Murtii nageenya lammiileetiif bakka kenne

Biyyi keenyaafi ummannishii baruma dhufaa darbaan rakkoolee adda addaa ijoolleenumtishii tokko tokko uumaniin gidiraa argaa turteetti, argaas jirti. Akkuma garaan haadhaa buburreedha jedhamu akkuma ijoolleenshii kabaja biyyaafi ummatashiitiif lubbuusaanii marartuu aarsaa godhan jiran kanneen lammiidhumasaaniitti qorree dhoqqee keessaa ta’uun akka adaamii qoree biratti biqilee baruma baraan biyyaafi haadha hiyyeessaa bochisaniifi hiraarsan laayyoo miti.

Kan jechaa jirru kanaaf gochi murni ABUT baatii Onkoloolessaa darbe raayyaa ittisaa gaachanaafi dahoo biyyaarratti garajabummaan raawwatte agarsiistuu gaariidha. Murni kun uumamusaarraa kaasee yoo ilaalalle faayidaa malee namummaan dhala namaa ittihindhagahamne ta’uusaa agarsiistuuwwan danuu tarreessuun ni danda’ama.

Murni ABUT faayidaa namoota keessoosaa jiranii malee kan warra kaaniifi biyyattii dhimmasaa hinturre. Kanaafis gochoonni garajabummaa inni waggoota 27 dabraniif ilmaan Oromoos ta’e saboota biroo biyyattiirratti raawwataa ture ragaadha. Murni yeroo aangoorra turetti kaan gorra’e, kaan kolaasee, kaan miila irraa ciree gidiraa dhalli namaa namaratti ni raawata jedhamee tasumaa hin yaadamne raawwateera. Kun otoo isa hinga’in gocha garajabummaa isa hammeenyummaasaatiin dhuma ta’e raayyaa ittisa biyyaarratti raawwate.

Kana malees saboota biyyattii harka walkeessa naqatanii jaalalaafi nageenyaan jiraachaa turan jidduutti summii jibbiinsaafi walshakkii akka laayyootti hinfayyine facaasuun, tokko isa kaanirratti bobbaasuufi kakaasuun kan ofii fixe caalaa akka walfixan gochuuf dhagaa inni hingaragalchine hinjiru.

Murnichi saboota biyyattii maqaa masoo adda addaa ittimoggaasuun boquusaanii cabsaa, akka waljibbaniifi walgaareffataniif shirawwan danuu xaxeera. Keessumaa Oromoofi Somaalee, Oromoofi Amaara irratti shirri inni hinxaxne hinjiru.

Ummatoota kanneen cidiifi ibidda jechuunis iddoowwan adda addaatti ibiddi hindhaamne akka qabatuufi walfixiinsi akka uumamuuf daba ibsamasaa ta’een gochoota badii danuu raawwateera. Murni oggaa gochoota babii kanneen raawwachuuf wixxirfatu qofaasaa hinture; kitilayyootaafi fakkaattotasaa of maddii hirirsuuni malee.

Kanneen murna kana wajjin hiriiran keessaa tokko Shanee Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa dheengadda murnuma ABUT wajjin tarree shororkeessummaa keessa galcheera. Shaneenis biyya qawwee malee caalmaa yaadaatiin aangoo siyaasaa qabachuun danda’amutti karaa badii filachuun ummata biyyattii, keessumaa Oromoo waggoota sadan darbaniif hiraarsaa tureera.

Gochootaafi amala murnoota kanneenii kan hubate Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataas murtii nageenyaafi aaragalfii ummata biyyattiitiif bakka kenne dabarseera. Murtii ragga’e kanaanis murnoota kanneen haaluma kamiinuu deggaruuf yaaluun kan yakkaan nama gaafachiisu ta’ee tumamuun murtii sirrii yeroon gaafatuudha.

 BARIISAA Ebla 30 /2013

Recommended For You