“Ilaalchi wanti mootummaan hojjetu hundi badaadha jedhu sirrachuu qaba” -Komishinar Lalisee Dhugaa

Saamraawiit Girmaatiin

Keessummaan keenya torban kanaa sabboontuu intala Oromoo magaalaa Finfinneetti dhalatanii guddatanidha. Sabbontuun kun yeroo isaan Finfinnee keessatti guddatan yeroo jibbinsi itti hammaate ta’uus afaan, aadaa, seenaa, eenyummaafi safuusaanii sirriitti beekanii guddatan. Kanaafimmoo bu’uurri maatiisaanii ta’uudha kan dubbatan; Komishinarri Komishinii Turisimii Oromiyaa (KTO) Aadde Lalisee Dhugaa.

Komishinar Laliseen dubartii bifaan, haasaafi hojiidhaan bareedduu yoo ta’an, nama fuulasaaniirraa seequun hindhibamnedha. Nutis mudannoofi muxannoosaanii jabaa isniin jenna.

Bariisaa: Komishinar, Mee dubbistoota keenyaan walbaraa.

Komishinar Lalisee: Tole, Maqaankoo Lalisee Dhugaa Jabeessaa jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Finfinneetti. Abbaafi haatiikoo naannawaa Amboodhaa dhufanii Finfinneetti ana waliin ilmaan saddeet horan; ani hangafa. Abbaankoo Gaazexaa Bariisaarra waggoota 15 hojjeteera. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaadhaa kaasee hanga yunvarsiitiitti Finfinneedhumattin baradhe. Hundasaayyuu mana barnootaa mootummaattin baradhee xumure.

Bariisaa: Haalli guddina keessan akkam ture?

Komishinar Lalisee: Jireenya Finfinneetti, isayyuu hojjetaa mootummaa ta’aanii ilmaan saddeet guddisuun cimaa ta’us maatiinkoo haala gaariin nu guddisan. Maatii naamusa gaarii qabuufi amanamaa gidduuttin guddadhe. Yommuu Finfinnee keessatti guddattu wantonni baay’een eenyummaakee akka hinbeekne si danqanis ani magaalatiitti Lalisee Dhugaa ta’ee akkan guddadhuuf bu’uurri maatiikooti.

Bariisaa: Barnoota sadarkaa olaanaa eessatti maal barattan?

Komishinar Lalisee: Digriikoo jalqabaa Yunvarsiitii Finfinneetti Hogbarruufi Afaanota Biyya  Alaan baradhe. Yeroos korsiiwwan gaazexeessummaafi quunnamtiis fudhanneerra. Ergan waggoota 10 hojjedhe booda hojiin koo guutuutti gara fayyaa hawaasaatti jijjiirame. Isaa booda Digriikoo lammaffaa Yunvarsiitii Jimmaarraa ‘Program Evaluation’ fudhadhe.

Bariisaa: Addunyaan hojii keessanoo maal fakkaata?

Komishinar Lalisee: Akkuman digirikoo jalqabaa baradhee xumureen waggaa tokko nan barsiise. Ji’oota afuriif ammoo gaazexaa afaan Ingiliffaa ‘Sub Saharan informer’ jedhurran hojjedhe. Isaa booda dhaabbilee miti mootummaa dhimma fayyaarratti hojjetan hedduun seene. Keessumaa yeroo ani yunvarsiitiidhaa ba’e ‘HIV/AIDS’ daran yeroo itti babal’ateefi ummata miidhaa turedha. Kana malees fayyaa haadholiifi walhormaataarratti baay’een hojjedhe.

Isaa booda utuun  gara hojii mootummaatti hindhufin waggoota shaniif Imbaasii Ingiliiz keessa ‘Program Manager’ ta’een hojjedhe. Turtiikoo kana keessatti daandii jireenyaakoo kan naa qajeelcheefi bilchina sammuus kanin itti argadhe ture. Itoophiyaa akka guutuutti ittiin ilaaleera; addaddummaa naannoolee gidduu jirus ittiin hubadheera.

Ergan gara hojii mootummaatti dhufee waggaa lama ta’uuf jedha. Gara KTO  utuun hindhufin Waajjira Pirezdaantii Oromiyaatti Gorsiituu Imaammata Walta’iinsaa ta’ee waggaa tokkoof hojjedheera.

Bariisaa: Daa’imummaa keessanitti maal ta’uu hawwitu turtan? isa hawwitanoo bira geessaniittu?

Komishinar Lalisee: Yommuun daa’ima ture nama siyaasaa ykn gaazexeessituu ykn abukaatoo ta’uun hawwa. Kanaaf isan hawwe ta’eera jedhee hinyaadu. Ta’us fedhiifi hawwiin yeroofi haala waliin ni jijjiirama. Ammarra taa’ee yommuun yaadu umriikoo waggaa 41 keessatti bakkin jiru kun bakka naaf maludha jedheen amana. Adeemsakoo keessatti muuxannoowwan gaarii ta’an fudhachaa deemuun Lalisee ishee har’aa ta’eera; adeemsichi egaa inuma ittifufa. Barachaa, qajeelchaa, keessakoo dhaggeeffachaan… deema. Walumaagalatti bakkan jiru kanatti gammadduudha.

Asirratti garuu wantan ani ta’uu barbaaduufi hinjijjiiramne tokko namoota biroof jiraachuudha. Namni gaafa jiraatu ofiisaaf jiraachuu hinqabu jedheen amana. Waaqni gaafa nu uume warra kaaniifis akka jiraannuufi. Kana gochuuf qarshii ykn aangoo sin barbaadu. Namuma guyyuu argattuuf yaada gaarii yoo qabaatteefi waanuma tokkoon jireenyasaa jijjiiruu yoo dandeesse waan guddaadha. Gama kanaan waanin hojjedheen bakkan yaade ga’eera jechuu nan danda’a.

Bariisaa: Gama maatiitti haa deebinuutii, bultii dhaabbattaniittu, daa’imman horattaniittuu?

Komishinar Lalisee: Eeyyee, ergan bultii dhaabbadhe waggaa 13 ta’eera. Daa’imman lama, dubara waggaa 12fi dhiira waggaa sagalii  godhadheera. Abbaan warraakoo Dhaabbata Mootummata Gamtooman keessa hojjeta.Hojiin hojjedhus baay’ee kan na deggaru isa. Keessumaa gama hojiitiin bakkan dura tureerraa gara hojii mootummaatti dhufuun waan barame miti. Achirratti kan baay’ee na hubatuufi na gargaaru isa.

Bariisaa: Hojiin amma irra jirtan gaggeessummaadha, hojii damee bal’aadhas. Haala kanaan maatii keessan waliin akkamiin yeroo dabarsiitu, dhiibbaa hinqabuu?

Komishinar Lalisee: Ani yommuun dhaabbilee miti mootummaa keessa hojjetaa ture jireenyaafi hojii walmadaalsisanii deemuun amaleeffadhe. Dhaabbileen miti mootummaa baay’ee keessa galgalaafi sanbattan hojjechuu hinjajjabeeffamu. Namoonni galii argachuuf jecha hojjetan garuu ni jiru. Mana mootummaammoo kun hinjiru. Akka carraa ta’ee yeroo ijoolleenkoo guddataniifi koronaan dhufee abbaa warraakoo Ameerikaadhaa as deebisetti hojicha keessa seenuunkoo baay’ee dhiibbaa narratti hinuumne. Mannikoo Dukamii; guyya guyyaadhaan deddeebi’een hojjedha. Kanaaf yerookoo hojiirraa hafte hamma danda’ametti maatiikoo waliinin dabarsa. Yoo waan ariifachiisaa ta’e malee sanbattan hojii deemuu hinbarbaadu. Isa kanarraa hafe daa’immankoos na hubatu. Isaanis yeroo boqonnaasaanii akkoofi akaakayyuun isaanii Garjii waan jiraniif isaan birallee ni deemu. Kanaaf ulfaataa ta’us deggarsaafi hubannaa maatii qabaannaan salphaadha.

Bariisaa: Dubartummaafi hoggansiwoo,waliin hincimuu?

Komishinar Lalisee: Tooftaan gaggeessummaakoo  sammuukoo caalaa onneekoottin fayyadama. Miira natti dhaga’amu ibsutti baay’een amana. Fakkeenyaaf jaalala, dheekkamsa, muufannaafi kkf jechuudha. Namoonni na waliin amma hojjetaa jiran harki caalaan isaanii dargaggoota. Garuu hariiroon keenya akka hogganaafi hojjetaatti osoo hintaane akka maatiitti. Kana jechuun haala ittigaafatamummaa qabuuni. 

Yommuu dubara taate gaggeessituu taatu miira haadhummaafi obbolummaakee ni fidda. Anis kennaa uumamaa naa kennametti fayyadamuun qaruufi barsiisuun barbaada. Gama biraatiin wantoota madaalawaa taasisuun yaala. Ittaantota laman qaba; isaan dandeettii mataasaanii qabu, anis kan mataakoo qaba; warri kaanis akkanuma. Sana walitti fiduunin fayyadama. Kanarraa kan hafe dubara ta’uu keetiin waan addaa sirratti uumama jedhee hin yaadu.

Bariisaa: Kanarraa ka’uun keessumaa shamarran Oromoo gara gaggeessummaatti dhufuu akka hinsodaanneef maal gorsitu?

Komishinar Lalisee: Namni gara gaggeessummaatti dhufu ijoollummaadhaa kaasee waan keessa darbuufi itti qaramuu qaba. Fakkeenyaaf ani amantiinkoo pirotestaantiidha; waldaa keessattin guddadhe. Yerookoo barnootarraa hafe kanin dabarsu achitti. Yommuu waldaatti guddattummoo waan baay’ee shaakalta. Barnoota Dilbataa, gaggeessaa dargaggootaa, diraamaa hojjechuufi kkf keessatti ni hirmaata. Anis kanneen keessatti gaggeessummaadhaanin hirmaachaa ture. Kun hundi anaaf bu’uura ture.

Gaggeessummaan kan itti dhalattu akkuma jirutti ta’ee, shaakala keessas ni dhufa. Shaakala sana jireenya keenya keessatti eeyyamuu qabna. Shamarran keenya ofiisaaniitiin waltajjiiwwan garagaraa uummachuun shaakaluu qabu. Ani isa waldaa malee mana barnootaa keessattis gosa barnootaa Ji’oogiraafii, Seenaafi Ingiliffa baay’een jaaladha; nan danda’as. Kanaaf garee uummanne walqo’achiisna, dorgommii garagaraa taasifna. Dabalataan dubbisuufi namoota waliin yaada wajijjiiruu amaleeffachuu barbaachisa. Ani baay’een dubbisan ture; amma bultoo, ijoollee guddisuufi hojiitti goree hir’isuus.

Jireenya hawaasaa shaakalunis murteessaadha. Fakkenyaaf geejiba ummataa fayyadamuu. Ani torban lama lamaan wandaboo dheeraa uffadhee, naxalaa ofirra buusee guuboo (basket) qabadhee gabaa Bishooftuu deemuun jaaladha. Amaleeffannaa akkanaa gabbifannaan gaggeessummaatti dhufuun hinulfaatun jedha. 

Bariisaa: Komishinar, isin Finfinneetti dhalattanii guddattanii, aadaa, duudhaa, afaaniifi seenaa Oromoo sirriitti beektu. Maatiin ilmaansaanii eenyummaasaanii baranii akka guddatan taasisuun bu’aa maalii qaba?

Komishinar Lalisee: Ani Lammii Itoophiyaa cimtuudha; Sabboontuu intala Oromootis. Itoophiyaanummaakoo baay’een jaaladha; Oromummaakoommoo caalaan ittiin boona. Yommuun biyya alaa deemu jalqaba ani lammii Itoophiyaati jedheen himadha. Ittaansuun ammoo Oromummaakoon himadha. Keessumaa gaafa maqaakoo dhaga’aan ‘hiika qabaa’? jedhanii waan na gaafataniif waa’ee Oromoon ibsaaf. Kana akkan ta’uuf haalli maatiinkoo itti na guddisan murteesseedha. 

Nan yaadadha yommuun kutaa afur baradhu barattuu qaxalee waanin tureef barataan tokko hojmanee hinhojjetii dhufee natti agarsiisi naan jennaan nan dideen. Isaa booda eenyummaakootiin na arrabsee abootteedhaan funyaan keessa na rukutee nafunuunse. Isan dhiige caalaa arrabsoosaatu sammuukoo keessatti hafe. Akkan manatti galeen haadhakoo gaafannaan “dhiisi isaan ofumaa jedhu” naan jette. Deebiin ishee na quubsuu didnaanin abbaankoo gaafa galu gaafadhe. Dubbi keenyarratti hangan heerumutti fakkeenyikoofi kanin jaalladhu abbaakoodha. Innis “ati qulqulluu intala Oromooti, Oromummaan immoo nama boonsa, kanaaf isa warri kaan jedhaniif gurra hinkennin” jedhee na gorse. Sammuu ijoollummaatiin Oromummaan na keessatti iddoo qabate jechuudha.

Dhugaa dubbachuuf yeroo keenyatti Finfinnee keessatti Oromoo taatee, sanuu maqaa Lalisee qabattee jiraachuun rakkisaa ture. Gaafa “ani Oromoodha” jettu nama biraarraa arrabsoo ykn jibbadha kan argattu. Wanti kun tarii amma fooyya’eera.

Kanaaf wanti abbaankoo natti himaa na guddise, wantin haadhakoo biratti argu,  seenaafi afaan firoottankoo haasa’an, jaalalli, garraamummaafi miidhaginni isaanii eenyummaakoof bu’uura uumeera. Yommuu barnoonni cufamu baadiyyaa firoottankoo bira deemee waanin argu har’aakoof galtee ture. Anaaf Oromoon ummata qulqulluudha. Anis Lalisee ishee har’aa kanin ta’eef maatiifi firoottankoo waan narratti hojjetaniifi.

 Ijoolleen eenyummaasaanii baranii akka guddataniif maatiin murteessaadha. Maatiin ofjaal’atu Itoophiyaa cimtuu uuma, walkabajee jiraata. Fakkeenyaaf ijoolleenkoo afaaniifi eenyummaa haadhaafi abbaasaanii baranii akka guddatan taasisaan jira. Dhaloonni ammaa bakka oolu, waan arguufi dhaga’urraa ka’uun eenyummaa biraati kan qaban. Gaafa ati waa’ee eenyummaasaanii itti himtu, “tole ani Oromoodha garuu maaliif akkasitti of ibsuun barbaachise? Akkasumaan jiraachuun hindanda’amu? Ummanni addunyaa marti ummatakoo miti? siin jedhu. Kana hubachiistee guddisuuf ittigaafatamikee guddaadha; dirqamas. Yommuu kana yaada madaalawaa qabatanii guddatu. Ijoollee eenyummaashee beektu guddisuun biyyaafis bu’aa olaanaadha.

Bariisaa: Mee fuulduratti Komishinar Laliseerraa maal haa eegnu?

Komishinar Lalisee: Amma Komishinara KTOti. Erga hojii kana eegalee ji’oota sagali ta’eera. Komishinichi kaka’umsa koofi Pirezdaantii Shimallisiin hundeeffame. Yaadarraa ka’uun dhaabbata hundeessineerra. Biraandiin keenya ‘Visit Oromia’ jedhu beekamaa dhufeera. Oromiyaan naannoo namni itti ajjeefamuufi reebamu, ummannisaa garajabeessa taasifamee fudhatamaa ture. Rakkoleen garagaraa jiraachuu malu; ilaalchi kun garuu gonkumaa ummata Oromoofi Oromiyaa bakka hinbu’u. Oromiyaan biyya daran diqisiistuudha. Kana beeksisuudhaafi kan hundoofne. Waggoota shanan dhufanitti Oromiyaan Itoophiyaa keessaa bakkeewwan hawwata turistiitiin sadarkaa duraarra akka dhuftuuf ni hojjenna. Waggoota 15 keessatti ammoo Afrikaarraa tokkooffaa taasisuuf hojjenna.

Turistiin biyya alaadhaa ni dhufa. Finfinneen magaalaa keenya. Yoo xiqqoo gadi baatee, haroofi lageen naannawaashee jiran Oromiyaa keessa jiru. Kun ta’ee utuu jiruu garuu bakkee hawata turistii jedhamee kan fudhatamu gara kaabaafi darbee kibbaati. Itoophiyaan garuu kana qofa miti. Oromiyaa keessa gaarreen miidhagootu jiru. Fagoo hindeemin, mee Finfinneedhuma fudhu. Tulluun Erar, Dhaamochaafi kkf ni jiru. Yoo xiqqoo achi baate harowwan Bishooftuu, Wancii, Dandii ni jiru. Baalee, Paarkii Awaash, aadaa Karrayyuu… argu dandeessa. Wanti Oromiyaan hinqabne tokkoyyuu hinjiru.

Hanga yoonaa haalli ture kan dhiibu waan tureefi nutis of kenninee akka naannootti waan itti hinhojjenneef itti hinfayyadamne.

Hawata turistii Itoophiyaa gaafa jedhamu Aksumiifi Laalibalaa qofti eeramuu hinqaban. Gaarreen, tulluwwan, haroowwan, burqaawwan,  biqiltuuwwan, simbiroonni Oromiyaa beekamuu qabu. Namni biqiltuu bunaafi mukkeen baay’ee ilaaluuf Iluubbaabooraafi Wallaggaa deemuu qaba. Boorana paarkiin biyyaaleessaa akka jiru namni hinbeeku. Kanaaf akka waliigalaatti damee turizimiitiin Oromiyaan akka beekamtu waanin danda’e hunda nan hojjedha; nan milkaa’as jedheen abdadha.

Bariisaa: Bakka jettan ga’uuf tattaaffiin taasisaa jirtan maal fakkaata? Hojii isin ‘Visit Oromia’ jettanii hojjettanoo maalirra jira?

Komishinar Lalisee: Hojii inni duraa waajjira hundeessuudha. Waajjira hiturredha kan hundeessine. Gamoo sirreessuu, hojjetaa miindeessuutti turre. Ittaansuun amma karoora tarsiimowaa waggaa shanii qopheessaa; gara xumuraa qaqqabeera; torban lama caalaa hinhafu. Hojii hojjennu keessatti carraa hojii namoota kuma 500 oliif uumuu karoorfanneerra. Hojiilee beeksisaafi maarkeetingii eegalleerra. Biraandii ‘Visit Oromia’tiin fuulawwan miidiyaa hawaasummaa banuun suursagaleewwan maxxansuu eegallerra. Miidiyaa idileettis fayyadamuun bakkeewwan hawwata turizimii akka agarsiifaman taasisaa jirra.

Hojiin ittaanu misooma bakkeewwan turistiiti. Fakkeenyaaf Iluubaabbooraa qabeenya bosonaa danqisiisaa qabdi. Finca’aan jira; daran magariitudha. Garuu namni baay’inaan deemee daawachuuf wanti mijataan hinjiru. Daandiin, bakki bultiifi wantonni akka turistiin achi turu taasisan hinguutamne.

Kanarraa ka’uun bu’uura kallattii pirezdaantiin Oromiyaa kennaniin seera hariiroo mootummaafi namoota dhuunfaa (Public Private Partnership) baasuuf jenna. Kana jechuun mootummaan ittigaafatamummaadhaan waan isarraa eegamu taasisaa, damee dhuunfaa hirmaachisuun bakkeewwan hawata turistii misoomsuuf seera qopheessaa jirra, dhihootti raggaasisuun waggaa dhufu hojiirra ooluu eegala. Kun maaliif gargaara yoo jedhame mootummaan qofaasaa bakkee hundumaa misoomsuu hindanda’u. Oromiyaan ofisheeyyuu biyya. 

Sululawwan Oromiyaa keessatti beekaman Laangaanoo, Shaalaafi Abijaataafaadha. Sochiin naannawaa sanaa haala wayitiirraa kan ka’e amma laafeera. Sululawwanmisoomsuun hojii keenya isa duraati. Paarkiin Gaarreen Baalee bakkee ajaa’ibsiisaadha. Haala qilleensaa cabbiirraa kaasee hanga gammojjitti kan qabu, bineensoti achi jiran, haalli taa’umsashee daran bareeda. Wanti nama gaddisisuu garu godina sana hoteelumti kana jedhamullee hinjiru. Kanaaf Baalees bakkee hawata turistii isa biraa taasisu barbaanna. Haaluma kanaan Jimma, Wallagga waliigala bakkeewwan buna baay’inaan qaban misoomsuuf hojjenna. Kanneen irrattis dizaayiniiwwan hojjechiisaa jirra.

Kan biraan sarara Harargeerrammoo Karrayyuu, Paarkii Awaash qabannee, holqawwan jiran hawata turistii Dallaa Jagool waliin walqabsiisuun ni hojjenna. Paarkii Biyyaaleessaa Booranaas Koonsoofi Oomoo Kibbaa waliin walqabsiisuun bakkee hawataa taasisuuf ni hojjetama. Booranni qabeenya simbirootaa ilaalamanii hinquufmane qabaachuun biyyattii keessaa tokkaffaadha. Haala kanaan bakkeewwan jedhaman kanneenitti rizortiiwwan akka ijaaramaniif ni hojjenna. Hojii kana milkeessuuf naannoolee biroo waliinis ni hojjenna. Jalqabarratti Sidaamaa waliin kan eegallu ta’a.

Qabeenyi biraan kan haroo Wancii Dandiiti. Inni kun sagantaa maaddii biyyaatiin qabamuun isaa carraa guddaadha. Achirratti hojiin beeksisaafi turistii hawachuu kan komishinii keenyaati.

Hojii inni biraan immoo misooma naannawaa Finfinneeti. Daandii Qilleensa Itoophiyaa waliin hojjechuuf waliigalleerra. Karaa bakka buutotasaanii 120tiin  barreeffamoota Oromiyaa beeksisan nuu raabsuuf waliigalameera. Terminaala biyyooleessaarrattis wiirtuu odeeffannoo turistii hundeessuuf waliigalteerra geenyeerra. Dhihootti hojii kan eegaliu ta’a.

Daandii qilleensa Itoophiyaa waliin walqabatee dhaabbaticha bal’inaan kan deddeebisu imaltoota daddarban (transit)dha. Namoonni kunneenis sa’atiiwwaniif Itoophiyaa keessa ni turu. Yoo qabeenya turistii keenya beeksifanne garuu guyyaa tokko lamaaf Itoophiyaa keessa akka bulan taasisuu dandeenya. Kanaaf ammoo bakkeen mijataa eessa yoo jedhame Oromiyaadha; sababnisaa nuti gidduurra jirra.

Akkasumas barruulee daandiin qilleensaa qopheessu “Selamta’ jedhamurratti bakkeewwan hawata turistii Oromiyaa akka maxxaffaman hojiisaa xumurreerra.

Kana malees Booleetti wiirtuu odeeffannoo turistii guddaa fuulleerratti banuuf yaadneerra. Ani yeroo mara bakka sirriitti mul’atuufi qixxa lamaan Boolee  jiraachuu qabna jedheen amana. Finfinneen kan keenya, kan ummattoota birootis. Wanti Oromoo agarsiisu baay’inaan Finfinnee keessa jiraachuu qaba. 

Bariisaa: Oromiyaas taatu Itoophiyaan qabeenya turizimii guddaa qabaattus irraa hinfayyadamne. Maaliif laata?

Komishinar Lalisee: Kanaaf sababa guddaa kan ture siyaas dinagdee biyyattiin ittiin gaggeeffamaa turteedha. Yeroowwan darban keessatti wanti baay’ee kan xiyyeeffatu gara kaabaatti. Aadaan, seenaaniifi ibsamawwan biyyattii garagaraa kan bocaman Kaabarratti hundaa’uun. Akkasumas, bu’uuraaleen misoomaa gara sanatti fooyya’oodha. Sagantaa balalii Daandii Qilleensa Itoophiyaallee yoo ilaalate kan baay’atu gara sanatti. Yoo xiqqaate guyyaatti lama sadii inuma qaba. Siyaas dinagdeen kutaalee biyyattii kaan hinhammanneefi hinhirmaachisnemmoo Itoophiyaa jabduu ijaaruu hindanda’u.

Bariisaa: Hawaasni aadaa daawachuu hinqabu jedhamee yeroo baay’ee ni ka’a? Dhuguma hawaasatu hindaawatumoo haala mijataatu hinjiru?

Komishinar Lalisee: Damichi mootummaarraa xiyyeeffannaa dhabuun isaa hawaasnis xiyyeeffannaa akka itti hinkennine taasisa. Utuu itti hojjetamee turizimiin madda galii dinagdee isa olaanaa ta’a ture. Nuti gaafa carraa hojii kuma 500 banna jennu namni ni kolfa. Garuu hojichi walqabataa waan ta’eef carra hamma kanaa uumuun salphaadha. Bakkeewwan hawataa jiraannaan, daawwachiistoonni, hoteelota keessa namoonni hojjetan, kanneen konkolaataa qopheessan, kanneen nyaata bilcheessan, hojii ijaarsaa kan hojjetan, meeshaalee aadaa kan gurguraniifi kkfn fayyadamoo ta’u.

Aadaan dawachuu ummataa rakkoo isa ijoo ta’uu baatuus hawaasni qabeenya naannawaasaa hubachuu dhabuun ni mul’ata. Fkn Haroo Wanciifi Dandii fudhadhu. Pirojektii maaddiin biyyaatiifiin gidduusaaniitti magaalaa turizimitu ijaarama. Wanciirratti Waldaan Ikkooturizimii Wancii waan jiruuf ummanni hubannaa qaba. Humni turizimii maal akka ta’e ni beeku. Fardeeniifi bidiruwwan ni kireessu, damma ni gurguru. Waan faayidaa argataniif naannawaasaanii ni eeggatu, turizimiin maal akka ta’es galeeraaf. Dhiheenyuma sana kiloomeetira 23 deemtee Dandii yommuu ilaaltummoo hawaasni quba hinqabu. Haroon Dandii lakkoofsa saddeet kan fakkaatuufi baay’ee kan bareedudha. Kanarrtti hojii lamatu nu eeggata jechuudha; beeksisuufi misoomsuu.

Gama biraatiin ummanni keenya aadaa imalanii bakkeewwan daawachuu hinqabu. Isarra bakkee waldhiphisaa keessa taa’e foon nyaachuufi buna dhuguu filata.

Bariisaa: Hojii keessan kana ummata biraan ga’uuf hojii isin miidiyaa wajjiin hojjetan maal fakkaata?

Komishinar Lalisee: KTO keessa namoonni hojjennu waliigala 35. Nuti qofaa keenya hojiiwwan jedhaman kanneen hunda galmaan ga’uu hindandeenyu. Hariiroodhaan hojjechuutti ni amanna. Kanneen keessaa miidiyaan isa tokko. Humni miidiyaan qabu olaanaadha. Kanaaf akaakuuwwan miidiyaa jiru hundatti fayyadamnee Oromiyaa beeksisuu barbaanna. Beeksisuu qofa osoo hintaane aadaan daawachuu ummatichaa akka dagaaguuf miidiyaatti fayyadamuu barbaanna.

Bariisaa: Hojii isin hambaalee haaromsurratti hojjetan ni jira?

Komishinar Lalisee:  Dhimmichi kallattiidhaan Abbaataayitaa Eegumsa Hambaaleefi Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa ilaallatus nutis waan hojjennu qabna.  Dhiheenyatti  dhaabbanni Ispeen yuroo kuma 160 ramaduun pirojektii Masaraa Kumsaa Morodaa haaromsuuf sochiin eegalameera; kana waliin hojjenna. Keessumaa xiyyeeffannaa addaa itti kennamee akka hogganamuuf hojii kallattii agarsiisuu, beeksisuufi hubachiisuu ni hojjenna. Fknf Masaraa Mootii Abbaa Jifaar Abbaataayitaa Eegumsa Hambaalee,BATOfi Imbaasii Ameerikaatu waliin hojjetaa jira. Yommuu dhumu nutimmoo yeroo Abbaa Jifaaritti jireenyi inni dhugumaa maal fakkaata isa jedhuuf dargaggoota bifa diraamaan agarsiisan gurmeessuu yaadneerra. Kanaan seenaa boodatti deebi’uun waan jiru agarsisuun muuxannoo dabarsuu yaadna. Kana akkuma pirojektichi dhumeen itti deemna.

Bariisaa: Abiddi tibbana Oromiyaa bakkeewwan addaddaatti ka’aa tureen  qabeenya turizimii baay’ee miidhaniiru. Rakkoon akkanaa akka hinuumaneef gama keessaniin maaltu hojjetamuu qaba jettu?

