Shampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaa: Umrii jaarraa walakkaa

Finfinnee: Bu’uura ispoortii atileetiksii Itoophiyaa kan ta’e Shaampiyoonaan Atileetiksii Itoophiyaa, bara 1963 magaalaa Finfinneetti akka eegaluuf Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatiin  murta’e.

Shaampiyoonaan kun eddasi kaasee waggoota 50 lakkofsiseera. Waggoota kanneen keessatti yeroo tokko illee osoo addaan hincitiin waggaa waggaadhaan gageeffameera. Baranas waggaa bara hundeeffama waggaa 50fa isaa sababeeffachuun magaalaa Finfinneetti Bitootessa 28 bara 2013 irraa kaasee gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u boru xumurama jedhamee eegama.

Shaampiyoonaa baranaa kanarratti naannooleen, bulchinsonni magaalaa, kilabonnifi dhaabbileen ispoortii atileetisi korniyaa lameeniinu hirmaachaa jiru.

Sababni shaampiyoonichi itti gaggeeffamuf fiigicha meetira 800 hanga kuma 10ni, akkasumas fiigicha gufachisaa meetira kuma sadiifi dorgommii tarkaanfiitiin atileetoota kaadhimamtoota Olompikii Tokiyoorratti hirmaatan filachuufi.

Akkasumas, Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa bara farnjootaa kana Waxabajjii 1-5tti magaalaa guddoo Aljeeriyaa, Aljeersitti yeroo 22faf adeemsifamurratti Itoophiyaa bakka bu’uun  atileetota hirmaatan filachuufi.

Shaampiyoonaa barana adeemsifamaa jiru kanarratti atileetonni kuma tokkoofi 243 kan hirmaatan yoo ta’u isaan keessaa dhironni 736, dubartonni ammoo 507 ta’uun beekameera.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa shaampiyoonaa baranaa kanaaf walumaagalatti mo’attotaafi hojiiwwan tokko tokko kan ittiin gaggessu bajata qarshii miliyoona 8. 9 ta’u  ramadeera. Dorgommii kanatti atileetonni tokkoffaadha hanga jahaffaa ba’an akkuma walduraa duuba jiranitti qarshi kuma 20 hanga kuma shanii badhaafamu. Gareedhaan ammoo tokkoffaan kuma 100, lammaffaan kuma 75n, sadaffaan kuma 50 argatu.

Akkasumas, korniyaa lameeniinu qabxii dimshaashaan tokkoffaa kan bahan kuma 150, lammaffaan kuma 100, sadaffaan kuma 75n kan badhaafaman yoo ta’u, atileetoota beekamootaa (urjii) dhiiraafi dubara akkasumas, atileetota riikardii haarawaa galmeesisaniif tokkoon tokkoon isaaniif dhuunfaadhaan qarshii kuma 10 akka badhaafaman  beekamera.

Dorgommiiwwan adeemsifaman keessaa qalbii daawataa kan hawwate fiigicha meetira kuma kudhanii yoo ta’u, dhiiraan atileet Barihee Aragaawii daqiiqaa 28:20.19n, Hagos G/Hiwoot daqiiqaa 28:22.23n lamaanuu naannoo Tigiraayirraa tokkoffafi lammaffaa ta’uun mo’ataniiru.

Atileet Taayye Girmaa kilaba Dhaabbata Bosonaafi Bineensaa Oromiyaarra daqiiqaa 28:23.22n sadaffaa, Yoomiif Qajeelchaa naannoo Oromiyaarraa daqiiqaa 28:23.67n, Taaddasaa Warquu Poolisii Oromiyaarraa daqiiqaa 28:24.32n, Caalaa Katamaa Bishaan Oromiyaarraa daqiiqaa 28:32.23n arfaffaadhaa hanga jahaffaa bahaniiru.

Kan dubaraatiin ammoo Tsigee G/Salaam kilaba Humna Ibsaarraa daqiiqaa 32:59.03n, Suutumee Asaffaa naannoo Oromiyaarraa daqiiqaa 33:12.04n Bosonaa Makitii naannoo Amaararraa daqiiqaa 33:19.37n tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uudhaan injifataniiru.

Dorgommii kanatti atileetonni naannoo Amaaraa Madihin G/Sillaasee daqiiqaa 33:23.77n, Addise Mislanee daqiiqaa 33:29.33n, Zawudituu Adarraa daqiiqaa 33:48.65n arfaffaadhaa hanga jahaffaa bahuudhaan badhaasasaaniif qopha’ee fudhataniiru.

Atileetonni korniyaa lameeniinu tokkoffaadhaa hanga jahaffaa ba’uun badhaafaman kanneen dabalate dorgommii kanatti  hanga sadarkaa kurnaffaa kan bahan miiniimaa Olompikii guuttachuuf Hoolaand, magaalaa Hengilootti dorgommii gulaalaa akka taasifatans beekameera.  

Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *