Aartiin ispoortii atileetiksitti aanuudhaan biyya keenyaaf meedaaliyaa baay’ee kan argamsiisedha.

Akkasumas, ammaan tana dargaggonni hedduun sadarkaa biyyoolessaatti injifannoo olaanaa argachuudhaan galiisaanii guddifachaa jiru. Mataasaaniifi maatiisaanille gargaaraa jiru.

Kanaafuu ispoortiin kun sadarkaa olompikiitti kan akka Salamoon Tufaa horachuudhaan biyyi teenya yeroo jalqabaaf Olompikii Tokiyoorratti hirmaachuuf qophiirratti argamti.

Ispoortiin kun biyya keenyatti yeroo gabaabaa keessatti beekamtii kan argate yoo ta’u,  ammaan tana dargaggota hedduu horachuun gandaa kaasee hanga sadarkaa biyyaaleessaatti hordofamaa jira.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *