‘’Kayyoon kiyya Lusiiwwan waancaa Afrikaaf dhaqabsiisuudha’’ -Loozaa Abarraa

Ispoortiin kubbaa miilaa addunyaa keessatti yeroo gara yerootti guddachaa kan deemeefi babal’achaa kan jiru ta’uun beekamaadha. Bu’uurri guddinaafi babal’ina sochii kubbaa miilaa addunyaa inni guddaan hirmaattotaafi  degartoota biiliyoona hedduutti lakkaa’aman qabaachusaatti.

Ispoortiin kun Itoophiyaattis dargaggoota biratti baay’ee jaalatamaa dhufuudhaan yeroo ammaa gandaa kaasee hanga sadarrkaa biyyaaleessaatti caasaan isaa diriiruudhaan bal’inaan geggeefamaa jira. Haata’u malee dandeettii garee kubbaa miilaa dubartootaa Itoophiyaaa sadarkaa Afrikaatti baay’ee gadi bu’aadha. Rakkoo gama kanaan jiru furudhaafis  yeroo gara garaa irratti mari’atamaa tureera.

Rakkoo garee kubbaa miilaa dubartota Itoophiyaa (Lusiiwwnii) ilaalchisuudhaan taphattuu pirofeeshinaalii kan taate Loozaa Abarraa waliin gaafideebii taasifne akka kanaa gaditti isniif dhiyeesineera.

Bariisaa: Dura bakka itti dhalattee guddatte utuu nuuf ibsitee?

Loozaa.  ALA Onkoloolessa 2 bara 1997 naannoo Saboota Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa, Magaalaa Duraamettin dhaladhee guddadhe.

Bariisaa: Ispoortii kubbaa miilaa akkamitti, eessatti jalqabde?

Loozaa: Ispoortii kubbaa miilaa daa’imummaa kiyyarraa kaaseen jaalladha. Magaalaan itti dhaladheetti dubartoonni kubbaa miilaa jaal’atan hinjiran. Kanarraa kan ka’e hanga umriin kiyya mana barumsaa dhaquuf ga’utti ijoollee dhiiraa wajjin kubbaa ‘carqii’ taphachaan ture.

Umrii ja’a wayitan ga’u mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa magaalaa Duurameetti galuudhaan dubartootaafi dhiirotaa wajjin walitti makamuudhaan  kubbaa miilaa taphachuun jalqabe. Isaan booda ispoortii kubbaa miilaarratti hirmaachaachuun jalqabe.

 Bariisaa: Ispoortii kubbaa miilaatiin yeroo gabaabaa keessatti akkamitti beekamtii argachuu dandeesse?

Loozaa: Tapha kubbaa miilaatiin akkan akkan beekamuuf bu’uura kan naaf ta’e mana barumsaa sadarkaa 1fa magaalaa Duraameetti. Haata’u malee taphawwan guutuu Itoophiyaa ALI bara 2004 magaalaa Adaamaatti gageefamerrtti yeroo jalqabaaf naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa bakka bu’uudhaan dorgommii kubbaa miilaa dubartootaarratti hirmaadhe.

Yeroo sana sochii gaarii taasisuudhaan pirojektii kubbaa miilaa dargaggoota guddatootaa keessatti hammatamuudhaan waggaa lamaaf kubbaa miilaan leenji’uuf carraa argadhe. Gaafan barumsa kiyya sadarkkaa 2faa kutaa 12 xumuru yeroo jalqabaaf  kilaba kubbaa miilaa dubartoota magaalaa Hawaasaaf bara 2012-2014 taphadheera.

Akkasumas bara 2014-2018 kilaba kubbaa miilaa dubartotaa Dadabiitifi taphadheera. Waaggoota kanneen keessatti bara 2011-2015 garee kubbaa miilaa dubartoota dargaggoota  Itoophiyaa umrii 20 gadi ta’an keessatti hirmaachuudhaan biyyaaf  taphadheera. Lusiwwanittis  makamuudhaa Itoophiyaa bakka bu’uudhaan taphawwan gulaalaa adda addaarratti hirmaadheera.

Bariisaa: Akkamitti taphattuu pirofeshinaalii ta’uu dandeesse?

Loozaa: Kilaba dubartoota Dadabiitiif waggaa afuriif taphadheera. Shaampiyoona ta’uun waancaas fudhanneera. Yeroon kilaba kanaaf taphachaa turetti wal morkiiwwan gulaalaa waancaa kubbaa miilaa dubartoota Afrikaaf biyyoota adda addaatti taphachuuf wayita deemnu  ija leenjistoota biyya alaa keessa gale.

Leenjistoonni biyyoota adda addaa kilabootasaaniif akkan taphadhu leenjisaa kiyya gaafachuudhaan nasosobuu jalqaban. Leenjisaan kiyyas yoon kilaboota biyyaa alaaf taphadhe kana caalaa kubbaa miilaan akkan guddadhuufi beekamuuf nagorsuu jalqabe. Filannoon kiyya kilaba kubbaa miilaa dubartootaa Siiwidiin, kan Kungishbaa jedhamu ta’uun bara 2018 garas deemuudhaan taphadhera.

