Qabeenya mootummaa tajaajilaan ala teesisuun nama gaafachiisa

Natsaannat Taaddasaatiin

Adeemsa bittaafi bulchiinsa qabeenya mootummaa federaalaa waajjiraalee 190 hordofuufi to’achuun hojiilee gurguddoo Ejensiin Bittaafi Bulchiinsi Qabeenyaa raawwachaa jiruudha. Kana malees  seerota adeemsa bittaa baasuun hojiirra ooluufi dhiisuusaa hordofuun rakkoolee mul’atan labsii, qajeelfamaafi dambiidhaan akka furamu gochuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.  

Ittaanaa Daarikteeraa ejensichaa Obbo Ittisaa Damee gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, bittaa adeemsisuufi qabeenya mootummaa federaalaa bulchuufi qabeenya mootummaa tajaajila malee taa’an maqsuun ykn dhabamsiisuun  hojiilee gurguddoo ejensichi raawwachaa jiruudha. Kana malees bittaafi qabeenya maqsuurratti dhaabbilee misoomaa muutummaas ni gargaara. Ejensichi waajjiraalee mootummaa naannoleefi bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaafis   leenjiifi deggersa gara garaa taasisaafii jiraachuu dubbatu.

Bittaan adeemsifamu ‘istiraateejikiifi fireem woorkii’ jedhamuun bakka lamatti kan qoodaman ta’uu himanii, bitttaan istiraateejikii ajaja mootummaatiin kan bitaman kanneen akka qamadii, konkolaataa, maashiinaroota adda addaati. Bittaan fireem woorkii ammoo bittaa  waliigaltee waggaa tokkoo hanga sadiitti bitamee waajjiraalee mootummaa federaalaafi yunivarsitootaaf raabsaman kanneen akka  isteeshinerii, elektirooniksii, meeshaalee biiroo keessatti waliin ykn dhuunfaa  ittifayyadamnuu ta’uu danda’u jedhu.

Meeshaalee waajjiraalee mootummaa federaalaa adda addaa keessa tajaajila malee taa’an, yeroo tajaajilasaanii xumuraniifi waajjirri sun itti fayyadamaa hinjirre  maqsuun ykn dhabamsiisuunis hojiilee ejensichi raawwachaa jiruudha. Meeshaaleen kunneen karaa addaddaa jechuunis kennaa, gurgurtaa, gubuu, awwaaluufi dabarsuudhaandhabamsiifamu. Karaalee meeshaaleen ittiin dhabamsiifaman keessaa sirriitti hojiirra oolee kan jiru kennaafi gurgurtaadhaan dhabamsiisuudha.   Qabeenya itti hinfayyadamne waajjira biraaf dabarsuudhaan qabeenyicha akka ittti fayyadamuufi bulchu taasisuun kennaadhaan qabeenya dhabamsiisuu waliin walitti dhiyeenya qaba jedhu.

Waajjirri federaalaa tokko meeshaalee tajaajila malee taa’an ykn itti fayyadamaa hinjirre kan qeenxeedhaan qarshii kuma shaniifi isaa gad baasuufi walitti qabamee qarshii kuma 500fi isaa gad baasu ofiisaatii dhabamsiisuu danda’a kan jedhan Obbo Ittisaan, meeshaalee tilmaamnisaanii kan jedhameen ol ta’an ammoo ejesichatti galmeessisuun akka maqfaman gochuu danda’a. Waajjiraaleen mootummaa konkolaataarraa jalqabee qabeenyawwan tajaajila malee taa’an maqsuurratti qooda guddaa kan qaban ta’uus eeraniiru.

Ejensichi bittaan waajjiraalee mootummaa federaalaa seera bittaa eeggatee bitamuufi tajaajila malee kan taa’u gurguramee mootummaaf galii ta’uusaa kan hordofuufi to’atu ta’uu himanii, adeemsi bittaas odiitaroota bittaa ejensichaafi odiitaroota alaatiin to’atama. Bittaa meeshaalee adeemsisuun dura ejensichi caalbaasii sadarkaa biyyoolessaa eeggate baasa. Qulqullinni meeshaalee tokko tokko laaboraatoorii darbuun waan mirkanaa’aniif qaamolee sadarkaa qulqullinaa mirkaneessan gara garaa waliin hojjechaa jiraachuu himu. 

Sadarkaa qulqullinaa waliigalteerra jiruun meeshaalee dhiyeessuu dhabuun rakkoo bittaa gama dhiyeessitootaatiin mul’atu ta’uu himanii, sadarkaa qulqullina meeshaalee dhiyaatanii ogeessotaan ilaalchisanii fudhachuu dhabuun ammoo rakkoo waajjiraalee mootummaa tokko tokko biratti mul’atuudha. Sadarkaan qulqullina meeshaalee akkaataa waliigalteerra jiruun dhiyaachuu dhabuufi waajjiraaleenis sadarkaa qulqullina meeshaalee dhiyaataniifii ogeessotaan ilaalanii fudhachuu dhiisuun rakkoolee bittaan walqabatanii mul’ataniidha.  Sababa kanaan meeshaaleen hedduun waggaa utuu hinguutiin tajaajilaan ala ta’aa jiraachuu eeru.

Sadarkaan qulqullina meeshaalee laaboraatooriifi ogeessotaan adda baafaman jiraachuu himanii, waajjiraaleen mootummaa rakkoo bittaa meeshaaleerratti isaan mudatu furuudhaaf sadarkaa qulqullina meeshaalee bitanii akkaataa waliigalteerra jiruun dhiyaachuufiisaa ogeessota qabatanii dhaquudhaan mirkaneeffatanii fudhachuu qabu. Sadarkaan qulqullina meeshaalee akkaataa waliigalteerra jirutti hidhiyaatne taanaan meeshaalee dhiyaatan fudhachuu dhiisuun (deebisuun) kan danda’amu  ta’uu himu.

Caalbaasiin tokko bahee qilleesarra ooluuf yoo xiqqaate guyyoota 35 fudhata. Sadarkaa qulqullina meeshaalee bitamanii mirkaneessuun ammoo hanga ji’a sadii fudhata. Caalbaasiin ba’es guutummaattis kufuu danda’a. Caalbaasiiin waggaa keessatti hanga yeroo sadii baafnutu jira. Kun ta’eeyyuu haala barbaannu sanaan milkaa’uufi milkaa’uu dhiisuu dandeenya. Sadarkaan qulqullina meeshaalee caalbaasirratti eerame kan gabaarra jiru waliin walsimuu dhabuufi warri caalbaasiirratti hirmaatan hundi darbuu dhabuun rakkoolee gurguddoo bittaan meeshaalee akka duubatti harkifatan taasisaniidha jedhu.

Ogeessotni bittaa mindaa fooyya’aa argatanii hojii gadlakkisanii deemuun rakkoo ejensicha mudachaa jiru ta’uu himanii, dhiyeenyuma kanayyuu ogeessotni ejensichaa bittaa tekinikiitiin ogummaa leenjii gara garaa qaban shan mindaa fooyya’aa argatanii deemaniiru. Hanqinni humna nama ejensichi  hojii itti kenname ga’umsaan akka hinraawwanne taasisuudhaan bittaan meeshaalee akka duubatti harkifatu kan taasisu ta’uu himu.

Gatii meeshaalee kan qoratu Ejensii Istaatiksii Giddugaleessaati. Ejensichi gatii meeshaalee hundaa nuuf erguu dhabuun, meeshaaleen barbaadaman gabaarraa dhabamuun, waajjiraaleen mootummaa karoora bittaa meeshaalee yeroon ejensii bittaaf dhiyeessuu dhiisuun, qaama meeshaalee dhiyeesseef qarshii yeroon kaffaluu  dhiisuufi meeshaalee dhiyaataniif yeroon kaasuu dhiisuun rakkoolee biroo bittaa meeshaalee waliin walqabatanii mul’ataniidha. Karoorri bittaa meeshaalee yeroon dhiyaachuu baannaan warri meeshaalee dhiyeessan karooraan ala waanuma isaanitti fakkaate akka hinfidneef waajjiraaleen mootummaa karoora bittaa meeshaalee waggaa dhufuu dafanii galchuu akka qaban yaadachiisu.

Bittaan walqabatee rakkoolee gurguddoon waajjiraalee mootummaa biratti mul’atan karoora bittaa yeroodhaan dhiyeessuu dhabuu, qulqullina meeshaalee bitamanii ogeessotaan ilaalanii fudhachuu dhiisuufi kaffaltii yeroodhaan raawwachuu dhiisuudha. Dhuma bara bajataatti meeshaalee baay’ee hinbarbaachifne ykn mankuusa keessa utuu jiranii qarshii guddaadhaan dabalanii bituun rakkoo waajjiraalee mootummaa tokko tokko biratti mul’atuudha. Kun qabeenya mootummaa seeraafi qusannaan ittifayyadamuurratti rakkoo waan uumuuf waajjiraaleen mootummaa gocha akkasiirraa of qusachuu akka qaban yaadachiisu.  

