Vaayirasii koronaa harka harkaan ittisuu

Addunyaa kanarratti wanti ni ta’a jedhamee hin yaadmne hedduutu ta’aa jira. Mee nanmi dhukkubni afuraan daddarbuu addunyaa guutuu waliinga’ee akkanatti nama galaafata, namni addunyaarraa ammoo haala kanaan afaaniifi funyaan aguuggatee deema jedhee yaadee beeku jiraa? Weerarri wayii dhufee jiruufi jireenya dhala namaa gaaga’ee, lubbuu namoota hedduu galaafateefi wantoonni hedduun akkanatti gara babbadu jedhee tilmaamewoo ni jiraa laata?

Garuu ta’eera; vaayirasiin waggaa tokko dura Chaayinaa, bulchiinsa Wuhaanii ka’e wayita ammaa hanga torban darbee qofatti namoota addunyaa miliyoona 147 ol kan qabe yoo ta’u, miliyoonni 3.1 ammoo lubbuusaanii dhabaniiru.

Akka Itoophiyaattis namoonni kuma 252 vaayirasichaan qabaman yoo ta’u, kanneen qorataman keessaa %10 ta’uudha ragaan kan agarsiisu. Kanneen keessaan namoonni kuma sadiifi 500  lubbuusaanii dhabaniiru.

Akka Oromiyaattis namoota kuma 308.8 sakkatta’aman keessaa kumni 35fi 261 (% 11.4) vaayirasichaan kan qaban yoo ta’u, 446 ammoo lubbuusaanii dhabaniiru; kanneen 250 caalan ammoo kutaa wal’aansa addaa keessa jiru. Namoota qabaman kanneen keessaa %65 dhiirota. Umuriidhaanis yoo ilaalamu kanneen waggaa 15-34 jiran %58 ta’uudha ragaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa (BEFO) kan agarsiisu.

Otuma vaayirasichi saffisa kanaan tatamsa’uun himamaa jiruu garuu dagannaan ummata bira jiru daran yaaddessaadha. Tarii inni biyyoota kaanitti ta’aa jiru biyya keenyattis ta’innaan nama keessatti sodaa kan uumuudha. Keessumaammoo dhimmicha dhimma seektara fayyaa qofa taasisanii ilaaluun qindoomina isa jalqaba ture laaffiseera.

BEFOnis dhimmichi waan isa yaaddesseef Kibxata darbe Magaalaa Adaamaatti abbootii ga’ee waliin marii gaggeesseera.

Hogganaa ittaanaan biirichaa, Obbo Darajjee Abdannaa waltajjicharratti akka jedhanitti, maloota ittisaafi to’annoo koviid-19 irratti hojiilee hedduun hojjetamaniiru. Ta’us tatamsa’inni vaayirasichaa yeroodhaa yerootti dabalaa, eeggannoon taasifamuummoo laafaa dhufeera. Kanarraa kan ka’e keessumaa ji’a darberraa kaasee tatamsa’innisaa haala yaaddeessaadhaan dabaleera.

Seenaa addunyaa keessatti weerarri akkanaa namoota baay’ee qabateefi lubbuu galaafate akka hinjirre kaasanii, ammas xiyyeeffannaan kennameefii qajeelfamoota ittisa dhibichaatiif ba’an sirriitti hojiirra oolchuu baannaan miidhaa caalu akka qaqqabsiisuudha kan kaasan. Keessumaa vaayirasichi yeroodhaa yerootti amalaafi mallattoo jijjirrachaa jiraachuunsaa tatamsa’innisaa daran akka dabaluuf sababa dabalataa ta’uu eeru.

Wayita ammaa akka Oromiyaatti guyyaatti namoonni sakkatta’amaa jiran jiddugalaan 700 akka hincaalle kaasanii, kanneen keessaa yoo xiqqaate jiddugalaan namoonni 350 vaayirasichaan qabamaa jiraachuu dubbatu.

Kunimmoo utuu namoonni hedduu sakkatta’amanii baay’inni kun kana caaluu akka danda’u mul’isa jedhu. Kana malees akka biyyaattis ta’e naannootti meeshaan hargansuufi bakka ciisichaa dhabamaa namoonni du’aaf saaxilamaa kan jiran yoo ta’u, oksijiiniin beellamaan waan kennamuuf namoonni gaafa beellamaa bilbilamuuf lubbuunsaanii darbe danuu ta’uu kaasu.

Akka ibsa Obbo Darajjetti, wayita ammaa hubannaan ummatas ta’e qaamolee mootummaa bira jiru laafaa yoo ta’u, dhukkubicha salphisanii ilaaluunis bal’inaan mul’ata. Keessumaa dhukkubichi namoota umuriin deemeefi dhukkuba dabalataa qaban miidha ilaalchi jedhu of dagannaaf sababa ta’aa jiraachuu eeranii, daataan jiru garuu kan mul’isuu dargaggoonni hedduunis miidhamaafi du’aa akka jiran himu.

Kanaa booda ummannis ta’u qaamoleen mootummaa maloota ittisaafi qajeelfamoota ittisaafi to’annoo vaairasichaa sirnaan hojiirra oolchuu akka qaban kaasanii, ayyaanota amantii Faasikaafi Ramadaanaafaas haala ofeeggannoo qabuun kabajuu nakka barbaachisu hubachiisu. Dabalataanis hojiichi kan seektara fayyaa qofaan hojjetamu waan hintaaneef qajeelfamoonni ba’an akka raawwatamaniif hunduu tumsuu akka qaban gaafatu.