Haata’u malee ji’oota sagal boodee biyyatti deebi’uudhaan bara 2018-2019tti kilaba dubartoota magaalaa Adaamaaf taphadheera. Wayitan kilaba Adaamaaf taphachaa turetti kilabni Maaltaa kan ‘Biriikaariikaaraa’ jedhamu waamicha naaf godhe. Anis carraan argadhetti fayyadamuudhaan garasitti qajele.

Kilabni Biriikaarikaaraa jedhamu kun kilaboota dubartoota diviiziyoona tokkoffaa Odola  Maaltaa keessaa isa tokkoofi kilaba cimaadha. kilabichatti makamuuttis  baay’een gammade.

Bariisaa: Carraa kana argachuu keetiin hammam milkoofte?

Loozaa: Duraan muuxannoo waanan qabuuf yeroon Maaltaa deemu natti hinulfaanne. Yeroon sun anaaf gaariidha jechuun danda’a. Turtii kiyya keessatti taphawwan 14 taphadhee galchoota 30 galchuudhaan taphattu beekamtuufi galchituu beekamtuu ta’uudhaan badhaasa addaa badhaafamera. Umrii waggaa 22 keessatti “Mootittii galchituu kubbaa miilaa” jedhamuudhaan badhaafamuu kiyyatti gammachuu guddaan natti dhaga’ameera .

Badhaasni ani argadhe kunis dubartoota garee kubbaa miilaa biyyaalessaa qofaaf osoo hinta’in kanneen guddatoota bakka bu’ootaaf dadamaqiinsa cimaa uumaaf jedheen yaada.

Bariisaa: Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa waancaa kubbaa miilaa Afrikaaf darbuu dhabuusaatti maaltu sitti dhaga’ame?

Loozaa: Akkuma beekamu Itoophiyaan biyyoota waancaa kubbaa miilaa Afrikaa hundeessan keessa adda durummaan waamamti.Haata’u malee umrii dheeraa kan qabu gareen kubbaa miilaa biyyaaleesaa dhiirotaa (Waaliyaan) waancaarraa erga  fagaatee walakkaa jaarraa tokkoo ol lakofsiseera.

Garee kubbaa miilaa tokko gurmeessuuf federeeshiniin kubbaa miilaa seera federeeshinii kubbaa miilaa eggsisutu isarra ture. Kilaboonni yoo diigaman maalif jedhee hingaafatu. Kilaboonni diigamnaan ispoortiin kubbaa miilaa diigame jechuudha. Kana qofaa miti kilaboota dubartotaafi kan dhiiraaf walqixa ilaalchi hinjiru. Gareen kubbaa miilaa dubartotaa Lusiiwwan qabxii gaarii fidullee Waaliyaa wajjin walqixa hinkeessumeeffamu. Kanaafiidha guddini kubbaa miilaa biyya keenyaa duubatti kan hafeef.  

Bariisaa: Ammaan tana gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa waancaa kubbaa miilaa dubartoota Afrikaarratti hirmaachuuf qophiirratti argama. Kanaafuu ummanni maal sirraa eggaa?

Loozaa: Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa (Lusiwwan) kanaan dura waancaa kubbaa miilaa dubartoota Afrikaarratti yeroo sadiif hirmaateera. Anis yeroo sadanuu hirmaadheen ture. Yeroo tokko qofa sadarkaa sadaffaa argachuuf garee kubbaa miilaa Gaanaa wajjin taphanee liigooreedhaan 6-5n mo’amnullee garee cimaa ture. Yeroo sana ejjennoon isaa gaarii ture.

Gareen  ammaa kunis ejjennoo gaariirra jira. Anis Ambalii garichaa ta’uu kiyyatti itti gaafatama guddaatu narraa eggama. Kanaafuu kaayyoon kiyya garee kana tapha waancaaf dhaqabsiisuudha.

Waancaan kubbaa miilaa dubartoota Afrikaa kun bara 2022 Morookoo magaalaa Raabaatitti gageefama. Tapha gulaalaa duraa gare kubbaa miilaa dubartoota Jibuutii waliin taasifna. Garee kana ammoo akkuma laayyootti mo’achuudhaan dabarra abdii jedhun qaba.

Luusiiwwan yeroo ammaa kana onnee guutuudhaan bakka tokkotti walitti qabamuudhaan shaakalaa jiru. Garechi ga’umsasaa of madaaluuf taphawwan michummaa lama garee dubartoota Sudaan Kibaa waliin taasiseera. Tapha duraatti 11-0n, kan lammaffaatti 3-0n walumaagalatti 14-0n mo’anneera.

Taphattonni marti qaamaanis ta’e sammuudhaan qophaa’oo ta’uu agarsiisaa jiru.Ummaniifi mootummaan nu maddii waan jiraniif milkii gaariitu nu eeggatan jedha.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You