Waajjirri mootummaa tokko bajata itti hinfayyadamne dhuma bara bajataatti deebisuun seeraan alummaa miti. Bajaticha waan itti hinfayyadamneef garuu ifa taasisuu qaba. Bajaticha waajjirri biraan akka itti hinfayyadamne of biratti qabuufi itti fayyadamuu dhiisuun akkuma waajjiricha gaafachiisu karoora malee bittaa raawwachuunis isa gaafachiisa. Bajata itti hinfayyadamne dhuma waggaatti sababa itti hinfayyadamneef waliin deebisuun rakkoo waan hinqabneef dhuma bara bajataa Waxabajjiitti bittaa hinkaroorfanne taasisuun sirrii miti jedhu.

Waajjiraaleen mootummaa hedduun amala meeshaalee hojii malee taa’an dhabamsiisuu ykn maqsuu hinqaban. Akka seeraatti garuu meeshaalee itti hinfayyadamneefi tajaajila malee taa’an kennaadhaan ykn gurgurutaadhaan  dhabamsiisuu qabua. Meeshaaleen tajaajilaa malee taa’an  maqsuun ykn dhabamsiisuun qulqullina bakka hojiifi mooraa waajjiraalee eegsisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeru.

Meeshaalee itti hinfayyadamne maqsuu dhiisuun ittigaafatamummaa ofii bahachuu dhabuu dhiisuurraa madda kan jedhan Obbo Ittisaan, ittifgaafatamtoonni haaraan ani meeshaa waggaa dheeraaf tajaajila malee ture yoon maqse nagaafachiisa jedhanii dhiisu. Kan isaan gaafachiisu garuu meeshaan sun bona aduudhaan ganna ammoo bokkaadhaan badaa jiraachuudha.  Kanaafuu waajjiraaleen meeshaa itti hinfayyadamne gurguruudhaan ykn waajjiraalee biroodhaaf kennuudhaan maqsuu ykn dhabamsiisuu akka qaban gorsu.

Itoophiyaatti keemikaalota dhabamsiisuun walqabatee seerri bahe hinjiru Keemikaalotni yoo gubaman qilleensa, yoo awwaalaman biyyeefi bishaan lafa jalaa waan faalaniifi waggoota dheeraaf lafa keessa waan turaniif of eeggannoo cimaadhaan dhabamsiifamuu qabu. Kanaan dura yeroon tajaajila keemikaalotaa irra yoo darbu biyyuma dhufetti deebi’e  dhabamsiifamaa ture. Yeroo ammaa biyyootni keemikaalota gara garaa nutti gurguran keemikaalota yeroon tajaajilasaanii irra darbe nurraa fuudhanii dhabamsiisuu didaniiru jedhu.

Yeroo ammaa keemikaalonni baay’een yunivarsitoota dabalatee waajjiraalee mootummaa gara garaa keessa jiraachuu himanii, hospitaalota gara garaa keessas qorichoonni yeroon tajaajilasaanii irra darban hedduun tuulamanii jiru. Keemikaalotaafi qorichoota yeroon tajaajilasaanii irra darbe utuu miidhaa hinqaqqabsiisin dhabamsiisuuf qorannoo guddaa barbaadaa waan barbaaduuf akka biyyattis seera waan barbaaduuf ogeessonniifi beektonni yunivarsitiiwwan gara garaarra walitti dhufanii seera ta’ee akka biyyaatti kan tajaajilu qopheessaa jiru. Labsiin keemikaalota dhabamsiisuuf qophaa’aa jiru yeroo ammaa mana maree ministeerotaa qaqqabee jira jedhu.

Keemikaalonni tokko tokko yoo dhabamsiifaman naannawaa, qilleensa, bishaaniifi biyyee waan faalaniif akkasumas umurii dheeraa lafa keessa waan turaniif bishaan lafa jalaallee faaluu danda’u waan ta’eef keemikaalota akkasii biyya keessatti  dhabamsiisuun of eeggannoo cimaa barbaada. Tekinolojiin biyya keessatti utuu miidhaa hinqaqqabsiisin keemikaalota ittiin dhabamsiisan dhufnaan keemikaalotaafi qorichoota yeroon tajaajilasaanii irra darbe biyya keessatti dhabamsiisuun kan danda’amu ta’uu himu.

Ejensichi tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennuudhaaf hojii maanuwaaliirraa gara dijitaaliitti ce’uuf hojjechaa jiraachuu himanii, bittaan meeshaalees maanuwaaliidhaan utuu hintaane dijitaaliidhaan akka adeemsifamuuf sooftiweeriin tokko qophaa’aa jiru yeroo dhiyootti hojiirra kan oolu ta’a. Ejensichi kaayyoo hundaa’eef dhugoomsuuf qaamolee waajjiricha waliin hojjetan waliin hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You

About the Author: wendimagegn