Komishinar Lalisee: Dhugaadha, abiddi yommuu ka’u waan baay’ee balleessa. Akka carraa ta’ee abiddiwwan ka’anii turan amma to’atamaniiru. Inni Erar guyyaa lamaaf ture; kan Cillimoos siffisaan ta’uu baatus to’atameera; warreen kaanis akkanuma. Maddi abiddawwan kanaammoo namtolchedha. Taateewwan akkanaa waa si barsiisanii darbu. Fuulduratti yommuu balaan akkanaa uumamu malli dafanii ofeeguu qophaa’uu mala. Keessumaa waqtiwwan gogiinsaatti hawaasa waliin qinda’anii hojjechuun dirqama. Jalqaba hubannoo ummataarratti hojjechuunis murteessaadha. Kanarratti nuti ga’ee kallattii qabaachuu dhabnus kanneen dhimmichi ilaallatu hunda waliin ni hojjenna; sababnisaa balichi damee keenya waan miidhuufi. Abiddimmoo kan ka’u biyya keenya qofaatti miti; Kaalifoorniyaatti wagga waggaadhaan abiddi ka’u dolaara miliyoonoota hedduu isaan dhabsiisa. 

Bariisaa: Dhumarratti ergaan dhaamuu barbaaddan yoo jiraate?

Komishinar Lalisee: Amma wanti ummata keenya biratti mul’atu wanti mootummaa bira jiru hundi yaraa, wanti mootummaan itti bu’e hundi diina Oromooti, fokkisaadha, ummataaf hinta’u ilaalchi jurunfataa ta’e jira. Namni gaafa mormu adda baasee osoo hintaane duuchaadhumatti morma. Ilaalchi akkanaa kun sirrachuu qaba. Ummanni Oromoo haala itti siyaasa, hawaasummaa, dinagdee, aadaafi dhimmoota garagaraa ilaalu sirreessuu qaba. Pirojektiwwan qarshii miliyoona hedduun ijaaramanii jireenya ummataa jijjiiran jiraachuusaanii ummanni hubachuu qaba.

Turizimiin immoo hojii mootummaatiin qofa hojjetamu waan hintaanef ummanni itti amanuu qaba. Kanaaf yoo xiqqaate turizimii siyaasarraa utuu adda nuuf baasanii, hojiilee jalqabne nuu jajanii nu waliin akka hojjetan barbaanna. Keessumaa aniifi waa’illankoo wantoota mijatoo hedduu dhiisnee dhufne. Itti gammadnes hojjechaa jirra. Yeroo kana namoonni dur Sabboontuu naan jedhan mootummaatti dhihaachuukoo yommuu argan gantuu naan jechuutti ka’an. Ani mootummaan kun dadhabinasaa waliin mootummaakooti jedheen amana. Garraamummaa isa kana qofa naaf haa balleessu malee inni ergamaadha jedhus hinqabu. Waanin takka itti amaneef immoo homtuu boodattis nan deebisu. Namoonni na qeeqaa turan, jalqabbiikoo arganiimmoo deebisanii na jajuu eegalaa jiru.

Kana jechuun dhimmoota itti mufachuu qaburratti hinmufatii jechuu miti. Sabboonummaan jireenya ummata keenyarratti jijjiirama yoo fiduu baate bu’aa hinqabu. Kanaaf Oromoon gara Safuutti deebi’uu qaba.

Oromoon ani amma argaa jiru Oromoo isa qulqulluufi qajeelaa argee guddadhe miti. Kanaaf qeeqa dhiisanii dhuguma ummata Oromoo ni jaalatu taanaan hojii bu’aa buusu hojjechuuf tattaafachuu qabu. Oromoo ani beeku yommuu waan gaarii argamu fuulduratti deemaa, isa dabe qajeelchaa isa deemudha. Oromoo isa maatiikoo ala jiru amman arge; innin ittiin boonaa ture nama biraa natti ta’eera. Kun gaarii miti, ummataaf hinfayyadu; isa guyyaa guutuu Oromookoo Sabakoo jennee lellisnu nu jalaa faalleessa.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You