BEFOtti Daarektara Hoggansa Balaa Tasaa Fayyaa Hawaasaafi Qorannoo Fayyaa Obbo Gammachuu Shuumii waraqaa saganticharratti dhiheessaniin akka jedhanitti, tatamsa’inni vaayirasichaa sadarkaa hammaataarra kan qaqqabe yoo ta’u, torbanoota lamaan darban qofa (Ebla 17 dura) tatamsa’innisaa %39.5 dabaleera. Duutis %63 kan dabale yoo ta’u, baay’inni namoota qabamaniis yeroo kamuu caalaa olaanaa kan ta’etu galmaa’aa jira.

Biiroonsaanii osoo vaayirasichi biyya keessaa hinseeniini eegalee hojiiwwan ittisaa hedduu hojjechuu eeranii, wiirtuulee qorannoo hundeessuu, bakka turtii qopheessuu, meeshaalee ittisaafi to’annoo dhiheessuufi kkfn raawwatamuu ibsu.

Kanaafis mootummaan federaalaa qarshii biliyoona 3.9 ramaduu kaasu. Kana malees taaski foorsiin dhimmicha hordofu sadarkaa godaa kaasee hanga gubbaatti hundaa’ee hirdofaa turuu himu.

Wayita ammaa wiirtuuleen addatti koviid-19 irratti qofa hojjetan harki caalu gara hojii idileesaaniitti deebi’uun hojiicha qindeessanii hojjechaa jiru kan jedhan daarektarichi, hojii baay’een akka isa jalqaba ture  sanatti deemaa waan hinjirreef ofeeggannoo cimaan taasifamuu baannaan balaa hamaa akka qaqqabsiisuu ibsu. Keessumaa taaski foorsiin dura hundaa’e hojii kennameef hojjetaa waan hinjirreef irra deebi’amee ilaalamuu qaba jedhu.

Maloonniifi qajeelfamoonni ittisaa hojiirra oolaa hojiin talaallii waliin ga’uu hojjetamaa akka jiru kan kaasan Obbo Gammachuun, bu’uura kanaan hanga yoonaa ogeessota fayyaa dhibichaaf saaxilamoo ta’an kuma 96fi 461f kennamuu yaadamee kuma 81fi 434 (% 82) kennamuu ibsu.

Akkasumas, namoota umriinsaanii 55-64 dhukkuba dabalataa qaban darbees umuriinsaanii 65 ol ta’u kuma 622fi 303f kennuuf karoorfamee, kumni 314fi 492 (%50) talaalli marsaa duraa argachuusaanii addeessu.

Akka waliigalaatti BEFOn gama ittisaafi to’annoo koviid-19 irratti hojiiwwan jajjabeessoo hojjetus, qindoominni seektaroota gidduu jiru laafuun, qajeelfamoota ba’aan kabajuu dhabuun, abbootii ga’een dhimmicharratti hirmaachuu dhabuun, walitti qabamoonni akka barbaadameen hir’achuu dhiisuun, hanqinni oksijiniifi meeshaalee wal’aansa biroo, dandeettiin sakatta’iinsaa gadi bu’uun, hordooffiin jiru laafaa ta’uufi kanneen biroo tatamsa’inni dhibichaa akka dabalu wantoota taasisan ta’uu ibsu.

Ogeessi barnoota fayyaa BEFO Obbo Indaalee Baacaas gamasaaniin qajeelfamoota ittisa koviid-19 bal’inaan hirmaattotaaf kan dhiheessan yoo ta’u, isaanis dhaabbileen tajaajila kennaniifi tajaajilamtoonni kamuu qajeelfamoota Ministeera Fayyaatiin ba’an hojiirra oolchuu akka qaban hubachiisu.

Akka isaan jedhanitti, dhaabbileen tajaajila kennan ogeessonniisaanii maaskii godhatanii  nama akka tajaajilan, akkasumas, tajaajilamtoonni yommuu gara dhaabbilee dhufan maaskii kaawwachuufi harka dhiqatanii akka seenaniif haala mijeessuu akka qaban qajeelfamichi akka dirqamsiisu kaasu.

Manneen barnootaas bakkee kunuunsa daa’immaniirraa kaasee hanga sadarkaa barnoota olaanaatti haaluma walfakkaatuun maloota ittisa vaayirasichaa haala hojiirra oolcheen hojjechuu qabu. Kana malees barattoonni fageenyasaanii akka eeggatan taasisuufi bakkeewwan namni shakkame itti tursiifamu qopheessuun akka irra jiraatu eeru.

Sirna awwaalchaarratti, walga’iiwwan, cidhaafi sagantaawwan namoota hedduu hirmaachisanirratti hanga namoota 50tti adeemsifamuu akka qabu ibsanii, tajaajila mana nyaataafi dhugaatii, kaaffeewwaniifi kkfttis yoo xiqqaate namoonni sadii ol minjaala tokkorra akka hinteenye taasisuun tajaajila kennuu qabu jedhu.

Kana malees malawwan ittisaa maaskii kaawwachuu, bishaan dhiqannaa ykn saanitaayizarii qopheessuun akka irra jiraatus ni yaadachiisu. Sagantaawwan hawaasummaa kanneen akka guyyaa dhalootaa kabajuu, ‘maahibara’, guyyaa eebbaa kabajuu, gadda taa’uufi kkfn ammoo eeyyamamoo akka hintaane ibsu.

Walumaagalatti, qajeelfamootaafi malawwan ittisaa ba’aan nuffii tokko malee hojiirra oolchuun ofiifi maatii keenya akkasumas, namoota nutti dhihoo jiran dhibee balaafamaa kanarraa haa baraarruuf harkan harkaan haa hirmaannuun ammoo ergaa kutaa qophii keenyaati.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013

Recommended For You