Filannoo: Dirree falmii itti aanuu

Filannoon dirree falmiiti, dirree falmii karaa nagayaa. Dirree kanarratti  jaarmiyaaleen siyaasaa yaadaafi imaammata biyya ittiin bulchan qabatanii irratti walfalmu. Falmiin kun jiraachuuf ulaagaaleen barbaachisan ni jiru. Dimokiraasii, dirree dorgommii mijataa, bilisummaa qaama filannoo gaggeessu, al-loogummaa, baajetafi kkf.  

 Biyyi keenya filannootti deemaa jirti. Namni filannoo yeroo 6fa jedhaaan. Maaliif yeroo jahaffaa ta’a? Filannoowwan bara ADWUI sun yoo filannoodha jedhamanii fudhataman  kan isaan duraas bara Nugusaafi Darguu keessaa sunillee lakkaawamuu qabu. Isaanis filannoodha jedhamanii yeroofi qabeenyi itti baheera.

Wanti adda taasisu darguun, paartiinsaa tokkochi Isapaan, kophaasaa dorgomee kophaasaa filatame. ADWUI paarttii biraa maqaaf uumeefi filannoof waamee waggaa 6f kophaa moo’ate.

Lakkoofsa isaarraa namni dhimma baay’ee qabu hinjiru.  Maalumaafu waggaa jahaan booda barana filannoon gaggeeffamuufi. Galmeen gaggeeffamaa jira. Raga torbee kana baheen lakkoofsi namoota galmaa’anii akka barbaadametti hin jiru. Finfinneetti namni galmaa’e kuma 200 reefu gaha.  Buufataalee gara kuma 24tti galmeen hin jalqabamne. Yeroon galmee xumuramuuf  guyyoota muraasatu hafa. raawwiin kun waan namatti mul’isu qaba.

Filannoon baranaa kun kanneen duraatiin adda moo waluma fakkaata laata? Namni gaaffii kaasa; soda isa darbee irraa ka’uudhaan. Jaarmiyaalee siyaasaa Oromoon guguddoofi siyaasa biyya kanaa keessatti angafa ta’an filannoo kanarraa hafuunsaaniis gaaffii biraati. Wanti filannoo jedhu kun osoo nagaan nurraa darbee kan jedhanis xiqqaa miti. Jeequmsaafi rakkoowwan bara filannoo uumamaa turan duubatti deebi’anii yaaduudhaan.

Waan gara fuuldura ta’u beekuu baannus, filannoo yeroo 6ffaa kanaaf Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beellema qabeefiira; Caamsaa 28 fi Waxabajjii 5tti. Jaarmiyaaleen siyaasaa hedduun beellema kana fudhatanii duula “na filadhaa’ karaa adda addaa jalqabaniiru. Hundumtuu akka dubbataniifi yaadanitti  osoo hin taane akka hojiisaanitti murtii ummataa akka argatan hawwuufiin gaariidha.

Hawaasni yaadaasaanii dhageeffataa jira; yaadaafi gochaasaaniin walbiratti madaalaa jira. Kan yaada qabuufi kan yaada hin qabne addaan baafataa jira. Kan yaadniifi gochaansaa waliin deemuufi hin deemne xiinxaluurratti argama.  Kan murteeffate galmaa’eera. Kuun ammo irratti ilaalaa jira.

Filannoorratti milkii baayyee hinqabnu. Filannoon dimokiraatawaan hinturre. Korojoon filannoo maqfamaa ture. Sagaleen ummataa hatamaa ture. Ammuma filannoon dhufe walitti bu’iinsatu uumama. Lubbuu namaatu darba, dhiigatu dhangala’a. namatu hidhama. Kun hunduu ummatarratti soodaa uumeera.

Kan ummanni filate moo’ameeti kan ummanni hin filanne moo’aa ture. Kun barana ni ummama moo hinuumamu? Har’a irra taa’anii raaguun rakkisaadha. Garuu muuxannoo biyyaattiin qabdu gaarii miti.  Kan ummata sodaachisus kana.

Sodaa ummataa kanaaf kan deebii ta’u  hunda caala haala adeemsi filannoo itti hoogganamuudha. Kan biraa deebii kan ta’u namuusaafi sirna jaarmiyaalee siyaasati. Inni sadaffaan  ummata, ummata mirgaafi dirqamasaa adda baasee beekufi sirnaan itti fayyadamu. Filannoo nagayaa, haqa qabeessa, dimokiraatawaa ummanni murtiisaa karaa bilisaan irratti kennu yoo uumame, sodaan kun soda ta’ee hafa. Ummanillee ilaalcha shakkii filannoorratti qabu ni fooyyeffata.  

Akka ragaan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ifa taasisetti filannoo baranaarratti jaarmiyaalee hedduun ni hirmaatu. Silaahuu Xoobbiyyaan rakkoo biraa malee rakkoo baayyina jaarmiyaalee siyaasaa hinqabdu.  

 Filannoo bara kanaa keessatti dhaabbileen maqaa qaban lama hanga ammaatti akka hinhirmaannedha; kan ragaan ibsu.  Inni tokko Koongrasii Federaalistii Oromoo (KFO)dha. KFOn, filannoo ADWUI  keessatti yeroo hedduu dorgomaa cimaafi sodaatamaa ta’uun beekama. Bara 1997 teessoo baayyee argateera.  Jaamiyaan kun barana filannoo keessaa maaliif bahe jedhanii namoonni hedduun ni gaafatu. Piroofeesar Mararaanis si’a hedduu deebii itti kennaniiru. Garuu alatti hafuu wayya moo dorgommii keessa galanii ilaaluu wayya? Deebiisaa Piroofeesar Mararaafan dhiisa. 

 Kan Dorgommii keessaa bahe jaarmiyaan biraa Adda Bilisummaa Oromooti (ABO). ABOn Filannoo bara mootummaa ce’umsaa jalqabeet haalasaa ilaalee keessaa bahe. Isaan booda Wayyaaneen  filannoo keessaa qofa osoo hin ta’in  biyyaahuu baaste. Waggaa hedduu booda bara 2011 biyyatti deebi’e. Filannoo bara kanaa keessatti  hirmmaatee dorgomaa cimaa ta’a jedhamee yaadamus hin taane. Maaliif filannoorraa hafe?  Kanaaf akkuma Proofeesar Mararaa Obbo. Daawiid Ibsaa miidiyaarratti yaada adda kennaa turan; hidhamuu hoggantootaa, cufamuu waajjiraafi kkf. Booda hooggantoonni dhaabatichaa bakka lamatti qoodaman. Asittis gaaffin ka’u ni jira? Haaluma jiru keessatti hirmaachuu wayya moo gonkumaa dhiisuu? Murtiin kan dhaabbatichaati.

Jaarmiyaaleen lamaan kunniin filannoorraa afuunsaanii siyaasa biyyattii keessatti maal fiduu danda’a laata?  Kan bulanii waliin ilaalan ta’a.

Jaarmiyaalee filannoof qophaa’aa jiran sadarkeessanii ilaaluun gaaridha. Kan filannoon angoo qabachuuf kaatus kanneen kaatanii kaachisiisanis martuu jarmiyaalee siyaasati, maqaan isaanii. Kan deeggartoota miliyoona lakkaawamu qabus tarii kan dhibbaan lakkawamu qabus, kan maallaqaafi beekumsa qabus, kan mallaqaanis beekumsaanis iyyoome maqaansaanii jaarmiyaalee siyaasati. Kanneen miseensota biyya dhiisii manasaanii  sirritti hinbulchinen gurmaa’ani jaarmiyaa sisaati.  Silaa kan ta’uu malu jaarmiyaalee siyaasaa ciccimoo qabaachuudha. Lakkoofsarra  qulqullinatu filatama. Addunyaarratti muxxannoon jiru bara filannoo jaarmiyaaleen siyaasaa yaada walitti dhihoo qaban walitti baqanii ykn walitti makamanii humna horatanii ummatatti ba’u. Kan keenya faallaa kanaan jira. Kaayyoo walitti dhihaatu osoo hin taane kaayyoo walfakkaatu qabaatanii gargar qoodamu. Kun rakkoo  guddaa biyyattii qabdu.

