“Poolisiifi Humni Addaa Oromiyaa humna guutuun ummatasaa tajaajilaa jira” -Komishinar Araarsaa Mardaasaa

Waasihun Takileetiin

Ijaarsa sirna bulchiinsa federaalawaa keessatti naannooleen mirga ofiin of bulchuu, mirga qabeenyasaaniirrati ajajuu, mirga abbaa biyyummaafi mirga poolisii akkasumas humna addaa mataasaanii horachuu akka danda’an heerri mootummaa ni labsa.

Bu’uuruma kanaan naannooleen Itoophiyaa kurnanuu poolisii, humna addaafi mirgoota biroo heerri RDFI lafa kaa’u guuttachuun naannooleesaanii hogganuu cinatti walitti dhufaniis ijaarama tokkummaa Itoophiyaaf  utubaa ta’uun tajaajilaa jiru.

Akkuma garaagarummaan amantii, sanyiifi afaanii jiru jaarmiyaalee gara garaa gidduutti garaagarummaan siyaasaa ni jiraata, jiraachuun garaagarummaa immoo abaarsa osoo hintaane miidhagina uumaan addunyaa kana badhaasedha. Garaagarummaan siyaasaa kun karaa walqixa ta’een, karaa mirga isa biroo hinsarbineen yoo gaggeeffameen alatti miira natu siif beekaan kan afarfamu yoo ta’e rakkoo nageenyaa uumuunsaa waan oolu miti.

Yeroo ammaattis ilaalchi finxaalessummaa Itoophiyaa keessatti murnoota bicuun afarfamaa kan jiru yoo ta’u, inninuu faallaa federaalizmii warreen ta’aniifi ilaalcha ofittummaan Itoophiyaa dulloomtuu deebisuuf warreen carraaqanidha. Tokkummaan Itoophiyaa kan ibsamu sabdaneessummaa keessummeessuun yoo ta’u, ilaalcha Itoophiyaa dulloomtuu kaleessaan Itoophiyaa olaantummaa saba tokkoon hogganamtuuuf lammiileen gurra hinqabani.

Ilaalchi olaantummaa saba tokkoon biyya ijaaruuf adeemamu walitti bu’insa babal’isuun tokkummaan akka dhabamu, walshakkiin akka uumamu  taasisuun imala dimokiraasii kan quucarsuufi hirkatttummaa kan babal’isudha.

Tokkummaa sobaa olaantummaa saba tokkoon hogganamu  dahoo godhachuun hanna, saamichaafi hirkattummaan murnoonni jiraachaa turan humna poolisii kanaan waan gaadi’amaniif burjaajii uumuuf yaalaa jiru.

Murnoonni kunneen olola kijibaafi finxaalessummaa afarsuun maqaa poolisiifi humna addaa oromiyaa gurraachessuun siyaasasaanii dhokataa galmaan gahachuuf warra carraaqan yoo ta’an ilaalchichi sirrachuu akka qabu kaasanii jiru.

Rakkoo nageenyaa Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti raawwateen walqabatee ololli maqaa poolisiifi Humna addaa naannoo Oromiyaa gurraachessuuf afarfamu akka jiru Komishiniin poolisii Oromiyaa kaaseera.

Ololli kijibaa finxaaleyyii ilaalcha Itoophiyaanummaa durii leellisaniin afarfamaa jiru  poolisiifi humni addaa Oromiyaa dafee ummataaf hinbirmanne jechuun burjaajii uumuuf yaalaa akka jiran Komishinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Komisinar Araarsaa Mardaasaa ibsa tibbana miidiyaaf kennanirratti dubbataniiru.

Akka komishinarichi jedhanitti, poolisiin Oroomiyaas ta’e Humni Addaa Oromiyaa lammiilee Oromiyaa keessa jiran maraaf gaachana ta’uun waakkii tokko malee humna guutuun  waardiyyaa kan dhaabbatedha. Humni kun sanyii, laga, amantiifi korniyaa osoo hinfohiin nageenyasaanii kabachiisuuf kaleessas har’as humna guutuun hojjetaa kan jirudha.

Yeroo barbaadamettis ergama isaaf kenname kutannoon ba’achaa jiraachuu Komishinar Araarsaan yoo kaasan rakkoo nageenyaa aanaa Baabboo Gambeelitti mudate tasgabbeessuufis sochii taasiseen dafee qaqqabuun rakkinicha furuufi shanee sadiirratti tarkaanfii fudhachuu akka danda’e dubbataniiru.

Finxaaleyyiin waan fedhan ololanis poolisiin Oromiyaa nageenya lammiilee Oromoofi saboota biroo Oromiyaa keessa jiran maraaf lubbuusaa qabsiisee gaachana ta’ee tajaajilaa jira. Ilaalcha maqa xureessii finxaaleyyii leellistoota sirna dulloomaan Itoophiyaaf natu beeka jedhaniin afarfamu kamuu tarkaanfachiisaa akka hintaane himuun fooyya’uu akka malu kaasaniiru.

