Gahee dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qaban

Natsaannat Taaddasaatiin

Kitaabni Qorannoo ‘Sirna Gadaafi Mirgoota Dubartootaa’ jedhu Yunivarsitii Mattuutti Gargaaraa Pirofeesara Seeraafi Yunivarsitii Finfinneetti Wiirtuu Mirgoota Namoomaatiin digirii sadaffaa barachaa kan jiran Muluqan Kaasaahuuniin barreeffame Wiixata darbe Finfinneetti eebbifameera. Hayyoonni seeraa, seenaa, aadaafi keessummoonni garagaraa sirna eebba kitaabicharratti  argamaniiru. Kitaabni qorannoo kun akka qophaa’uuf deggersa kan taasise dhaabbata mit mootummaa ‘Center for Advancement of Rights and Democracy (CARD)’ jedhamuudha.

Barreessaan kitaabichaa akka jedhanitti, qorannichi godinaalee Oromiyaa 12fi Naannoo Amaaraatti Godina Saba Oromoo tokko keessatti kan adeemsifame yoo ta’u, ji’a sagal fudhateera. Kitaabni qorannoo Afaan Ingiliffaatiin qophaa’e kun Afaan Oromoofi Afaan Amaariffaatti hiikamee ji’a tokko keessatti dubbistoota bira kan ga’u ta’a.

Akka qorataan kun jedhanitti, qabiyyeen kitaabichaa Sirna Gadaa keessatti gahee dubartoonni migasaanii kabachiisuufi nageenya mirkaneessuu keessatti qabanirratti xiyyeeffata. Siinqeen dudhaalee Sirna Gadaa keessaa tokko yoo ta’u, mirga dubartootaa kabajchiisuufi walitti bu’iinsa furuun araara buusuu keessatti gahee olaanaa qaba. Haadholiin siinqee mirgi dubartii tokkoo tuqame jechuun mirgi dubartoota hundaa tuqameera jedhanii waan amananiif hiriira bahanii kan mirga dubartii dhiibe ykn tuqe sun seera aadaatiin akka adabamu taasisu.

 Haadholiin siinqee walitti bu’iinsi yoo mudate walitti yaa’anii siinqee (ulee qalloo) qabatanii jiran yoo ol kaasan lolli ykn walitti bu’iinsi sun battalumatti dhaabbata. Abbaan warraa tokko yoo haadha warraasaa arrabse, reebe ykn miidhaa qaamaa irraan gahe haadholii siinqeetiin adabama. Badii raawwateefis dhiifama gaafata. Eebbas ta’e abaarsi haadholii siinqee nama qaqqaba jedhamee waan amanamuuf baay’ee sodaatamu, kabajamus.  Siinqee (ulee qalloo) dubartiin heerumte qabattuudha. Dubartiin siinqee qabattuuf kabajaa guddaatu kennamaaf jedhu. 

Oromoon yoo mammaaku “Kabajni ilma namaa dubartiidha” jedha. Aadaa Oromoo keessatti dubartiin biiftuutti yoo fakkeefamtu dhiirri ammoo ifatti fakkeeffama.  Kana jechuun ifa (dhiira) kennu biiftuu (dubartiidha). Biiftuu malee ifni aduu akkuma hinjirre dubartii malee dhiirri hinjiraatu. Kanaafuu dhiironni dubartoota kunuusuufi kabajuu qabu. Oromoon haadha dacheetti fakkeessa. Dacheen dhalootaa hanga du’aatti baattee nama soortu, haatis akkasuma dhalashee baattee soorti. Oromoon Waaqaa gaditti dachee safeeffatee kabaja. Haatis akkuma dachee kabajaafi ulfina maluuf argachuu qabdi.

Akka Sirna Gadaatti dubartiin tokko duute jechuun akka waan namootni sagal du’aniitti waan lakkaa’amuuf dubartiin waraanarratti hinirmaattu. Yeroo nama tokko himatanis ragaa hingaafataman. Kun Sirbni Gadaa dubartootaaf iddoo guddaa kan qabu ta’uu agarsiisa jedhu.

Sirni Gadaa dubartoonni qabeenyaa akka horatan taasisuu keessattis gehee olaanaa qaba. Mucaan dhiiraa ykn durbaa yeroo dhalatu/ttu maatiin ykn firootni kennaa ‘handhuuraa’ jedhamu daa’ima dhalateef/tteef kennu. Kennaan kun loon yoo ta’u, qabeenya dhuunfaati. Dubartiin tokko yeroo heerumtu kennaa handhuuraatiin ala loowwan maatiifi firoota isheetiin kennamuuf ammoo ‘Horii Siinqee’ jedhama. Kunis qabeenya dhuunfaa isheeti. Kuni dubaroonni qabeenyaa horatanii dinagdeedhaan akka of danda’an taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbatu.

Dubartoonni Sirna Gadaa keessatti Haadha Siinqee, Haadha Urjii, Haadha Nagaa, Haadha Garbiifi Haadha Gadaa jedhamuun gahee hojii geggeessummaa gara garaa qabu. Hojii Haadha Siinqee mirga dubartootaafi nageenya eegsisuu yoo ta’u, hojiin Haadha Urjii ammoo walqixxummaa mirga dubartootaafi dhiirotaa ykn shamarraniifi dardaranii eegsisuufi dubartoonniifi ijoollonni duudhaalee Sirna Gadaa akka kabajaniif barsiisuudha. Haati Nagaa ammoo rakkoo dhiiraafi dubartii gidduutti uumame furuufi waraana dhaabsisuuf Haadha Siinqee waliin kan hojjettuudha.   

Gaheen hojii Haadha Garbii dubartoota walittiqabdee mariisisuufi qindeessuu yoo ta’u, kana malees ittigaafatamtuu kominikeeshinii dubartoota gahee hojii gara garaa qabaniiti. Haadha Gadaa kan jedhamtu haadha warraa Abbaa Gadaati. Gaheen hojii Haadha Gadaa ammoo dubartoota gahee hojii gara garaa qaban kunneen geggeessuufi to’achuudha. Kun dubartoonni Sirna Gadaa keessatti gahee hojii geggeessummaas kan qaban ta’uu agarsiisa jedhu.

Dubartoota malee Gadaan Guutuu guutuu hinta’u jedhama. Kun dubartoonni Sirna Gadaa keessatti gahee guddaa kan qaban ta’uu agarsiisa. Sirna Gadaa keessatti dubartoonni dhimmoota hawaasummaa, dinagdee,  siyaasaafi mirgoota namoomaa eegsisuurratti kan hirmaatu ta’uu agarsiisa. Kitaabichi qorannoo kanaan booda gahee dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qabanirratti taasifamuuf ka’umsa ta’a jedhu.

Seeronni mootummaan baasu hedduun sadarkaa biyyoota addunyaatti beekamtii kan qabaniidha. Seerri mootummaan baasu garuu haala qabatamaa aadaa sabootaafi sablammoota biyyaa waliin walsimuu qaba. Kana ta’uu baannaan hojiirra oolmaarratti rakkoo uumuu danda’a. Fakkeenyaaf Sirna Gadaa keessatti mirgi dubartii tokkoo yoo tuqame haadholiin siinqee hundinuu hiriira nagaa ‘Godaansa Siinqee’ jedhamu ba’u. Seera Siinqee keessatti mirgi dubartii tokkoo tuqamuu jechuun mirgi dubartoota hundaa akka tuqametti lakkaa’ama jedhu.

Haadholiin siinqee mirgi dubartii tuqame sun hanga eegamutti ykn waanti isaan gaafatan hanga deebii argatutti manatti hindeebi’an. Kana jechuun hojii dubartoonni mana keessaa hojjetan ni dhaabbata jechuudha. Akka seera mootummaatti namni  dubartiirratti yakka raawwate tokko idhaadhaan adabama. Adabbiin kun galiin namicha hidhamee waan addaan cituuf maatiisaas rakkoolee garagaraaf akka saaxilaman taasisa.  Sirna Gadaa keessatti garuu namni dubartiirratti yakka raawwate horiidhaan adabamee araaraan akka xumuramu ta’a. Kun maatiin nama yakka raawwatee rakkoo biraaf akka hinsaaxilamneefi hariiroon qaamolee lamaniis akkuma duraaniitti akka itti fufu taasisa jedhu.

Itoophiyaa keessa barmaatilee dubartootaafi daa’immanirratti miidhaa qaqqabsiisan 140tu adda bahanii jira. Mootummaan barmaatilee miidhaa qaqqabsiisan kunneen dhabamsiisuurratti malee aadaa ykn barmaatilee bu’a qabeessa ta’an babal’isuu, beeksisuufi hawaasni akka itti fayyadamu taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa hinjiru. Mootummaan seerota yeroo baasu biyyoota alaarraa akkuma jirutti waraabuu utuu hintaane haala qabatamaa aadaafi beekumsa sabootaafi sablammoota biyya keessaa waliin akka walsiman taasisuuf hayyoota aadaa waliin hojjechuu akka qabu dubbatu.

Hawaasni Oromoo keessumaa bakka aadaafi duudhaan Oromoo keessatti babal’atee jirutti mana murtii mootummaatti walhimachuurra karaa aadaatiin rakkoosaa furachuu filata. Duudhaa kana jajjabeessuufi babal’isuun gama biraadhaan hojii mana murtii mootummaa hir’isuu waan ta’eef aadaafi duudhaa kana guddisuu qabna jedhu.

Hirmaattonni eebba kitaabichaarratti argaman akka jedhanitti, mirgi dubartii tokkoo yeroo tuqamu akka waan mirgi dubartoota hundaa tuqameetti hiriira nagaa bahuun haadholii siinqee nageenyaafi mirga namummaa kabajchiisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Qorannon aadaafi duudhaan Oromoo irratti geggeeffamaa jirus cimee itti fufuu qaba. Gahee dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qaban ammoo mata duree qorannoo hedduun irratti hinadeemsifamne waan ta’eef kan jajjabeeffamuu qabuudha.

Aadaafi duudhaan keenya ammayyuummaadhaan faalamee akka hinbanneef hayyoonni aadaa, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqeefi qorattoonni aadaafi duudhaa sabichaa itti fufrsiisuu keessatti gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qabaniifi qorannoo aadaafi duudhaa hawaasichaarratti taasifamaa jirus cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.  

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You