Duubatti isin haa deebisu. Filannoowwan biyya kana keessatti adeemsisaman keessaa filannoon qalbii namaa harkise filanoo bara 1997ti. Filannoo kana keessatti dorgomtoonni ciccimoon jarmiyaalee siyaasaa sadii qofa turan. ADWUIn, aangoo mootummaa qabate, hanga tokko carraa dorgommii filannoo ukkaamsee ture saaqee ture. Kanaan jaarmiyaan cimaan akka Qinijjiit  hundaa’eera, Qinijjitti jaarmiyaalee yaada walitti dhihaatu qabantu walitti makamee hundeesse.  Jaarmiyaan cimaan kan bira Gamtaa Humnoota Dimikiraasii Xoobbiyaa ( United Ethiopian Democratic Forces) kan jedhamudha.  Gamataa kana keessatti  inni guddaan KFO ture. ADWUI isa dorgomee dorgomsiisu. Falmiin  jaarmiyaaleen sadeen taasisan xumurrisaa gaarii ta’uus baatu kan miirraa qabu ture. Baranas osoo  gara kanatti dhufamee turee gaariidha.  

Filannoo baranaa keessatti dirreen walfalmii guguddaan eeggaman ni jiru. Addi wal-falmii inni duraa Magaalaa Finfinneeti. Kan sagalee caalmaa irratti argachuuf dorgomtoonni guguddoon irratti walfalmu; akkuma bara 1997 sana. Gutumaa guututti moo’achuu wanti jedhu waan jiru hin fakkaatu. Paartiin biyya bulchaa jjiru, Badhaadhinni, Finfinneeraa fedha addaa qaba.  “EZEMA’n  yaadannoo bara 1997 hubannoo keessa galchuudhaan “dirree taphaa kan kooti, irratti hinmoo’amu” jedhee hin yaadu hinjedhamu. Sochiin Ummata Amaraa (MNM)fi duubadeemtonnishii Baldaraasfaan fedhii cimaa irraa qabu. Ummanni magaalattii ammo akka salphaatti mirgasaa dabarsee hin kennu. Injifannoon  magaalaa guddittiifi wiirtuu dinagdee biyyaa taate kana keessatti argamu  bifa siyaasa biyyattii jijjiruu danda’a.

Dorgommiin filannoon Naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamus akka salphaatti kan ilaalamuu miti. Waldorgommiin Badhaadhina Amaaraafi Sochii Ummata Amaaraa jidduu jiru akka laayyotti kan ilaalamuu miti. Beektonni tokko tokko bu’aan filannoo naannoo sanatti dhufullee daandii siyaasa biyya kanaa jijjiruu danda’a jedhanii tilmaamu.

Filannoon ‘iqubee nyaatame” jedhamu kan naannoo Oromiyaati. Badhaadhinni Oromiyaa yoo magaalota muraasarratti dorgommii dadhabbaan isa qunname lash jedhee rafee gaafa filannoo irribaa ka’ee sagaleesaa lakkaawwachuu danda’a. Gaafa ABOfi KFOn filannoo keessaa hafan  ‘forfeedhan’ moo’achuusaa mirkaneesse.

Al tokko tokko herrega hin taane keessa wanti nama galchu ni jira. Finfinneen yoo Badhaadhina harkaa baate maaltu ta’uu mala laata?  Isa bara 1997 sanaan yoo walbiratti ilaalan. Naannoo Amaaraati osoo ANM moo’atee Badhaadhinni maal ta’a? Osoo Filannoon kun Badhaadhina harkaa bahee biyyattiin maal taati? Eenyuufi eenyutu walitti dhufee mootummaa hundeessa?  Maalumaafu altokko tokko herega ‘foormulaa’ hin qabnes hojjetanii ilaaluniif itti yaaduun gaarii ta’a; “osoo kana ta’ee hoo?” jedhanii. Keessattuu warri keenya digrii 360 yaaduu qabu. Qalbii horachuun barbaachisaadha.

Torban gaarii !

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You

About the Author: wendimagegn