“Mirga dubartootaa kabajchiisuun mirga ummata Itoophiyaa walakkaa ol kabajchiisuudha” -Obbo Otukaanaa Odaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Kitaabni Qorannoo ‘Sirna Gadaafi Mirgoota Dubartootaa’ jedhu Yunivarsitii Mattuutti Gargaaraa Pirofeesara Seeraafi Yunivarsitii Finfinneetti Wiirtuu Mirgoota Namoomaatiin digirii sadaffaa barachaa jiran Muluqan Kaasaahuuniin barreeffame Wiixata darbe Finfinneetti eebbifameera. Kitaabichi deggersa dhaabbanni miti mootummaa ‘Center for Advancement of Rights and Democracy (CARD)’ jedhamu taasiseen kan qophaa’e yoo ta’u, hayyoonni seeraa, seenaa, aadaafi keessummoonni gara garaa sirna eebba kitaabichaarratti argamaniiru.

Hogganaa Ittaanaan Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Otukaanaa Odaa sirna eebba kitaabichaarratti akka jedhanitti,  ummata biyyattii keessaa harki walakkaa ol dubartoota waan ta’anif mirgasaaii kabajchiisuun kallattiidhaanis ta’e alkallattiidhaan mirga ummata biyyattii %50 ol kabajchiisuudha. Sirni Gadaa ammoo utuu seerri ammayyaan hinba’in durayyuu mirgi dubartootaa akka kabajamu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.  Qorannichis Sirni Gadaa mirga dubartootaa kabjchiisuu keessatti  gahee akkamii akka qabu hubachiiseera.

Manni hojichaas mirgoota dubartootaa kabachiisuudhaaf dhaabbilee mitu mootummaa dhimma dubartootaarratti hojjetan waliin hojjjechaa jiraachuu himanii, qorannichis gaheefi caasaa dubartoonni Sirni Gadaa keessatti qaban iftoomseedha. Sirna Gadaa keessatti Siinqeen caasaa mirga dubartootaa kabajchiisuudha. Dirqamoota mana hojichaa 51 ta’an keessaa olaantummaa seeraafi mirga lammiilee  kabachiisuun isaan ijoodha. Mirgoota dubartootaa heeraafi seeraan kabajchiisuudhaafis caasaalee diriisuudhaan hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Yeroo ammaa Mana Murtii Aadaa Oromoo hundeessuuf qorannoon barbaachisu xumuramee yeroo wixineen seeraa qophaa’aa jiraachuu himanii, wixineen seeraa kun barmaatilee dubartootarratti miidhaa qaqqabsiisu qorannoodhaan adda baasuudhaan kan hambisu  ta’a. Mana murtichaatti dubartoonni (haadholiin Siinqee) ganda kaasanii hanga mana murtii (dhaddacha ijibbaataatti) keessatti kan hirmaatan ta’uus himaniiru.

Barreessaan kitaabichaa akka jedhanitti, mootummaan seerota baase hojiirra oolchuu malee seerota dhaabbilee aadaa ittifayyadamuurratti xiyyeeffatee hojjechaa hinjiru. Duudhaaleen Sirna Gadaa keessa jiran ammoo seerota mootummaallee cimsuu keessatti gahee olaanaa qabu. Duudhaa Sirna gadaa keessaa tokko kan ta’e Siinqeen mirgoota dubartootaa kabajchiisuu keessattis ta’e nageenya mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.

Walitti bu’iinsa yeroo ammaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti mudachaa jiruun daran kan miidhaman dubartootaafi daa’imman ta’uu himanii, Akka Sirna Gadaatti dubartiin tokko du’uun akka waan namootni sagal du’aniitti lakkaa’ama. Kanaeeaa ka’uun Sirna Gadaa keessatti dubartiin waraanarratti hinirmaattu jedhu.

Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti, Dursituun Garee Afaanii Aadde Mitikkee Bitawuliny akka jedhanitti, Sirna Gadaa keessatti Siinqeen dhaabbata mirga dubartootaa kabachiisuudha. Qorannoon gama kanaan taasifames jajjabeeffamuufi cimee itti fufuu qaba. Kitaabichi dhaloonni akka irraa baratu waan taasisuuf Afaan Oromoofi Afaan Amaariffaa akkasumas afaanota birootti  hiikamee dubbistoota bira ga’uu qaba jedhu.

Hirmaatonni eebba kitaabichaarratti argaman akka jedhanitti, qorannoon aadaafi duudhaa keenya qorachuuf, beeksisuufi barsiisuurratti jalqabame cimee itti fufuu qaba. Sirni Gadaa kan Oromoo qofa utuu hintaane kan biyyaalessaa ta’uu qaba. Sirna barnootaa biyyattii keessas galee baratamuu qaba jedhaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You

About the Author: wendimagegn