Akka biyyaatti harka qal’eeyyiin miliyoona saddeet fayyadamoo inshuraansii fayyaa ta’aniiru

Adaamaa: Akka biyyaatti harkaqal’eeyyiin miliyoona saddeet fayyadamoo inshuraansii fayyaa ta’uu Ministeerri Fayyaa ibse. Akka Oromiyaatti ammoo miliyoonni 3.8 fayyadamoo akka ta’an Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksiseera. Ministir De’eetaan Ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa... Read more »

 Hanqina rooba arfaasaa dandamachuuf teknolojiin raaga metiworolojii bu’uureffate hojiirra ooluufi

Finfinnee: Hanqina roobaa arfaasaa bakkeewwan tokko tokkotti mudachuu malu furuuf hojimaataafi teknolojiin raaga metiworolojii walsimu hojiirra kan oolu ta’uu Ministeerri Qonnaa beekisise. Seensi rooba arfaasaa bara 2015 bakkeewwan muraasatti boodatti harkifachuu akka... Read more »

Ayyaanni injifannoo Adwaa 127ffaan haala aarsaa kanfalame madaaluun kabajama

Finfinnee: Ayyaanni injifannoo Adwaa 127ffaan haala aarsaa gootonni waraanarratti kafalan madaaluun akka kabajamu koreen qindeessaa ayyaanichaa ibse. Ayyaanni injifannoo Adwaa 127ffaa sadarkaa biyyaalessaatti qophiiwwan addaddaan kabajuuf koreen qindeessaa Ministeera Ittisaatiin gaggeeffamu Ministeera... Read more »

“Mariin hoggantoonni Afrikaa rakkoolee ardichaarratti taasisan jijjiirama qabatamaa fiduu qaba” – Doktar Guutuu Teessoo

Finfinnee: Marii hoggantoonni Afrikaa rakkoolee ardichaa ilaalchisee waggaa waggaan yaa’ii Gamtaa Afrikaarratti mari’atan jijjiirama qabatamaan dabaalamuu qaba jechuun ogeessi dinagdee Doktar Guutuu Teessoo dubbatan. Doktar Guutuun yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaa mataduree, “Hojiirra... Read more »

 Pirojektiin qarqara hara Dambal qarshii miliyoona 100n hojjetamaa jiru barana xumurama

Baatuu: Pirojektiin baay’ina turiztii Magaalaa Baatuu dabaluufi qarshii miliyoonaan 100n hojjetamaa jiru baranuma akka xumuramu kantiibaan Magaalaa Baatuu beeksisan. Kantiibichi Obbo Gazaahany Dajanee ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti, pirojektichi baay’ina... Read more »

 Waldhabdeen abbootii amantii mana amantii Ortodoksii Itoophiyaa gidduutti uumamee ture mariin furameera

Abbootii amantii Mana Amantii Ortodoksii Itoophiyaa gidduutti waldhabdeen uumamee ture mariin furame. Abbootii amantiifi jaarsolii biyyaa waliin rakkoo mana amantiitti mudate furuuf mari’atameera. Tokkummaafi tajaajila babal’isuun barbaachisa ta’uun itti amanamee waliigalteerra ga’uu... Read more »

Qabiinsa ragaa lafaa ammayyeessuu: Malaammaltummaa ittisuuf

Finfinnee: Biiroon Lafaa Oromiyaa kenna tajaajilaatiin walqabatee barana riifoormii haaraan gaggeessaa jiraachuu ibse. Hoggantuu Ittaantuun biirichaa Aadde Zaaraa Kadir gaafdeebii tibbana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin, dameelee malaammaltummaaf saaxilamoo ta’an keessaa sektarri lafaa... Read more »

 “Rakkoolee uumamaafi namtolchee nu qunnamaa turan keessatti bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’aniiru” – Shaneef waamichi araaraa dhiyaate

Adaamaa: Yaa’iin idilee 4ffaa, waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa Caffee Oromiyaa guyyoota lamaa kaleessarraa kaasee adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, yaa’ichaan pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa (BMNO) Obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa... Read more »

Yaa’iin idileen 36ffaa dura bu’oota Gamtaa Afrikaa har’aafi boru adeemsifama

Finfinnee: Yaa’iin raawwachiistota hojii Gamtaa Afrikaa 42ffaan tibbana guyyoota lamaaf Finfinneetti kan adeemsifame yoo ta’u, isatti aanee kan gaggeeffamu yaa’ii idilee 36ffaan dura bu’oota gamtichaa har’aafi boru asuma, magaalaa teessoosaatti taa’ama. Yaa’iin... Read more »

 “Qulqullina barnootaa mirkaneessuun furtuu rakkoolee hunda furuudha”– Pirofesara Gargaaraa Taaddasaa Jaalataa

Finfinnee: Qulqullina barnootaa mirkaneessuun furtuu rakkoolee hundaa waan ta’eef hojiiwwan qulqullina eegsisuuf taasifaman cimanii ittifufuu akka qaban yunivarsiitii Finfinneetti qorataan barnootaafi aadaa Pirofesara Gargaaraa Taaddasaa Jaalataa ibsan. Qorataafi barsiisaan barnootaafi aadaa gargaaraa... Read more »