Yeroo mara addaddummaa yaadaa mariin hiikuu

Itoophiyaan ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa waliin walqabatee yaadni faallaa Misiriifi Sudaan qaban mariidhaan akka hiikamu barbaaddi. Kanarraa ka’uunis  waggoota kurnan darban ijaaramuun hidhichaa biyyoota lamaan akka hinmiineefi faayidana isaa kan waloo akka ta’e ibsaa turteetti.

Misiriifi Sudaan garuu dhimmicharratti tapha siyaasaa waan taphatan fakkaata. Itoophiyaan hidhicha ijaaruusheetiin waa tokko akka hinmiidhamane utuu beekanii, faayidaa fuulduratti Itoophiyaan irraa argachuu dandeessu gamanumaa tilmaamanii miira inaaffaan ijaarsiisaa akka harkifatu taasisaa akka jiran irraa beekama.

Marii biyyoonni sadeen dhimmicharratti taasisan osoo hinmilkaa’in waggoonnikudhan lakka’aamaniiru. Inumaayyuu ammaammoo dhimmichi Gamtaa Afrikaadhaan osoo hintaane Gamtaa Awurooppaafi Ameerikaatiin haa ilaalamu jechuun dhiheenya kana yaada bishaan hinkaasne dhiheessuun isaanii ni yaadatama.

Itoophiyaan garuu durumaayyuu ilaalchi Afrikaafi Afrikaanummaaf qadu jabaa waan ta’eef yaada Misiriifi Sudaan hinfudhanne; “Dhimmi Afrikaanootaa Afrikaanootaan ilaalamuu qaba” ejjennoo jedhu qabdi.

Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook jalqaba baatii Ebla bara 2013 barreessan, garaagarummaan marii dhimma hidha haaromsaarratti mudate furuuf walga’iin waltajjii hoggantoota Gamtaa Afriikaa akka waamamuuf kan gaafatau ta’us isaanumatu ejjennoosaanii jijjiira. Xalayichi isaan dhimma hidha haaromsaarratti marii garsadee ittifufsiisuun akka danda’amuuf Dura Taa’aan Yeroo Gamtaa Afrikaa Pirezdaanti Feeliksi Shiseekediin walga’ii waltajjii hoggantoota gamtichaa akka waaman gaafachuun akka barbaachisu kan ibsu ta’ullee keesssumaa Sudaan ejennoo dhaabbataa qabaachuu hindandeenye.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) gamasaaniin xalayaa barreeffameef deebii yommuu kennan, adeemsa marichaa akka waan hinmilkoofnetti fudhachuun barbaachisaa akka hintaane eeruun, garee walabaa qorannoo biyyooleessaa hundaa’uufi waliigalteen mallattaa’uun akka milkiitti fudhatamuu qaba jedhu.

Marii garsadeen kun yeroo hedduu milka’uu dhabuun mudatullee dhimmoota ijoo ta’anirratti xiyyeeffachuun akka gaggeeffamuuf carraa Gamtaan Afrikaa mijeesseef dinqisifannaasaanii ibsaniiru. Marichi ammas mariisisummaa gamtichaatiin ittifufuu akka qabu fedhii qabaachuu mul’isaniiru.

Kun kan agarsiisu addaddummaa yaadaa hiikuuf mariin furmaata yeroo hundaa ta’usaati. Keessumaammoo Afrikaanoonni dhimmasaanii ofiin hiikkachuun furmaata filannoo biraa hinqabnedha. Itoophiyaanis hanga dhumaatti ejjennooshee kana ittifufuun fiixaan ba’iinsa hidhichaaf hojiishee ittifufuu qabdi.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013

Recommended For You