Akka fakkeenyaatti haleellaa Aanaa Baabboo Gambeelitti qaqqabeen lammiileen qabatamaan  ajjeefaman 28 ta’anii osoo jiranii miidiyaa hawaasaa bal’aa qabanitti fayyadamuun harbeessuun walitti bu’iinsa lammiilee gidduutti babal’isuuf yaalii taasisaa turuu yoo himan gochichi yakka nama gaafachiisudha jedhaniiru.

Miidiyaan hawaasaas yakka walitti bu’iinsa babal’isu kanarraa of qusachuun murteessaa ta’uu komishinarichi himanii, ololtoonni kijiba afarsanis  imalaafi ergama poolisii Oromiyaa gufachiisuu akka hindandanye ibsu. Haleellaa kana wajjin walqabatee kan ajjeefame saba tokko qofa akka taheetti ololuun finxaaleyyii kanaaf ajandaa guddaa ta’aa akka jiraachiifi kanneen du’an keessaa dhibbantaan 80 Oromoo ta’uu kaasu.Kanneen hafanis sabaaf sablammoota garagaraa ta’uufi shaneen diina Itoophiyaati malee kan saba tokkoo mitis jedhu.

Finxaaleyyiin dubbii harbeessan siyaasasaanii dhokataa bobaa jalatti baatan facaasuun walitti bu’insa sanyii uumuun karaa qaxxaamuraan aangoo dhuunfachuuf carraaqaa jiraachuu ifa ta’uus Komishinar Araarsaan ni himu. Kunimmoo yoomuu hinmilkaa’u jedhanii, poolisiin Oromiyaa abjuusaanii kana maseensuun nageenya lammiilee qabatamaan mirkaneessuuf of kennee hojjetaa jiraachuu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti, ilaalchi murnoota bicuu kun agarsiistuu poolisii Oromiyaa waan hintaaneef gocha alseerummaa akkanaarraa akka of qusatan hubachiisaniiru. Tajaajilli kabachiisa olaantummaa seeraa nageenya buusuu Oromiyaa si’aa’inaafi seera qabeessaan gaggeeffamaa akka jirullee kaasuun hawaasni Oromoos qaamota nageenya kana waliin hiriiruun nageenyasaa kabachiifachuu akka qabus kaasu.

Nageenyi waaraa mirkanaa’uu kan danda’u humnoota nageenyaan qofa miti kan jedhan komishinarichi hirmaannaa hawaasa bal’aatiin deggaramuu baannaan tarkaanfachiisaa akka hintaane dubbatu.  Finxaalyyiin sirna dulloomaa deebisuuf olola afarsanis dimokiraatawaa ta’uun filannoofi filannoo qofaan aangoo dhuunfachuuf seera qabeessaan socho’uun dirqamsaaniiti jedhu.

Poolisiin Oromiyaa rakkoo nageenyaa akka Oromiyaatti mudachaa jiru kamiyyuu jala bu’ee hordofuunifi sakatta’insa taasisuun aarsaa kaffalaa farreen nageenyaa buqqisaa jiraachuu kaasanii, aantummaa hawaasasaaf qabu agarsiisuuf ammas itti jiraachuu kaasaniiru.

Akka ibsa Komishinarichaatti maqaa gurraachessuunis ta’e burjaajii uumuun aangoon dhuunfatamu kan hinjirre yoo ta’u poolisiifi humni addaa Oromiyaa nageenya naannoosaa eegsisuuf yoomuu caalaa humna guutuufi kutannoon kan hojjetaa jirudha.

Filannoo marsaa jahaffaa gaggeeffamuuf jiruufis qophii gahaa taasisaa jiraachuu kaasanii, paartiileenis gamanumaa dimokiraatawaa ta’uun socho’uun akka irra jiraatu kaasaniiru. Poolisiin Oromiyaa siyaasa kamirraayyuu bilisa ta’uun tajaajila nageenya eegsisuu, wabii nageenya lammiilee mirkaneessuu milkeessaa jira jedhu.

Akka Komishinar Araarsaan jedhanitti, rakkoo nageenyaa akka Oromiyaatti mudachaa ture salphisuufis sochii taasiseen waggaa kana keessa farreen nageenyaa 260 ol barbadeesseera. Ammas kutannoon hojjetaa jira. Aangoon harka tokkoon hidhannoo harka biraan filannoon dhuunfatamu hinjiru.  Dimokiraatawaa ta’uuf hidhannoo hiikuufi filannoon caaluuf carraaquun barbaachisaadha.

Walumaagalatti poolsiinis ta’e Humni Addaa Oromiyaa mirga nageenya naannoosaa kabachiisuufi tiksuu  heera mootummaan argatetti fayyadamuun nageenya lammiilee walqixaan kabaciisuuf of kennee hojjetaa kan jiru yoo ta’u ololaafi maqballeessii  finxaaleyyii leellistoota Itoophiyaa dulloomtuun isarratti afarfamuuf osoo hinjilbeeffatiin ergamasaa galmaan gahuuf humna guutuun hojjeta.

Kana malees finxaaleyyiifi oftuultota burjaajii uumuun qaxxaamuraan aangoo uummataa dhuunfachuuf wixxifatani dhabamsiisuuf kutannoon hojjetaa jira borus hojjeta.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *